Itoophiyaa fi biyyoota Afrikaa liqaa IMF waliin gitintiraa jiran

Madda suuraa, FMC
Dingdee Itoophiyaa fi yaaddoo waraanaa cimaa jiruuf maaltu fala?
Dhabbanni Mallaqaa Addunyaa (IMF) tibbana biyyoota maallaqa guddaa liqeeffatanii fi kanfaluun irra ture utuu hin kanfaliin jiru jedhe jalqaba baatii Sadaasa kanatti ifoomsera.
Dhabbatichi lakkoofsi biyyoota liqaa dabalataa dhabbatichaa gaafatan dabaluu fi gariin isaanii liqaa duraanuu irra ture silaa kan kanfaluu qaban hin kaffalle heddu ta'uu tarreessera.
Kanneen keessaa Itoophiyaan ishee tokko yoo taatu, yaddoon nageenyaa cimaa jirus sodaa biraa kaasera.
Dhabbatichi keessumaa biyyotni Sahaaraa gadii liqaa dhaabilee liqeessitootaa biroo fi biyya keessaallee fudhatan waliin yoo ilaalamu egereen dinagdee isaanii balaa jala jira jechuun fi akka dabalanii hin liqeeffannellee akeekkchise.
Keessattu, biyyoota tasgabbii dhabuun siyaasaa fi yaaddoon nageenyaa jirutti kufaatiin dinagdee hamaan akka hin muudanneef biyyootni tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu qabuu jedhera.
Itoophiyaan bara 2024 keessa jijjirama dinagdee gooroo kan taasifteef misoomaa fi investimeentiin alaa babal'atee biyyattiin rakkoo dinagdee keessa baatii yaadama jedhuuni. Kun garuu bakka nageenyii fi tasgabbiin siyaasaa hin jireetti milkaa'uu akka hin dandeenye ragaaleen kan eeran.
Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) riifoormiin dinagdee Itoophiyaan hojiirra oolchite rakkoon qunnamuus ibsee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaafis sababa rakkoo nageenyaa amansiisaa ta'uu dhabuu fi deeggarsi arjoomtotaa dhibuufaa akka fakkenyatti eerera.
Kanaanis Itoophiyaan biyya liqii dhaabatichaa yeroo kanfalamuu qabdutti hin kanfalle akkasumallee akkaataa liqiin deebi'uurratti haala walxaxaa keessa jirtuudha jedhe.
Muddamni waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa giddutti hammataa jirummoo yaaddoo waraanaa dabalataan kufaatii dinagdee fiduu akka malu sodaa guddaa ta'eera.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad tibba darbe paarlaamaatti akka dubbatanitti bara kana keessa liqaa alaa dabalataa akka hin fudhannee fi deebisuu irratti xiyyeeffachuu isaanii eeranii ture.
Itoophiyaan idaa keessa jiraachuun dhugaa ta'uu kan himan Dr. Abiy, garuu ragaa lakkoofsaan yoo ilaalame biyyoonni diinagdee gurguddaa qaban liqaa Itoophiyaa "dachaa heddu caalu" akka ofirraa qaban dubbatan.
Akka gaabasa IMF haaraa kanattis, biyyootni Afrikaa muraasni liqaa heddu ofirraa qabanii fi kanaan booda liqaa akka hin gaafannee akeekkachiifamanillee jiru.
Fakkeenyaaf liqaan IMF qofti Masrii irra jiru dachaa hedduun kan Itoophiyaa irra jiru caalaa. Biyyi ollaa Itoophiyaa akka Keeniyaallee akkasuma.
Liqaa IMF kan dabalatee waliigalaan liqaan Itoophiyaarra jiru doolaaraa biliyoona 23 kan hin caalle ta'uullee MM dubbataniiru.
Liqaa Itoophiyaarraa jiru yaaddoo tokko ta'ee utuu jiruu sodaan waraanaa cimaa jiruu yaaddoo dabalataa ta'eera. Haalli kun kufaatii dinagdee cimaa akka hin geessifneef maaltu fala? jennee ogeessa dinagdee itti gaafanneera.
Dhabbata "Live International Development" jedhamu Finfinnee jirutti hogganaa kan ta'an Dr. Gaarii Dhugumaa, bakka yaaddoo nageenyaa fi walitti bu'iinsi jirutti miidhaan dinagdee kan eeggamu ta'uu eeranii, xiyyeeffannoo Itoophiyaan liqaa deebisuu irratti taasiftee garuu jajaniiru.
Kuufamni maallaqaa hanga kana yeroo gabaabaa kana keessatti haala kanaan hir'achuun yoo dhugaa ta'eef, dinagdeen Itoophiyaa deebi'ee bayyanachuu akka danda'u kan abdachiisudha jedhu Dr. Gaariin.
Bara 2018 wayita Ministirri Mummee Abiy aangootti dhufan, liqaan alaa qofti biyyattiirra ture doolaara biiliyoona 28 hanga 32 gahe akka ture ragaaleen dhabbilee maallaqaa idil addunyaa kan ibsan.
Mootummaan Itoophiyaa liqaan alaa amma irra jiru gara biliyoona 23tti gadi bu'uu fi baajata biyyattii bara dhufuu keessattis liqii deebisuuf dursa akka kennuuf ibseera.
Faallaa kanammoo liqaan Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa liqeeffatte gara birrii tiriiliyoona 2.56 ga'uu Ministeera Maallaqaa wabeffachuun gaazexaan biyya keessa Kappital jedhamu tibbana gabaseera
Sababa kanaanis abbootiin qabeenyaa biyya keessaa liqii yeroo dheeraa Itoophiyaaf leqeessu diduu isaanitu eerame.
MM Abiy biyyattiin liqaa irra jiru deebisuuf rakkoo hin qabdu jedhanis, idaa liqaa irra jiru kaffaluu dadhabuun, liqeessitoootni Yuurooboondii himata seeraa irratti banuuf akka jiranillee gabaafamuun ni yaadatama.
IMF 'madaallii isaa tibbana kanaan Itoophiyaa biyyootni Afrikaa liqaa dhabbatichi irraa qabu hin deebisnee kessaa sadarkaa 7ffaa irratti eerera.
Dabalataanis lakkoofsi biyyoota liqaa dabalataa dhabbatichaa gaafatan dabaluu fi gariin isaanii liqaa duraanuu irra ture silaa kan kanfaluu qaban hin kaffalle heddu ta'uu tarreessera.
Biyyoota Afrikaa 5 liqaa guddaa hin deebisne
Masrii: Bara 2025 kana keessa biyyota Afrikaa keessaa Masriin Maallaqa Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) irraa liqeeffattee keessaa silaa kan deebisu malte hin deebisin hafuun sadarkaa jalqabaa irra jirti.
Akka gabaasa dhabbatichaatti biyyattiin silaa bara kana hanga baatii Sadaasatti dirqama liqaa deebisuu qabdu keessaa tilmaamaan gara Doolaara Ameerikaa biiliyoona 6.89 ol kanfaluu qabdu hin kanfalle
Liqaan kun qaala'iinsa jireenyaa fi guddinni damee dhuunfaa harkifachuu dabalatee qormaata dinagdee ishee muudateen yeroo itti deebisuu qabdutti hin deebisne.
Masriin walitti aansuun waggoota lamaaf biyyoota Afrikaa keessaa baay'iana liqaa IMF irra jiruun sadarkaa tokkoffaa qabattee itti fufteerti.
Kootdivoor: Biyyi Afrikaa dhiha addunyaa irraatti oomishaa kaka'oon tokkoffaa taate dirqama liqaa deebisuu qabdu gara Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.08tti tilmaamamu hin deebisin hafuu isheen sadarkaa lammaffaa irra jirti.
Biyyattiin caaseffamni liqaa kun akka irra deebiin hojjatamuu ykn dheereffamuuf dhabbaticha waliin waliigalaa jirti.
Keeniyaa: Keeniyaan sagantaa liqaa IMF kanneen dhiibbaa fi kufaatii dinagdee ishee ittin furuuf liqeeffatte gara Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3tti siqu waan hin kanfalleef sadarkaa sadaffaan biyyoota lamaan hordofti.
Keeniyaan gibira dabaluu fi baajata mootummaa hir'isuu dabalatee ulaagaa IMF kaa'e tokko tokko galmaan ga'uu waan hin dandeenyeef liqan itti fufiinsaa IMF irraa argatu baatii Eblaa darbe adda citee ture.
Kanaaf Keeniyaan IMF caalaa dhaabbilee liqeessitootaa biroo akka Baankii addunyaafaa filannootaasifataa jirti.
Angoolaa: Angoolaan liqaa IMF ofirraa qabdu deebisaa osoo jirtuu, galii fi oomishni boba'aa gadi bu'uu isaatiin dinagdeen biyyattii dadhabaa deeme. IMF madaallii taasiseen biyyattiin liqaa biraa akka ofitti hin daballee akeekkachiiseera.
Liqaan dhaabbaticahaa amma hin kanfalamiin gara doolara biliyoona 2.66 ta'utu irra jira.
Gaanaa: Gaanaan ammallee karoora deebisanii dhaabuu IMF'n deeggaramuun liqaa irra deebiin gaafataa kan jirtu yoo ta'u, walakkeessa bara 2025tti gurmaa'insa liqaa ishee irratti jijiirama guddaa waan agarsiifteef IMF kaffaltii dabalataa raggaasiseefi jira.
Haa ta'uu malee liqaan dhabbatichaa kanfalamuun irra ture, hin kanfalamin gara Doolaara Ameerikaa biiliyoona 2.60 ta'a.
Dimokiraatic Rippablic Koongoo fi Itoophiyaanis liqii IMF hin kanfalamne doolara biiliyoona 1.93 fi biiliyoona 1.59 ofirraa qabu

Dinagdeen Afrikaa hedduun itti fufiinsa liqaa fi deeggarsa dhabbilee alaa irratti hirkachuu itti fufeera.
Kanaaf sababootni ijoon maal akka ta'an Ogeessa dinagdee Dr Gaarii Dhugumaa akkasiin ibsu.
''Mallaqni liqeeffatame qixa barbaadameen hojiirra ooluu fi ooluu dhabuu isaa gaafidha. Sirni hordoffii sirri ta'e waan hin jirreef maaltu akka ittin hojjatamee fi waanti ittin hojjatame sun liqaa sana deebisuu danda'uu isaa irratti iftominni mootummoota Afrikaa bira hin jiru'' jedhan.
Kana malees rakkoon nageenyaa fi tasgabbii dhabuu, dandeettiin oomishaa biyyatti fi guddinni teknolojii hudhaa gudda ta'uu himaniiru.
Akka ogeessichi jedhanitti liqiin hedduun maallaqa biyya alaa kan akka Doolaara Ameerikaa ykn Yuurootiin kan kennamu ta'u fi maallaqa biyya keessatin walsimsiisun deebisuun baajata guddaa kan barbaadudha.
Kanaaf dhimmi sharafa alaa liqaa deebisuu dadhabuuf sababa biraati. Kun ammoo adeemsa keessa tasgabbii dhabuu fi kufaatii dinagdees fiduu mala
Dhabbileen liqeessitootaa akka IMF yeroo hedduu tarkaanfiiwwan biyyootni ittin liqaa deebisan akka hojiirra oolchan taasisu.
Kannen keessaas akka daballii gibiraa fi taaksii, sharafa mallaqaa gadi cabsuu, baasii mootumma xiqqeessuufaa ta'uu danda'a.
Kun ammoo haala qusannaa hawaasa, qal'iinsa jireenyaa fi daballi gatii meeshaalee geessisuu danda'a.
Halli akkasii kun ammoo keessumaa namootni galii gad aanaa qaban akka gara sadarkaa hiyyummatti bu'aniif saaxila jedhu ogeesichi.
Itoophiyaas ta'ee biyyootni Afrikaa kunneen maallaqa liqaa irratti hirkachuun of dagachuu akka hin qabne dubbatan.
Qeeqxonni haalli liqii biyyotni kun itti fudhatanii fi hojiirraa oolchaan yeroo baayyee guddinaa caalaa miidhaan isaa akka caalu qeequ.
Miidhaa moo Faayidaa isaatu caala?

Madda suuraa, Getty Images
IMF liqaa dabalataa kennuun dura haala itti biyyootni kunneen liqaa deebisaniifi dandeetti dinagdee isanii wal bira qabuudhan madaaleti. Haala kanaanis biyyootni hedduun liqaarraa akka of qusatan gorsa.
Itoophiyaan meeshalee alaa galan birriin bitachuu hin dandeessu, kanaafis rakkoo sharafa alaa guddaa qabdi. Kana malees waan alatti ergitu caalaa waan galchitutu irra guddadha.
Kanaafi pirojeektota misooma gurguddoo ittin hojjachuuf filannoon qabdu liqeeffachuudha.
Ogeessi Dinagdee Dr. Gaarii Dhugumaa liqaan bu'aas dhiibbaas qaba kana kan murteessu garuu itt fayyadama biyyootati jedhu.
''Liqaan rakkoo yeroo gabaabaaf furmaata ta'uu danda'a. Garuu pirojeektootni ittin hojjataman fayidaa ummtaaf ykn bu'aa sana madaalu deebisuu irratti xiyyeefatamuu qaba.''
Pirojeektootni gurguddoon Itoophiyaa keessatti liqaan hojjatamn hedduun liqaa deebisuu hin dandeenye.
Fakkeenyaf Korporeshinii Ibsaa Itoophiyaa,Korporeeshinii sukkaara Itoophiyaa, Korporeeshiniin baabuura Itoophiyaa fi kanneen birollee akka fakkeenyatti ni eeramu.
Rifoormii dinagdee Itoophiyaan waggaa tokko dura goote booda gatiin birri ammallee gadi bu'aatuma jira.
Tooftan kun investimentii harkisuufi rakkoo dolaaraa biyyattiin qabdu furuuf ta'uu himama ture.
Kun akka yaadametti milkaa'era? Dr. Gaariin kana madaaluuf qorannoon akka barbaachisu eeruun, yeroo gabaaba kana keessatti miidhaa ykn faayidaa fideera jedhanii guduunfuun akka nama rakkisu dubbatan.
Wayita gatiin birrii gadi bu'u gatiin meeshaa fi tajaajilaa ol ka'aa. Kun ammoo qaala'iinsa hammeessa waan ta'eef haala amma mul'atuun bu'aan isaa irraa gaaga'amni isaa nu mul'ata jedhan.
Haa ta'uu malee turtii yeroo dheeran boodaa bu'aa yaadame fiduufis carraan bal'aan akka jiru dubbataniiru.
Mootummaan rifoormiicha wayita taasisu kanneen galii gad aanaa qabaniif deeggarsaa fi daballiin mindaa akka taasifamu ibsullee, kun hanga yoonaa hojiirra oolmaa isaa irratti komiitu ka'a.
Kana malees, rakkoon siyaaasaa biyyatti keessa ture, walitti bu'iinsi waggootaf ture utuu furmaata hin argatin walitti bu'iinsa birraf qophaa'uun mul'achuu haalotni agarsiisan jiru.
Mallaqni liqeeffatame qixa barbaadameen hojiirra ooluu dhabuun isaa miidhaan isaa akka caaluu kan taasisu ta'uu himu ogeessi dinagdee kun.
Balaan sharafa alaas akka biyyootni liqaa hin deebisne hudhaa birraati.
Liqiin hedduun maallaqa biyya alaa kan akka Doolaara Ameerikaa ykn Yuurootiin kan kennamudha. Kana walsimsiisun baajata guddaa daran tasgabbii dhabsiisuu fi dandamannaa dinagdee laaffisa.
Rakkoon nageenyaa fi tasgabbii dhabuus hojiin hojjatamu bu'aa akka hin qabaannee, invastimantiin akka hin jiranne fi guddinni biyaatti akka harkifatu taasisa.
Kun ammoo ,dandeettiin oomishaa biyyatti miidhuun kisaaraaf kan saaxilu ta'uu Dr. Gaariin kan himan.
Ilaalcha deeggaramuu keessaa osoo hin bahin, nagaa fi tasgabbii uumuun investimentii hin hawwatin, hawwuu duwwa yoo ta'e malee hirkattummaa liqii fi raafama siyaasaa irraa bilisa of baasun akka hin danda'amnellee hubachiisan.
Maaltu fala?
Dinagdeen biyyattii akkamitti bayyanata? Qormaata dinagdee sadarkaa addunyaatti cimaa dhufera.
Kana mo'achuuf riifoormii dinagdee cimaa qabaachu oomisha biyya keessa guddisuu nageenyaa fi misooma irratti xiyyeeffachuunn kka barbaachisu hayyuun dinagdee kun kan eeran.
Kana malees hannaa fi malaanmaltummaa to'achuu, invastarootaaf haala miijataa uumuu fi hirkatumma liqaa keessa bahuu dabalatee hojii guddaan gama kanaan akka biyyatti eeggatu himu.
Waan alaa galu kan biyya keessan bakka buusuuf hojiin gaariin akkuma jalqabme waan alatti ergamus oomisha gabaa addunyaatti barbaadaman irratti xiyeeffachuun barbachisadha akka Dr. Gaariin jedhanitti.
''Hojiin damee qonnaa fi qabeenya turizimii misoomsuu gara sharafa argamsiisutti jijjiramuu saaxilamummaa liqaa biyyatti xiqqeessu danda'a.''
Qaala'iinsi jireenyaa daran akka hin hammanne ittius fi kanneen galii gad aana qaban akka hin miidhamne deeggarsi jiraachuu barbaachisa.
Akka hayyuun dinagdee kun jedhanitti, biyyattin maloota adda addaa kan dinagdee ishee miidhan furuuf dursa kennuu qabdi.
Itoophiyaa qofaa utuu hin taane biyyotni Afrikaa biroos rakkoo walfakkaataa kana keessa akka ba'aniif deeggarsa idil-addunyaallee isaan barbaachisa jedhu ogeessi dinagdee kun. Kanaaf hojiin gama dippiloomaasii fi walooma biyyota ollaa waliin hojjatamu salphaa akka hin taane himan












