Tiraamp ce'umsi aangoo gara Baayidan akka eegalu tole jedhan

Joe Biden

Madda suuraa, Reuters

Filannoo pireezidantummaa US kan mo'atan Joo Baayidan masaraa galuu akka danda'aniif, adeemsi ce'uumsa aangoo akka eegalu Pireezidant Tiraamp waliigalan.

Tiraamp Ejensiin federaalaa walharkaa fuudhinsa aangoo olaantummaan hoogganu wanna hojjetamuu qabu hojjechuu qaba jedhan.

Haata'u malee ammaas filannoo kanaan injifatamuu isaaniiratti mormii qaban ibsuu akka itti fufan himan.

Ejensiin federaalaa ce'umsa aangoo raawwatu 'General Services Administration', Baayidan injifataa filannoo kanaa ta'uuf beekamtii kenneera.

Yaadni Tiraamp kun kan dhagahame isteeta Michigaan keessatti Baayidan injifachuun ibsamuu hordofeeti.

Gareen Joo Baayidan adeemsi ce'umsa aangoo ifatti eegaluutti gammaduu ibseera. Baayidan Amajjii 20 pireezidantii US ta'anii waadaa galu.

''Murteen har'aa danqaalee biyya keenya mudatan kan akka weerara Covid to'annoo jala oolchuufi diinagdee bayyanachiisuu irratti akka hojjennu tarkaanfii guddaa tokkodha,'' jedha gareen Baayidan ibsa baaseen.

Dhaabbilee federaalaa wajjiin ce'umsa aangoo gaggeessuuf murtee bulchiinsaa isa dhumaatis jedheera.

Baayidan guyyaa kaleessaa imaammata haajaa alaafi nageenya irratti namoota isaan waliin hojjetan beeksisaniiru. Hedduun isaanii bara bulchiinsa Obaamaa kan aangoorra turanidha.

Antonii Biliinken Ministira Haajaa Alaa, Joon Keerii ergamaa addaa dhimma jijjiirama qilleensaa, Jaaneet Yaaleen hooggantuu qabeenya biyyattiitti muudamuun dubartii jalqabaa ta'uuf jedhu.

Tiraamp Maal jedhan?

Donald Trump

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp maxxansa tiwiitaraa isaaniin GSA (General Services Administration) hojii ce'uumsa aangoo akka eegaluu garee Baayidanitti himeeraa jedhan.

Adeemsa ce'umsa aangoo kanaaf maallaqni doolaara miiliyoona 6.3 ta'u, Baayidaniif qophaa'uu bulchituun dhaabbata GSA Emiliiy Marfii ibsaniiru.

''Fedha biyya keenyaa eeguuf jecha, Emilii fi gareen ishee adeemsa hojii jalqaba hojjetaman hunda akka hojjetan, gareen koos akkasuma akka godhan qajeelcheera'' jedhan Tiraamp.

Muudamtuu Tiraamp kan ta'an Emiliin yeroo murtee kennan kana irratti dhiibbaan Waayit Haawus akka hin jirre himaniiru.

''Ifa akka ta'uuf ani hojiin hojjedhu akkan tursuuf qajeelfama kamiyyuu hin fudhanne,'' jedhan Marfiin xalayaa Baayidaniif erganiin.

''Haa ta'uutii gama online, bilbilaafii imeeliin; anarratti, maatiikoorratti, hojjettoota koorratti, bineeldota manaa qabu osoo hin hafiin dorsisuun murtee yeroo isaa hin eegganne, akkan murteessu dhiibbaan narra gahaa ture,'' jedhan.

''Dorsisoota kumaan lakkaawaman gidduutti seerri akka eegamu of kenneen ture,'' jedhan Emiliin.

Emiliin gartuuwwan lamaan irraayyuu adeemsa ce'umsa aangoo ilaalchisee qeeqni irratti dhiyaachaa ture.

Miseensonni Mana Maree dhaaba Dimookraatotaa, Emiliin hanga Wiixta kaleessatti dhiyaatanii maaliif adeemsi ce'umsa aangoo akka barfate akka ibsan gaafataniis Emiliin irraa hafaniiru.