Filannoo US 2020: Yeroo hirribaa kaatan maal dhaga'uu dandeessu?

Baayiidaniifi Tiraamp

Filannoon Ameerikaa 2020 kunoo sa'aatii dhumaarra gaheera. Ergaan boru barii akka biyyaatti wayita irribaa ka'amuutti gara tokkootti cita.

Filannoo Ameerikaas kan yeroo biraarra adda. Waqtii duula na filadhaa keessattis kan taateewwan hedduun itti dhagahaman, akkasumas haala kan durii irraa adda ta'ee biyyattiin kan hokkorawwaniif itti saaxilamte ture.

Haalawwan kanneen wal qabatees lammiilee biyyatti kadhimamtoota keessaa haala ture geedaru danda'a kan jedhan filachuuf kaan saanii dursaniiti sagalee kennuu kan eegalan.

Durumaanuu kaasee adeemsi sagalee kennuu Ameerikaa kan guyyaa tokkichaan xumuramu miti. Namoonni filatanis kaadhimamaa barbaadaniif sagalee kennuu erga eegalanii bubbulaniiru.

Hanga ammaattis namoonni miliyoona 100tti siqan sagaleesaanii kennuun dhagahaneera.

Haata'u malee, egaan kenninsi sagalee guyyoota muraasaa darbaniif gaggeefamaa tures har'i dhumasaati. Kanaafuu boru ganama oduu addaa dhagahuun keenyaa waan hinolleedha.

Garuu maal dhagahu dandeenyaa laata?

Haala adeemsa filannoo baranaatiin walqabatee odeessaaleen sadi keessaa tokko ni ta'e jedhamee eegama.

Tokkoffaa: Baayiidan haala salphaatiin mo'ataniiru kan jedhu.

Filannoon Ameerikaa raaguu dursaatiin kan guutameedha. Dhaabbileen dhunfaa sagaee walitti qabaniifi midiyaalee 'ofii eenyuun filachuuf?' jechuun gaafachuun buaa tilmaamu.

Haala raaguu kanaatiin Baayidan filannoo bara kanaa ni mo'atu.

Haa ta'u malee mudannoo filannoo kana duraa irraa barameen kun dhugaa ta'u dhiisuu danda'a.

Fakkeenyaaf filannoo bara 2016tti Hiilaarii Kilintan ni mo'atuu jedhamee raagamuun alattis hanga dhumaatti dursaa turte daqiiqawwan dhumaarratti Tiraampiin mo'atamte.

Kanaanis kan lammiileen Ameerikaa eegaa turaniin adda oduun biraa dhumarratti dhagahame.

Kun ta'ulleen raaguun bara kanaa kan isa darbeetiin adda kanneen jedhanilleen hndhabamne.

Kanaafuun kanarratti hundaa'uun oduu baru ganama dhagahu dandeenyuu keessaa tokko Baayidan Pirezidaantii Ameerikaa waggoota arfan dhufanii ta'un filatamaniiru kan jedhu ta'uu danda'a jechuudha.

Lammaffaan: Tiraamp haala hineegamneen mo'atan kan jedhu

Tiraamp maaliif haala naasiisaan mo'atu yoo jedhame, sababii raaguun himaa kan ture Baayidaniin ta'eefiidha.

Keessattu Tiraampi isteetiiwwan akka Filoordidaafi Peeniisilviyaatti kan mo'atan yoo ta'ee haalli Baayidaniitti cimu danda'a.

Tiraampi siriiyuu kan bara darbee caalaa Ameerikaanoota Laatiin biratti fudhatama qabu jedhamaa jira. Isaan kunneenis Filoordii keessatti baayyatu.

Gama biraatiinis isteetii Peeniisiilviniyaatti namoonni olaantummaa adii morman hedduun keessa kan jiraatan waan ta'eef Tiraampiif balaa ta'u mala jedhama.

Sadaffaa: Joo Baayidan garaa garummaa guddaaan mo'atan kan jedhu

Dhugaadha raaguun dursaa Baayidan ni mo'atu jedha. Garuu ammoo garaa garummaa qabxii xiqqaatiin akka ta'e hima.

Oduu sadaffaa ergaa tarii Joo Baayidan haala raaguu tureetiin adda ta'eetti gara garummaa olaanaan mo'achu danda'aniiru kan jedhu ta'u mala.

Kana taanaan ammoo Tiraampiin kan mo'achiisee sababii Covid-19 yoo jedhame ni amansiisa.

Sababiinsaa dhimmoota Tiraamp ittiin qeeqaman keessaa tokko weeraricha to'achuuf waan irraa eegamu hunda hintaasifnee, kanaanis lammiilee hedduun lubbusaanii dhabaniiru jedhamuun ture.

Filannoo bara darbeetiin Tiraamp karoorawwan jajjaboo waa'ee ijaarsa gamoo, isilaamtoota biyya hingalchuu fi karoora daldalaa qabatanii dhiyaatanii ture.

Barana garuu karoora qalbii lammiilee qabate cimaa dhiyeessuu hindandeenye.

Kunis Joo Baayidaniif carraa hinyaadamne saaqeefiira jedhuu xinxaltoonni siyaasaa.

Egaa kanas ta'e sana boru ganama oduu tokkoon hanga walitti deebiinuutti nagaan turaa.

Link box banner top