Joo Baayidan osoo saree isaanii waliin taphatanii lafeen miila isaanii cabe

Madda suuraa, DELAWARE HUMANE ASSOCIATION
Pirezidantii Ameerikaa ta'uf dorgomanii kan irra aanan Jooy Baayidan saroota qaban keessaa tokko waliin osoo taphatani miilli isaanii cabe.
Baayidan, 78, miidhamni koroonyoo isaaniirratti dhaqqabe jedhameera. Sareen isaan waliin turan jedhamemmoo saree sanyii Jarman Maajor jedhamudha.
Of eeggannoof jecha ogeessa yaalaa bira dhaqanii ilaalamaniiru.
Ogeessii fayyaa dhuunfaa isaanii Kevin O'Connor raajiin kaafame miidhaa guddaa hin agarsiisu garuu qorannoo biraa akka taasifamuf ajajan.
Qorannoon 'CT Scan' taasifames Baayidan miila isaanii keessumaa lafeewwan miila isaanii lama cabu doktaroonni himaniiru.
Sababa kanaaf, torbee muraasaaf kophee miidhama fayyisuuf isaan gargaaru godhachuu malu jedhameera.
Baayidan garee miidiyaa dubartii qofa muudan
Gama kaaniin Baayidan gartuu miidiyaa dubartoota qofaa ta'an muudan. Kunis, akka waajjira isaanii jedhutti kuni seenaa biyyatti keessatti kan jaalqabaati.
Gartuu kun itti aantuu dareektara kominikeeshinii duula filannoo Baayidann kan turte keet Bedingifiildiin hogganama.
Pirezidant Baraak Obamaaf direektara kominikeeshinii Waayit Haawus kan turte Jeen Pisaki ammoo dubbi himtuu taati.
Baayideen bulchiinsa gosa adda addaafi biyyattii ifatti ibsu hundeessuuf waadaa seenaniiru.
“Gartuu kominikeeshinii Waayit Haawusi durbatoota qofaan hundaa'eefi kan jalqabaa ta'e har’a yommuun beeksisu nan boona,” jechuun Baayidan ibsa keennaniiru.
“Ogeessoti kominikeeshini dandeetti qaban kunneen ilaalacha gara garaa hojii isaanitti fiduun, biyyaa kanaa garummaaf deebisanii ijaaruuf kan of kennanidha.”
Gorsiitoonni olaanoo filatamtuu itti aantuu Pirezidantii Kamaalaa Hariis lamaan Simoon Saandersii fi Ashlii Itiyaan dha.
Akka aangoo kaabinee wajjirri miidiyaa muudamaaf seenetii irraa raggaasifamuu hin qabu.
Filannoo injifachuun booda Baayidan qondaaltota olaanoo kaabinee isaanii keessa seenan ifa gochuu eegalaniiru.
Torban darbe filannoon isaanii “gartuu Ameerikaan deebiteetti jedhu kan ibsu,” akka ta’u himaniiru. Gartuun isaanii biyyattiin yemmuu addunyaa dursitutti kan “nageenya” eegan ta’u jedhan.
Akkasumas Dilbata, Baayidan yommuu saree isaanii Meejar waliin taphatanitti mucucaatanii kufuun miila isaaniirra miidhamanii turan.
Ibsi ogeessa fayyaa isaanii Dr Keevin Okaanariin keenname “torban hedduuf” Baayideen kophee addaa adeemsaaf qophaa’e godhachuu malu jedhan.
Baayidan aangoo pirezidaantummaan kan muudaman Amajjii 20 dha.
Wiixata kana pirezidaantummaa fi dhimma tikaa iccittii ta'e irratti yeroo jalqabaaf ibsi kennamuufiif jira.













