Ameerikaa: Baayidan Joon Keerii ergama addaa dhimma jijjiirama qilleensaa gochuun kaadhimatan

Joon Keeriin wayita waliigaltee jijjiirama qilleensaa Paaris mallatteessan, bara 2016, daa'ima dubaraa akaakayyuu isaanii taate waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joon Keeriin wayita waliigaltee jijjiirama qilleensaa Paaris mallatteessan, bara 2016, daa'ima dubaraa akaakayyuu isaanii taate waliin

Pirezidaantiin US haaraa filataman Joo Baayidan nama waliigaltee jijjiirama qilleensaa Paaris keessatti ga'ee adda durummaa ba'achaa turan Joon Keerii, ergama addaa dhimma jijjiirama qilleensaa gochuun kaadhiman.

Qondaalli US duraanii bara bulchiinsa Baraak Obaamaa keessa Ministira Dhimma Alaa biyyattii turan Joon Keeriin, qondaaltota olaanoo Joo Baayidan waliin baallii fudhachuun itti fufuuf kaadhimaman keessaa tokko ta'aniiru.

Qondaalli olaanaan US jijjiirama qilleensaa addunyaa qolachuu keessatti ga'ee olaanaa ba'aa turan Joon Keeriin, bara Joo Baayidan filatamuun isaanii, laafina bulchiinsaa gama kanaan bara bulchiinsa Tiraamp amma obba'aa jiruu ture kan soroorsuudha jedhameera.

Qondaaltonni mataa dimokiraatotaa fi rippaabilikaanotaa turan, Joo Baayidan fi Doonaald Tiraamp, wayita filannoof wal-morkaa turan, dhimmi jijjiirama qilleensaa ajandaa guddaa ture.

Gama kaaniin gargaaraa isaanii yeroo dheeraa kan ta'an Antonii Biliinken Ministira Haajaa Alaa, akkasumas Jaaneet Yaaleen hooggantuu qabeenya biyyattiitti muudamuuf Joo Baayidaniin kaadhimamaniiru.

Duraan Sirna Baankii Giddu galeessaa Federaalaa Ameerikaatti dura teessuu kan turan Jaaneet Yaaleen, dhimma qabeenya ykn maallaqa biyyattiitti hoogganummaan wayita muudaman dubartii jalqabaa ta'u.

Muudamtoota kaadhimuun wayita Pirezidaant Tiraamp akka bu'aa filannoo tole jedhanii fudhataniif, dhiibbaan gama garaagaraa irratti uumamaa jirutti raawwataa jira.

Muudamni tokko tokko Seeneetii US'n mirkanaa'uu barbaachisu.

Jaaneet Yaaleen, dubartii jalqabaa hooggantuu dhimma maallaqaa US ta'uun kaadhimaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jaaneet Yaaleen, dubartii jalqabaa hooggantuu dhimma maallaqaa US ta'uun kaadhimaman

Daarektara Itti Aantuu duraanii Ejensii Basaasaa Giduu Galeessaa fi Gorsituu Itti aantuu duraanii dhimma nageenya biyyaalessaa US kan ta'an Avril Haines ammoo, Daarektara Tika Biyyaalessaa ta'uun kaadhimamaniiru.

Avril Haines iddoo aangoo kanarratti dubartii jalqabaa ta'u.

Hoogganaa dhimma nageenyaa biyya keessaa ta'anii akka muudamaniif kan kaadhimaman ammoo, duraan bara bulchiinsa Obaamaa bakkuma kanatti itti aanaa ta'uun tajaajilaa kan turan Alejandro Mayorkas jedhamu.

Namni kun wayita bakka kana argatan nama Laatiinoo isaan jalqabaati.

Gorsaa nageenyaa Waayit Haawus akka ta'aniif kan kaadhimaman ammoo Jake Sullivan jedhamu, qondaalli kun marsaa lammaffaa bara pirezidaantummaa Baraak Obaamaa bakka kanaaf kaadhimamanii turan.

Dippiloomaatii gameessi Linda Toomaas Giriinfiildi ammoo UN'tti ambaasaaddara US ta'aniiru.

Bara bulchiinsa Baaraak Obaamaa damee dippiloomaasii irratti hedduu hojjetaniiru. Bara 2013 fi 2017 gidduu dhimmoota Afriikaa irratti qondaala US ta'uun tajaajilaniiru.

Jake Sullivan(bitaa), Linda Toomaas Giriinfiild(gidduu) fi Antony Blinken(mirga)

Madda suuraa, Getty Images/Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jake Sullivan (bitaa), Linda Toomaas Giriinfiild (gidduu) fi Antony Blinken (mirga)