Itoophiyaatti Labsiin gibira qabeenyaa haaraan qabeenya gosa akkamiifaa irratti kaffalchiisa?

Magaalaa Finfinne

Madda suuraa, AMO

Ministeerri Maallaqaa akkaataa gibira qabeenyaa itti kaffalamuu fi funaanamu irratti qajeelfama odeeffannoo heddu of keessaa qabu ALI jalqaba Muddee 2018 bulchiinsa naannoole fi magaalotaaf ergee ture.

Qajeelfamni ministeerichaa akka ibsutti, mirgi gibira qabeenyaa kaa'uu fi sassaabuu kan naannole yoo ta'u, mootummaan federaalaa seerota naannooleen labsii sana irra bocan "qajeelfama moodeela" akka qopheessu ibsa.

Labsiin moodeela fuula 60 qabu Ministeerri Maallaqaa qopheesse kun qabxiilee Labsii Gibira Qabeenyaa Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa raggasise keessatti hammatamanii fi tumaalee biroo kaa'a.

Ministeerri bulchiinsa naannoolee fi magaalotaaf qajeelfama sana bu'ura godhachuun labsiicha akka naannotti akka baasan xalayaan gaafateera.

"Dhimmi adda haalaa naannoo giddu galeessa godhate guutummaatti kan kabajamuu fi jajjabeeffamudha'' kan jedhe Ministeerichi garuu "wal fakkeenyaa biyyaalessaa fi cimina akka qabaatuuf foyya'iinsi godhamu kamiyyuu qajeelfama sadarkaa federaalaa waliin walsimu akka qabu gaafateera.

Akka Seera qajeelfama kanatti, ''gibira qabeenya, qabeenyaa magaalota naannolee keessatti argaman" irratti kan baheedha.

Qabeenyi magaalota keessatti kan argaman kanneen akka manneen jireenyaa, industirii fi daldalaa, akkasumas iddoowwanii fi gamoowwan tajaajila addaa addaa hedduu magaalota keessatti argaman kanneen gibira kana akka kaffalan tarreeffaman keessaati.

Bakkeewwaan kunnneen kanneen bifa liiziin qabamanii fi liiziin ala jiran illee kan dabalatuu ta'uu qajeelfamicha irratti ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees, kanneen ragaa abbummaa malee lafa qaban gibira qabeenyaa kaffaluun dirqama jedha.

Seerri kun ''nama kamiyyuu qabeenya gibirri itti kaffalamu kamiyyuu abbaa qabeenyummaa isaa galmaa'ee jirus ta'e, qabeenya isaa ta'ee galmee abbummaa hin argatin ykn karaa adda addaan irraa fayyadamaa jiru kan hamatudha" jechuun ibsa.

Namootaaf ragaa abbummaa malee gibira qabeenyaa kaffaluun "mirga itti fayyadama ykn abbummaa addaa qabeenya sanaaf" akka hin kennine ibsa.

Akkasumas "tarkaanfiiwwan seera birootiin fudhatamuu danda'ani hin dhorku" jedha.

Akka wixinee kanaatti gibirri qabeenyaa kan kaffalamu qabeenya faayidaa argamsiisu qofa irratti miti.

Lafti fi gamoowwan itti hin fayyadamne gosoota qabeenya gibirri itti kaffalamu keessattis hammatamaniiru.

Kana jechuun lafti duwwaan magaala keessas ta'e gamoon yeroo murtaa'e keessatti tajaajila kennuu hin eegalle illee gibira kana kanfaluuf dirqamuu jechuudha.

Seerri kun inumaa mootummoonni naannolee fi magaalotaa lafaa fi gamoolee itti hin fayyadamne irratti gibira qabeenyaa "ol'aanaa" akka kaa'an dirqisiisa.

Haa ta'u malee, lafti fi gamoowwan itti hin fayyadamne "haala adda ta'een sababoota fudhatama qaban" dhiyeessuun haalli kanfaltii gibiraa kana jalaa ba'an akka jirullee ibseera

Eenyuutu gibira qabeenyaa irraa bilisa ta'uuf mirga qaba?

Nama birrii lakka'u

Madda suuraa, Getty Images

Qajeelfamni Ministeera Maallaqaa kun haala itti maatiin galii xiqqaa qaban " gibira qabeenyaa irraa bilisa taa'anis '' of keessaa qaba.

Haa ta'u malee, qaamolee gibira kana irraa bilisa ta'an murteessuuf ulaagaaleen lamatu jiru.

Ulaagaa tokko maatii kamtu "galii gadi aanaa"qaba jedhamee akka ilaalamu kan murteessuudha

Akka labsichaatti, "maatiin galii gadi aanaa qabu" kan "rakkina dinagdee hamaa fi mirkanaa'e keessa jirudha."

Maatiin gosa kana keessatti kufe galii waggaa galii giddu galeessaa biyyaalessaa nama tokkoo dhibbeentaa 50 hin caalle yoo qabaate.

Akka ragaan Baankii Addunyaa bara 2024 ibsutti, Itoophiyaatti galiin nama tokkoo waggaatti gara Doolaara Ameerikaa 1,020 yoo ta'u, safartuu sharafa baankii daldalaa amma jiruun gara birrii 154,640 ta'a.

Maatiin tokko galii kanaa gadi kan qabu yoo ta'e gibiricharraa bilisa ta'a.

Kunis kutaa Dhimma Hawaasummaa magaalattiin yoo mirkanaa'edha. Mirkaneessi kun qofti maatii gibira irraa bilisa hin taasisu. Gatiin qabeenya isaan qabanis tilmaama keessa galfama.

Akka seera moodeela kanaatti qabeenyi maatii galii xiqqaa qabu magaalota akka Finfinnee keessatti kan argamu yoo ta'e gatiin isaa "birrii miliyoona tokko" caalu hin qabu.

Qabeenyi kun magaalota gosa "Mana qopheessaan bulan " jala jiran keessatti kan argamu yoo ta'e gatiin qabeenya sanaa birrii kuma 250 gadi ta'uu qaba.

Maatiin galii gadi aanaa qaban qabeenya "magaalota guddachaa jiran" keessa jiran, gatiin qabeenyichaa "birrii kuma 100 gadi" yoo ta'e gibira kanarraa bilisa ta'u.

Iddoowwanii fi gamoowwan biroo wixinee labsii Ministeera Maallaqaatiin gibira qabeenyaa irraa bilisa ta'an keessaa iddoowwan waaqeffannaa fi bakka awwaalchaa dhaabbilee amantaa fa'i.

"Qabeenyi naannoo magaalaa tokko keessatti maatii tokkoof fayyadama qonnaaf oolu" gibira irraa bilisa.

"Qabeenyi dhaabbileen tajaajila hawaasummaa tajaajila hawaasaaf kennan kaayyoo walfakkaataaf itti fayyadamanis" gibira irraa bilisa.

Iddoowwan hambaa, buufata xiyyaaraa, paarkiiwwan, iddoowwan banaa ummataa, fi daandii guddaa fi keessa keessaa qabeenya gibira qabeenyaa irraa bilisa ta'e keessaa hammatamaniiru.

Kana malees, kanfalaan gibira qabeenyaa, balaa uumamaa, walitti bu'iinsa hodhannoo ykn dhukkubni fayyaa hawaasaa balaadhaaf saaxilu yoo mudate "dirqama gibiraa isaanii kanfaluu akka tursan" hayyamamuu danda'a.

Hangi gibira qabeenyaa akkamitti shallagama?

Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Seerarratti hamma gibiraa kaffalamu fi kaffaltiisaa fooyyessu bulchiins magaalotaati.

Haa ta'u malee, hamma gibiraa tarreeffameen alatti dhimmoonni tumaaleen shallaggii bu'uuraa gibiraa labsichaan duraan murtaa'aniiru.

Gibirri qabeenyi gatii gabaarratti hundaa'uun kaffalama.

Kana jechuun gibirii kun kan shallagamu gatii qabeenyi sun gabaarratti baasu guutuurraa jechuu miti.

Gibirri kun shallagamu gatii qabeenyaa sanas keessaa dhibbeentaa 25 qofa irratti.

Fakkeenyaaf, gamoon tokko birrii miliyoona 4 kan baasu yoo ta'e, gibirri shallagamu birrii miliyoona tokko irratti ta'a.

Labsii mootummaan federaalaa bara darbe baaseen gibirri birrii miliyoona tokkorratti kaffalamu dhibbeentaa tokko akka hin caalleen tumameera.

Seerri kun hojiirra erga oolee booda magaalonni gibira dhibbeentaa tokko hin caalle kana battalumatti kaffalchisuu hin danda'an.

Labsiin dhimma kanaaf bahe akka ibsutti, magaalonni guddachaa jiran, magaalonni bulchiinsa magaalaa qabanii fi bulchiinsi magaalotaa waggaa afur keessatti gibira xiqqaa fi guddaa kaffaluu danda'an kaa'a.

Qabeenya "lafa magaalaa" fi "gamoo ykn fooyya'iinsa iddoorrattis gibirri baheera.

Magaalonni hundatti waggaa jalqabaa gibirri xiqqaan "gamoo fi/ykn fooyya'iinsa iddotiif "kaffalamu dhibbeentaa 0.10 dha.

Bara kanatti magaalonni guddachaa jiran gibiraa hanga dhibbeentaa 0.25 kaffalchisuu kan danda'an yoo ta'u, magaalonni bulchiinsa magaalaa qaban ammoo hanga dhibbeentaa 0.35 akka kaffalchiisan eeyyamameera.

Bulchiinsonni magaalaa bara jalqaba gibirri guddaan akka kaffalamu gaafatan 0.50 dha.

Labsiin kun waggoota afran keeessatti gibirri kaffalamu hanga ta'e kan daangeesse yoo ta'u, magaalonni hundatti waggaa afraffaatti hanga dhibbeentaa 1 kaffalchisu akka danda'n eeyyamame.

Sadarkaan gibiraa xiqqaa fi guddaan seeraan kaa'amerratti hundaa'un , tokkoon tokkoon bulchiinsi magaalaa bu'uura kaa'amee osoo hin darbiin hanga gibiraa murteessuuf aangoo qaba.