Namtichi 'mootummaa' jedhee saree isaaf maqaa baase hidhame

Madda suuraa, Beijing News
Namichi saroota isaaf maqaa ''yakka'' ta'e baase Chaayinaatti hidhamuu gabaasni mul'ise.
Barruun beekamaa 'Beijing News' jedhamu namni umuriin isaa 30 keessa ta'eefi saree guddisu bulchiinsa Anhuyii keessatti gaafa Wiixataa ture kan qabame.
Nami maqaan maatii isaatii Baan jedhamu kuni misenjarii mobaayilii 'Wechat' jedhamu irratti saroota lamaan qabuuf maqaa isaanii barreessee ture.
Maqaan saroota kanaas, Chenguwaaniifi Siyeguwaan jedhama. Hiikni isaas mootummaafi hojjettoota sivil sarviisii jechuudha.
Chenguwaan qondaaltota magaalaa keessatti yakkoota xixiqqoo to'achuuf kan mindeeffaman yoo ta'u, Siyeguwaan immoo hojjettoota tiraafikii gargaaranidha.
Gaazexichi abbaan saree qoosaaf jecha maqaa kana akka itti baase ibsuusaa barreessuus, qondaaltonni garuu inumaa maqaa jalqabaa akka qoosaatti bira darbuu hin feene.

Madda suuraa, Yingzhou Police
Poolisiin 'Yingzhou' qorannoo irratti eegaluu isaanii beeksiseera. 'Seera nageenya ummata Chaayinaa' eeruunis guyyoota 10'f mana hidhaa Siyaangiyaang turuu qaba jedhaniiru.
Qondaalli poolisii Li jedhamanillee gaazexaa 'Beijing News'f akka dubbatanitti wanti abbaan saree godhe ''hojjeeoottaa irratti miira badaa uumeera.''
Obbo Baanis akka gaddeefi ''seericha akka hin beennee'' ibseera.
Namoonni miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa 'Weibo' jedhamu irratti haasa'aan immoo hidhamuu qabaafi hinqabu yaada jedhu ijoo dubbii godhaniiru.













