Adurree, simbira halkaniifi kanneen biroo: Seenaa bineeldota basaasummaaf fayyadan

Madda suuraa, SensorSpot
Seerri basaasummaa 1ffaa-basaastuu hin fakkaatiinidha.
Tibbana gosti qurxummii Beluga whale jedhamu, basaasaa Raashiyaati jedhamuun qabamuunsaa dubbii ijoo taheera.
Beluga whale maqaasaa yoo taheef- qaamolee bishaanii Norweey keessa jiraata, bineensota basaastummaaf fayyadan keessaati.
Garuu dogoggora bu'uuraa waa faana bu'uu irratti hojjete.
Dhimmi qurxummii kiyyeessitoota Noorweeyfi saayintistoota shakkisisee waanjoofi mallattoon irra jiru Ruusiyaa Piitarsbarg irraa akka tahe himuu isaati.
Raashiyaan kana dalaguu haalteetti- hanga yoonaa immoo bineensi beluugaa sunis homaa hin dubbanne.
Dubbachuu hin danda'umoo, hin barbaadu?
Bineeldota dhoksaadhaan basaasaaf fayyadamuun kuni isa jalqabaa miti.
Oppireeshinii adurree bishaanii

Madda suuraa, Keith Hamshere
Waanti waa'ee adurreewwanii beeknu yoo jiraate, waan barbaadan yeroo barbaadanittti gochuu danda'u isaaniiti.
Isaaniin hubachuufi tilmaamuun rakkisaa waan taheefi, CIAn basaastota dirree gaarii ta'uu akka danda'an kan yaadan.
Bara 1960 keessa maallaqni doolaara miiliyoona 14 ta'u adurree keessa meeshaa kaa'uuf baheera. Yaadichi akka icciitii basaasa Ruusiyaa foolii fuudhan ture.
Garuu guyyaadhuma jalqabaa kufe- naannoo embaasii Sooviyeet Waashingitan jiru, konkolaataa fiigichaan darbuuf jettu qabamte.
Bombiiwwan simbira halkanii

Madda suuraa, peters99
Callistoota dha. Dukkana dahoo godhachuun hojjetu, yeroo baayyee holqa dhoksaa keessa jiraatu.
Gulantaa basaasummaa isa sirrii dha- Ameerikaan waan barbaaddu keessaa tokko.
Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa, hakiimoti ilkaanii, simbirroota halkanii keessa meeshaalee xixiqqoo ibidda tufan kaa'u yaada kaasanii ture.
Yaadi isaanis simbirrooti halkanii sun magaalawwan Jaappaan iddoo gamoowwan jiran irratti ibidda akka gadhiisan ture.
Yaaliiwwan baayyyee taasifamaniiru- xayyaara gubanii qilleensarraa buusuu dabalatee. Garuu kunis hin hojjenne.
Ilbiisota dhaggeeffatan

Madda suuraa, Windy Soemara
Ilbiisota baaxiifi utubaarraa deeman fayyadamuun basaasuufillee yaaliin taasifamee ture.
Bara 2008tti, dhaabbatni qorannoo Ittisaa Ameerikaa ilbiisa keessa wadaroo elektiriikaa kaa'uun akka to'ataman gochuuf yaalanii turan.
Lafa diinni kee jiru meeshaa dhaggeeffattuu xiqqoo balalaiisuun, waan qoosaa ture.
Bineensota birootiinis piroojektiin wal-fakkaataa yaadameefi yaalamee ture.
Teekinolojiin amma jiru garuu meeshaa ilbiisaa fakkaatu hojjechuu irratti xiyyeefachaa jira.
Himannaa dogoggoraa

Madda suuraa, Osolee
Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa Ameerikaa, Raashiyaafi Israa'el doolfinii fayydamuun barbaacha bishaan keessaa gaggeessaniiru.
Bara 2007tti loltoonni Iraan ''osoleewwan basaastuu'' 14 iddoo biqilooti niwuukileeraa oomishamanitti qabataniiru. Maaliif achi akka dhaqan amma yoonaa waanti barame hin jiru.
Simbirooti baayyees dhaaboota basaasaa baayyee ni yaaddeessu.

Madda suuraa, clu
Bara 2013tti, qondaaltonni Masrii simbira afaan isaatti waa qabachuu shakkuu isaanii qofa miti.
Tajaajila nageenyaaf bilbilli irratti hidhamee ture.
Garuu basaasummaaf hin turre saayintistoota Fireenchiitu sochii simbirichaa to'achuuf itti hidhe.
Qamalee Haarpuul

Madda suuraa, PA
Basaasummaan haa milkaa'uu dhabu malee warri kaan seenaa himamullee qabu.
Akka qamalee Haarpuul miti.
Shekkoon akka jedhutti, yeroo waraana Naapoliyoon dooniin Firaans naannoo Kaaba baha Ingilaanditti caccabee ture.
Jiraattoonni magaalaa Haarpuul isa dura qamalee arganii hin beekan, nama Faransaayis yeroo jalqabaafi kan argan.
Waan inni odeessu afaan diinaati jechuun himatan, qamalittis basaastuu Firaansiiti jechuun qarqaruma galaanaatti qabatan.















