Tiraamp filannoo ilaalchisuun himata dhiyeessan abbaan murtii kuffise

Tiraamp himannaa filannoo Pensaaliviniyaatti banan abbaan murtii kuffise

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp himannaa filannoo Pensaaliviniyaatti banan abbaan murtii kuffise

Duulli filannoo Doonaald Tiraamp sagalee karaa poostaatiin bulchiinsota Ameerikaa filannoof murteessootti kennaman miliyoonatti lakka’amu akka haqamu iyyannaan, abbaan murtii Pensaaliviniyaa fudhatama dhabsise.

Abbaan murtii Maatiw Birayin, himati seeraa filannoon haala baramerraan addatti gaggeeffamu kaasu ‘kufaadha’jedhan.

Tarkaanfiin abbaa murtii kun Peensalviniyaatti Joo Baayideen sagalee caalmaa 80,000 argachuusaanii waraqaa mirkaneessitu torban itti aanu akka argataniif haala mijeessa.

Filannoo Ameerikaa Sadaasa 3, bara 2020 kan injifataman jijjiruuf kan carraaqan Doonaald Tiraampif kun oduu gaarii miti.

Tiraamp filannoo pirezedantummaa injifatamusaanii amanuu diduun, filannoon burjaja’eera jechuun ragaa otoo hin dhiyeessin himata jabeessan.

Bu'aa filannoorratti waliigaluu dhabuun kunis adeemsa filannoon Ameerikaa baratameerratti dhiibbaa uumeera.

Sirna filannoo kanarratti Joo Baayidan sagalee ellektoraalaa 306 argachuun pirezedanti Tiraamp akka injifatan tilmaameera. Pirezedantii Ameerikaa ta’uuf garuu yoo xiqqaate sagalee 270 argachuutu isaanirraa eegama ture.

Duulli filannoo Tiraamp himannaa seeraa bulchiinsota Ameerikaa murteessootti bane kuffisuun, Baaayidan filannicha injifachuu caalaatti mirkaneesse.

Abbaan murtii Peensalviniyaa maal jedhe?

Abbaan murtii Biraayin, duulli filannoo Tiraamp mirga filattoonni ‘miliyoona torbatti dhiyaatan qaban irraa mulquu barbaadu’jedhanii barreessan.

Itti dabaluun, Ameerikaatti himannaan kun nama sagalee kenne tokkoorrayyuu mulquu kan dandeessisuu miti jedhan.

Duulli filannnoo Tiraamp garuu heerri Ameerikaa walqixaa eegumsa nuuf taasise cabeera, kaawuntiin Dimokiraatootaa filattoonni dogoggora filannoorratti uuman akka sirreeffatan yoo eeyyamu kaawuntii Rippaabilkaanotatti dogoggora sirreeffachuun hin eeyyamne jedhanii falman.

Abbaan murtii Birayin garuu, himannaasaanii fudhatama dhabsiisan. Gartuun seeraa Mr Tiraamp murtoo kennameerratti ol iyyannoon saffisaan barbaanna jedheera.

Rippaabilikaanoti muraasniTiraamp injifatamuusaanii akka fudhatan waamicha dhiyeessaniifillee, Senetarri Rippaabilkaanotaa Paat Toomii murtoo kana booda Tiraaamp injifatamuusaanii guutummaatti fudhachuu qabu jedhan.

Bulchiistoota filannoo Ameerikaaf hedduu murteessoo ta’an biroo keessa maal jira?

Sambata darbe duulli filannoo Tiraamp Joorjiyaatti akka firiin filannoo deebi’e lakkaa’amu erga gaafate booda, guyyaa itti aanuu harkaan lakka’ame Mr Baayideen injifachuun mirkanaa’era.

Kutaaalee Ameerikaa filannoonf hedduu murteessitu taate kan biraa,Michigaaniittis Baayideen injifataniiru.

Wiskaansanitti immoo qondaaltonni filannoo raawwachiisan , deeggartoonni Tiraaamp filannoon irra deebiin akka hin lakka’aamne guufachisan ykn danqanii jechuun himatan.

Akka qondaaltonni kun jedhanitti, taajjabdoonni Tiraamp Wiskaansanitti itti yaadani adeemsa filannoo lafarra harkisuutti jiruu jedhan.

Amma Muddee 1, bara 2020tti irra deebiin firiin filannoo lakka’amee hin goolabamne taanaan, Tiraamp himannaa seeraa akka itti fufaniif haala mijeessa.