Itoophiyaan maallaqashee biyya keessatti maxxansuuf maaltu ishee barbaachisa?

Madda suuraa, PMO
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad tibbana konfiraansii haala maallaqa Itoophiyaa ilaallatu bara 2026 kan dhaabbilee maallaqa mootummaa fi damee faayinaansii biroo irratti hirmatan irratti haasawa taasisaniin Birrii biyya keessatti maxxansuuf karoora akka qaban ibsan.
Haasaa isaanii keessatti fedhii Itoophiyaa ummata miliyoona 130 milkeessuuf dhaabbilee ijaaruu irratti xiyyeeffachuu dubbatan.
Dhaabbilee kanneen keessas dhaabbatni dhaabbilee daldalaa mootummaa to'atu Itoophiyaa Invastimantii Hooldings maxxansa kana kan jalqabu ta'uun ibsameera.
Dhabbatichi waantoata iccitii biyyaa ta'anii fi tarsiimoo ijoo ammaaf hin himamne hedduu ijaaraa jira jedhan ministeerri muummee Abiy.
Kana keessaa maxxansi mallaqaa biyya keessatti jalqabamuuf hojjatamaa jiru isa tokko.
Akka pilaatfoormiin Ameerikaa keessatti argamu Remitly jedhamu ibsutti, maallaqni Itoophiyaa yeroo ammaa dhabbata UK 'tti argamu 'De La Rue' tti omishama.
Dhaabatichi biyyoota Afrikaa dhabbata maxxansaa hin qabne hedduu waliin hojaachuun kan muuxannoo qabuudha. Maxxansa mallaqaa irraas galii guddaa argata.
Garuu biyya keessatti oomisha jalqabuun kun rakkoo fi baasii maallaqa Itoophiyaa biyya alaatti oomishuu waliin walqabatee dhufu hir'isuuf sochii taasifamu ta'uu MM Abiy kan ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maallaqa biyya alaatti maxxansuun qaala'aa qofa osoo hin taane, tarsiimoo dinagdee biyyatti irrattillee balaa qaba. Kanaaf, biyyattiin qooda fudhattoota alaa irratti hirkattee turuu akka hin qabnes eeran.
"Kaayyoon kun yoo galma ga'e Itoophiyaan hojii guddaa dhaloota itti aanutti darbu umte jechuudha'' jedhan. Garuu yoomiifi haala kamiin kan jedha irratti ibsi bal'aan hin kennamne.
Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Birrii Itoophiyaa maxxansuuf itti gaafatamummaa kan qabu ta'us, hanaga yoonaatti dhaabbilee biyya alaa irratti hirkachuun maallaqa maxxansiisu.
Biyyoota Afrikaa keessaa, yeroo ammaa maallaqa mataa isaanii kanneen maxxansan biyyoota muraasa kurnan hin caallee qofa.
Kanneen keessaa Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Masrii, Morookoo, Aljeeriyaa, Keeniyaa, Sudaan, Zimbaabuwee fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo faa ni argamu.
Itoophiyaanis kana irratti hojjachaa akka jirtu dhaga'ame.
Kunisi baasii maallaqa alaa hir'isuu, fedhii maallaqaa biyya keessaaf deebii saffisaa kennuu fi ogummaa maallaqa oomishuu gabifachuu dabalatee bu'awwaan hedduu qaba.
Garuu biyyaa bilisummaan baankii giddugaleessaa laafaa ta'e fi itti fayyadamni siyaasaa sirrii hin taanetti balaa akka qala'iinsa jireenyaa fi gatiin mallaqaa gadi kufuu geessisuu danda'a.
Mallaqni baasii isaaf biyya alatti bahu garuu hojiwwaan gurguddoo hedduu biyya keessatti ijaaruu danda'a.
Itoophiyaan dhabbilee adda addaa waliin sanadoota eegumsa olaanaa qaban kan akka paaspoortii, waraqaa eenyummaa biyyoolessaa, kaardii ATM, oomisha Mastercard fi sanadoota mootummaa biroo oomishaa jirti.
Itoophiyaan maxxansa maallaqaaf hangam baasti?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Maallaqa maxxansuun waan maxxansaa idilee hojjechuu caalaa baayʼee walxaxaadha. Ulaagaalee murteessoo hedduu guutamuu qabanis jiru.
Maxxansi maallaqaa maashiniiwwan addaa kanneen iccitii sadarkaa olaanaa qabaniin hojjatama.
Maashiniiwwan kun baasii guddaa kan gaafatan yoo ta'u, addunyaa irratti dhaabbilee oomishtoota addunyaa muraasaa qofatu dhiyeessa.
Akkasumallee, humna namaa ogummaa qabu qacaruu yookan leenjisuu kan gaafatu yoo ta'u, leenjiin kun waggoota fudhachuu danda'a.
Yeroo baay'ee dhaabbilee idil-addunyaa muuxannoo qaban waliin tumsaan kan hojjataums ta'uu mala.
Akkasumas, dhaabbilee, seeraa iccitii fi nageenyaa cimaa qaala'iinsa jireenyaa fi gidduu seenummaa siyaasaa ittisuuf barbaachisu qabaachuu qabdi.
Yoo sana hin taane, maxxansi biyya keessaa balaa maallaqa garmalee baasuu dabaluu danda'a.
Maallaqa oomishuuf galtee fi teeknooloojii amansiisaa kan barbaadu yoo ta'u, waraqaa fi halluu addaa kana biyya keessatti oomishuu waan barbaaduuf asirrattis hirkattummaa biyya alaa hir'isuus, garuu guutmaan hambisuu dhabuu danda'a.
Itoophiyaan kana dura baayyinaan karaa dhaabbilee maxxansaa nageenyaa idil-addunyaa waligaltee qaban kanneen Awurooppaa keessa jiran biratti maxxansaa turte.
Lakkoofsi sirriin hanga yoonaa Itoophiyaan mallaqa maxxansiifachuuf baafte iccitii ta'us, akka ogeeyyiin tilmaamanitti waggaatti gara doolaara Ameerikaa miliyoona kudhaniin lakkaa'amu gaafata.
Baasiin kun ammoo yeroo dizaayiniin jijjiramu ykn nootiin maallaqaa haaraan jalqabamu heddu dabala.
Ministirri muumme Itoophiyaa Abiya Ahimed Fulbaana bara 2020 wayita birrii Itoophiyaa waggoota 30f hojiirra oole jijjiran maallaqa haaraa kana maxxansuuf Doolaara miiliyoona 97 ol baasuu dubbatanii ture.
Baasiwwaan kun kaffaltii maxxansaa, loojistikii fi inshuraansii uwwisu,mallaqicha nageenya cimaan geejjibsiisufaa dabalata.
Maallaqa biyya keessatti oomishuun garuu baasii hanganaa gaafachuu dhiisuu mala. Irra caalaatti ammoo sharafalaa alaa Itoophiyaanakkaan barbaaddu hedduu hambisa.















