Filannoo US 2020: Maaliif bu'aasaa hanga ammaatti hinbaramnee laataa?

Sa'aatii ammaa kanaatti bu'aan filannoo pireezidantii Ameerikaa hanga tokko kan itti dhagahamuu danda'u ture.

Haa ta'u malee kaadhimamtoonni lamaan qabxii baay'ee walitti siquun morma wal qabanii jiru.

2px presentational grey line

Tole, eenyutu pirezidaantii itti aanu ta'a?

Sababii sagalee gahaan hanga ammaatti hin lakkaa'amneefuu ammatti wanti baramee omtu hinjiru.

Donald Trump, left, and Joe Biden, right

Madda suuraa, Reuters

Garuu ammoo kana jechuun wanta himan homaa hin qaban jechuu miti.

Ganama kana Delaaweeriitti Joo Baayidan, ''kun yeroo dheeraa akka fudhatu ni beekna. Boru ganama ykn isa caalaa deemuu danda'a," jechuun bu'aan filannoo turuu akka danda'u akeekan.

''Haa ta'u malee ammatti akka gaarii jirra. Filannoo kana injifachuuf daandii sirrii irratti kan argamnu ta'usaan isniitti himuuf as jira'' jedhan.

Donaald Tiraamp haasaa Waayit Hawuusitti taasisaniin caalaa miira hin tasgaboofnee fi of ittisuu keessa turan.

Osoo sagaleewwan seera qabeessoon miliyoonota ta'an hin lakkaa'amiin 'injifadheera' jechuun labsan.

Akkasumas ragaa tokko malee ''filannoo waliin dhawuun' mudateera jedhan.

''Kunis biyya keenyaf qaaniidha'' erga jedhaniin boodas, Mana Murtii Olaanaa deemuun bu'aa filannichaaf akka falman himan.

Haa ta'u amlees hanga ammaatti TV ykn eejansiiwwan oduu US kamiyyuu gabaasa himannaa Tiraamp dhiyeessan kana waliin adeemu hin dhiyeessine.

Qabatamaadhumattis, yeroo sagaleewwan filannichaa sababii weerarichaatiin karaa poostaatiin ergaman lakkaa'uun fudhatuun, bu'aa mirkanaa'ee argachuuf guyyoota fudhachu danda'a.

Yoo ammoo bu'aa sanarratti himannaan seeraa dhiyaatu jiraate ammoo caalaayyuu torbanoota fudhachu danda'a. Kunis baay'ee rakkisaa ta'u mala.

Eenyuu akka injifaturratti wanti agarsiisuu jiraa?

Pireezidantii ta'uuf sagalee hedduu argachuun sirraa hin eegamu. Bakkaasaa, kaadhimamtoonni sirna filannoo 'elektoraal koolleejjii' jedhamuun isteetiiwwan irratti injifachuu qabu.

Isteetiiwwan hundi lakkoofsa sagalee 'electoral vote' murtaa'ee kan baay'ina lakkoofsa ummata isaaniin walgitu kabu.

Namni isteetii tokkorratti sagalee uummataa caalmaa injifate, sagalee 'electoral vote' isteetii sana mara dhunfata.

Walumaagalattis isteetiiwwwan sagalee 'electoral vote' 538 kan qaban yoo ta'u, kaadhimamaan sagalee 270 fi isaa ol argate injifatee pireezidantii biyyattii ta'a.

Bu'aan filannoo isteetiiwwan 9 kan hafe yoo ta'u kan 41 amma dura himameen Joo Baayidan sagalee 224 argachuun dursaa jiru. Tiraamp sagalee 213 irra jiru.

bu'aa filnnoo

Sababa weerara koronaavaayirasiif jecha isteetiiwwan sagaleen isaanii hin ibsamne keessa jiran hedduun karaa poostaa sagalee kennan, sagaleen kun hanga lakkaa'amutti hanga guyyaa lamaa fudhatuu mala.

Presentational grey line

Odeessaalee walfakkaattan kan biraa dubbiifachuuf:

Presentational grey line

Odeessi bu'aa filannichaa sarara tokkichaan

Doonaald Tiraamp kan eegameen ol gaarii deemaa kan jiran yoo ta'u, Baayidan ammoo isteetiiwwan murteessoo ta'anii fi ariitiin sagalee lakkaa'aniitti injifachuu hin dandeenye.

Kana jechuunis isteetiiwwan murteessoo muraasaa hafan eeguun dirqama jechuudha.

Kanaafu maaltu ta'aree?

Guyyoota dhufaniif bu'aa filannoo beekuu dhiisuu dandeenya ta'a. Kunis sababii sagaleewwan karaa poostaatiin ergaman kan akka Michigaan, Wiskonsinii fi Peensivaaliniyaa hanga lakkaa'amaniitti yeroo fudhachuu mala.

Abbootiin seeraa keessatti qooda fudhachuu danda'u. Doonaald Tiraamp ammoo himannaa seeraa akka dhiyeessu himeera. Akkas taanaan ammoo torbanoota fudhachu danda'a.

Bu'aan mirkanaa'uu dhabuun gara hokkooraatti geessuu danda'a? Shakkiin jiraachuu danda'a, garuu ammoo lammiilee Ameerikaa baay'een yaaddoo akka qaban ibsatan illeen, hokkoorri cimaan uumamuu mala jechuun dubbachuuf yeroo isaa miti.

Link box banner bottom