Filannoo US 2020: Deggertoonni Tiraamp kumaan lakkaa'aman Waashingitan DC'tti hiriira ba'an

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaanti Doonaald Tiraamp bu'aan filannoo waliin dhahameera jechuusaanii hordofuun deggertoonni pirezidaantichaa kumaan lakkaa'aman Waashingitan DC'tti hirria ba'uun deggersa pirezidaantichaaf qaban ibsaniiru.
Hiriirri kun hiriira kanaan dura biyyattii keessatti gaggeeffamanirraa waan ittiin adda ta'u qaba.
Hiriirtonni hedduun alaabaa biyyattii baay'inaan qabachuun, kaan ammoo meeshaalee rasaasa ofirraa qolachuuf gargaaran uffachuu fi mataarratti godhachuun ba'aniiru.
Duratti wayita Doonaald Tiraamp konkolaataasaaniin hiriirtota keessa darban, lammiileen kumaan lakkaa'aman itti marsuun deggersa isaanii ibsaniiru.
Filannoo pirezidaantummaa US kan bara 2020 irratti olaantummaadhaan kan irra aanan Joo Baayidan fiannocha mo'achuu isaanii torban tokko dura ture kan ibsame.
Jimaata darbe ammoo Joorjiyaatti injifachuun erga bara 1992 as qondaala jalqabaa paartii warra dimokiraat keessaa isteetii kanatti mo'ate ta'aniiru Joo Baayidan.
Pirezidaantiin haaraa filataman Joo Baayidan hanga ammaatti sagalee filannoo 306 kan argatan yoo ta'u mo'achuuf garuu 270 qofti isaan ga'a ture.
Haata'u malee pirezidaanti Tiraamp ammoo iddoowwan ijoo ta'anitti bu'aan filannoo waliin dhahameera jechuun hamma yoonaa gaaffii kaasaa jiru.
Abukaatoon Tiraamp, Ruudii Juuliyaanii Tiraamp mo'amuusaanii kana yoo fudhatan doggoggaraniiru jedhan.
















