Bu'aan filannoo US 'imaammata Iraan hinmiidhu'- Khaamenei

Ayatollah Ali Khamenei gives a speech in Tehran, Iran (3 November 2020)

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, "Taateewwan raawwachu danda'au garuu nu hinilaalattan'' jedhan Ayaatollaah Alii Khaamenei

Duree Olaanaa Iraan Ayaatolaah Alii Khaamemei filannoo pirezidaantummaa Ameerikaatiin eenyuu mo'atu 'imaammata Teehiraan Waashingitan irratti qabduu' kan geedaru miti jedhan.

''Imaammanni keenya...ifaadha. Sochii namootaatiin kan geedaramu miti,'' jedhan. Itti dabaluunis ''eenyu dhufee enyu deemullee nu hin ilaallattu'' jedhan.

Doonaald Tiraamp erga bara 2018tti waliigalteen nikularaa dhorkaameen booda 'qoqqobbii cimaan' akka Iraan irra kaa'amuuf duula gaggeessaa ture.

Dorgomaan isaa Joo Baayidan ammoo waliigalticha deebiisee ilaaluu akka danda'u himeera.

Waliigalteen bara 2015tti wayita Joo Baayidan Itti aanaa Pirezidaantii Baaraak Obaamaa turaniitti raawwatame Iraan sochiilee nikulaara gabbisuun wal qabatee qoqophaa irra kaa'ameeraa aaragalfannaa akka argatu kan taasisee ture.

Pirezidaanti Tiraamp ammoo, ''keessoonsaa rakkoo'' waan qabuuf Iraan wayita dinagdeen ishee kufeetti akka jijjirama waliigaltichaatiif marii akka teesuuf dirqiisiisuuf qoqobbaan deebiifamee irra kaawwame jedheera.

Iraan gama isheetiin kana diduun siriiyyuu waliigalteewwan nikulaaraa mummee hedduu diiguun deebiiftee hojiichuu eegalte.

Kanaafuu biyyoonni lamaanis keessattu erga Mr Tiraampi haleellaa diroonii hajajuun komaandara Iraan olaanaa Qaaseem Soleimaan ajjeefamanii booda Ammajjiitti waliirratti waraanaa banuu gahanii ture.

Ameerikaanis ajjeechaa loltoota biyyattii dhibba hedduuf itti gaafatamaadha jechuun himatti.

Deebii isaatiif ammoo Iraan burreeffannaa humnoota Ameerikaa kan Iraan keessaa irratti misaa'eeloota baalistic dhokaafte. Kanaanis lammiilee Ameerikaa ajjeefaman jiraachu baatan illeen, kanneen 100 ta'an miidhaa sammuutiif saaxilamaniiru.

Link box banner bottom

Ayaatollaah Khaamenei haasaa kana kan taasisan, guyyaa barattoonni haarbeessitoonni Iraan hojjattoota Imbaasii US kan Taahraan keesssaa irra guyyoota 444f itti to'atan waggaa 41ffaa wayita yaadatanii ture.

Yeroo sanaa qabee US fi Iraan jidduu walitti dhufeenyi dippilomaasii kamiyyuu hinturre.

"Kun US tibba filanootti. Taateewwan umamuu danda'u garuu nu hinilaalatan,'' jedha duree olaanaafi ogganaan humnootii waraanaa Iraan.

"Nutis haala qabatamaa, imaammata sirriin xinxalamee fi kan jijjiramuu namootaatiin hingeedaramne hordofna.''

Akkasumas haala filannoon US itti gaggeefamu ''seenaa filannoo baayyee hingeedaramne'' jechuun dubbiin xumuraniiru. Itti dabaluunis ''Egaa kanadha dimokraasiin Ameerikaa'' jedhan.

Ministirri Haajaa Alaa Iraan Mohaammad Jaavaad Zaariif deebiifi gaaffii CBS waliin Wiixata taasisaniin, motummaan Iraan kaadhimamaa filatu hinqabu jedhaniiru.

''Haasaawwan Baayidan duula irratti dubbatan abdachiisaadha. Garuu ammoo turree ilaalu qabna. Kan hojjatuus amala,'' jedhaniiru.

''Imaammanni bu'aa ''dhiibbaa olaanaa'' jedhu USf bu'aa hinargamsiifneef. Iraan miidheera. Garuu ammoo haala siyaasaa Ameerikaan eegdee argamsiisuu hindandeenye.''

Tarii Iraan osoo Baayidan mo'atee yoo bulchiinsa isaa waliin marii eegalte gaafatamanii ''lakki osoo isa barbaaddnee turee pirezidaanti Tiraamp waliin waggoota afur dura raawwanna ture,'' jechuun deebii kannan Mr Zaariif.