Bulchiinsi Hindii soorataafi daldala foon saree dhorkite leellifamte

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi Hindii Nagaalaand jedhamtu foon saree alaa galchuu, akkasumas daldaluu dhorkite.
Murtee kanas kanneen mirga bineeldotaaf falman leellisaniiru.
Bulchiinsi Kaaba - Bahaa biyyattiitti argamtu kuni erga gareen mirga bineeldotaaf falman duula gaggeessan booda yaada kana fudhatte.
Gareen daldalli saree akka dhaabbatu duularra turanis murtee guddaadha jechuun ibsaniiru.
Gareen sivilii biroo garuu soorata aadaa hawaasaa kan miidhudha jechuun dubbatan.
Hindii bakka hedduu keessa foon saree soorachuun dhorkaadha, ta'us hawaasni Kaaba Bahaa biyyattii jiran muraasa foon saree nyaata haalaan mi'aawudha jechuun ibsu.
Barreessaan olaanaa bulchiinsa Nagaalaand Temjeen Tooy gaafa Jimaataa fuula tiwiitaraa irratti akka ibsanitti daldalli foon saree bilchaates ta'e dheedhii hunduu dhorkameera jechuun ibsan.
Murtee kaabinee bulchinsichaan murtaa'e kana akkamiin hojiirra akka oolchan garuu wanti ibsame hin jiru.
Miidiyaan Hindii akka gabaasanitti murteen kuni erga sareen hedduu hidhamanii gabaa keessa bahuu isaanii suuraaleen agarsiisu miidiyaalee hawaasummaa gubbaa erga qoqqoodamanii boodadha. Kunis, komii kaase.
Waggoota dheeraaf dhaabbileen garaa garaa sooranni saree bulchiinsa Hindii keessa akka dhaabbatu falmaa turani.
Wagga waggaatti tilmaamaan saroonni 30,000 gara bulchiinsa Nagaalaanditti geeffamu.
Achittis gabaa keessa dhaabamanii gurguramu. Gareen mirga bineensaaf falmu HSI jedhamu akka jedhutti yerootti saroonni reebamanii ajjeefamanis jira.
Jalqaba waggaa kana biyyua Hindiitti bulchiinsi Mizoraam jedhamtu daldala akkasumas soorata foon saree dhorkiteetti.
Hammana baay'achuu baatuus, biyya Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaafi Taayilaanditti foon saree ni yaatama.













