Pireezidantiin Kooriyaa Kibbaa foon saree namni nyaachuu hir’ise jennaan dhorkuuf

Madda suuraa, AFP
Pireezidantiin Kooriyaa Kibbaa Muun Jee-iin biyyattiitti foon saree nyaachuun dhorkamuu danda’a jedhan.
Waggoota dhiyootiin asitti lammiileen Kooriyaa baayyee foon saree takkaa hin nyaanne.
Haa tahu malee ammallee Kooriyaa Kibbaatti waggaatti sareen miiliyoona tokko tahu qalama.
Walgahii ministira mummee waliin taasisaniin Muun foon saree yerootti ‘of eegannoon dhorkamuu qabu’ amma tahuu gaafatan.
Pireezidantiin saree jaalatan kuni foon saree guutummaatti dhorkuuf yeroo jalqabaafidha yaada kan dhiyeessan.
Tarkaanfii haaraa bineeldota gatamaniif eegumsa gochuu irratti ibsa isaaniif kennameen booda, yaada kana kennan.
Kooriyaatti saree fi adurree haala suukanneessaa taheen goorra’uu ilaalchisee seerri taa’e jiraatus, nyaachuun garuu ammallee hin dhorkamne
Tahus yeroo dhiyootiin asitti amaleeffannaa haaraa bineeldota manatti madaqsuu jedhuun namoonni foon saree nyaachuu dhaabaniiru.
Kanaanis gabaan saree biyyattii gurguddaa sadii cufameera.
Qorannoon bara 2020tti adeemsifames uummata Kooriyaa Kibbaa keessaa harki 84 takkaa foon saree nyaatanii hin beekan ykn gara fuulduraattii nyaachuu hin fedhan. Harki 59 immoo dhorkamuu foon saree ni deeggaru.
Gareen falmitoota mirga bineensotaa yaada Pireezidant Muun daldalli foon saree dhaabachuu qaba jedhu haala gaariin simatan.
''Yeroo ammaa lammiileen Kooriyaa Kibbaa foon saree soorachuu akka aadaatti otoo hin taane, akka miidhaa bineeldotaatti fudhachaa jiru,’’ jedhan hogganaan dhaaba Kooriyaa Kibbaa mirga Bineeldotaaf falmuu, Jiiyoon Jiin-Kiiyuung.
Filannoon pireezidaantummaaf taasifamu dhiyaannaan kaadhimamtoonni baay'een foon saree dhorkuuf yaada kaasan, mariin dhimma kanaas itti fufee jira.
Lee Jae-myung bulchaa naannoo Gyeonggi yoo tahan, kaadhimamaa cimaadha jedhamaa jiru. Isaaniis duula geggeessaa jiraniin deeggartoota isaanii imaammataafi seerri haaraa akka barbaachisu itti himan.













