Itoophiyaan gabaasa Baankii Addunyaa 'Itoophiyaatti hiyyummaan dabaluu danda'aa jedhuuf deebii kennite

MM Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimed

Madda suuraa, MoPD-Ethiopia

Manni maree ministeerotaa Itoophiyaa bakka MM Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimed jiranitti qorannoo damee dinagdee irratti taasiseen gabaasaa tibbana Baankiin Addunyaa dhimma hiyyummaa fi walqixxummaa qabeenyaa ilaalchisuun baase qeeqera.

Gabaasni baankichaa Itoophiyaa keessatti bara 2025tti sadarkaan hiyyummaa gara dhibbeentaa 43'tti ol guddachuu danda'a'' kan jedhu yoo ta'u deebiin gama Itoophiyaan kenname ammoo gabaasni kun "haala qabatamaa kan mul'is miti" jedha.

Ministirri Karooraa fi Misooma Itoophiyaa Dooktar Fitsum Assefa, gabaasni shallaggiin dhaabbata faayinaansii idil-addunyaa kun sochii mootummaa kan akka nyaata mana barumsaa "ilaalcha keessa kan hin galchine" ta'uu eeruun, sadarkaa hiyyummaa ilaalchisee fudhatama kan qabu "ragaa mootummaa Itoophiyaa irraa ba'u" ta'uu ibsan.

Ministirri Karooraa fi Misooma Dooktar Fitsum qeeqa kana kan dhiyeessan qorannoo Mana Maree Ministirootaa irratti yoo ta'u, gabaasa raawwii hojii dinagdee maakroo guyyoota100 bara bajataa 2018 dhiyeessan irratti.

Raawwiin dameewwan diinagdee biyyattii irra caalaan kurmaana jalqabaa bara darbee yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee ilaalamuu ol'aanaa ta'uu Dooktar Fitsum himaniiru.

Raawwiin al-ergii Doolaara biiliyoona 2.5 kan ture yoo ta'u, bara darbe yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 65'n ol akka ta'e ibsan

Galiin warqee, buna, ibsaa, fi beeyladaa al-ergii irraa argames kan karoorfame ol ta'uu dubbatan.

"Guddina hunda galeessa galmaan ga'uuf hojiin hojjetamaa jiruun bu'aa argachaa akka jiran" kan hubachiisan ministirri kun, " inumaa waggaa 10 keessatti moodeela badhaadhina Afrikaa ta'uuf karoora qabnne bira ga'uuf imalli keenya milkaa'aa ta'uu isaa hubachuu dandeenyerra jedhan.

"Guddinni dinagdee qulqullina qabu yeroo galmaa'u gara faayidaatti ce'uuf carraan bal'aan ni jira" kan jedhan Dr. Fitsum guddinni diinagdee jiraattota fayyadamoo taasisuullee eeran.

Haa ta'u malee ibsa isaanii keessatti "dhaabbileen adda addaa lakkoofsa adda addaa akka baasan" hubachiisan.

Ministirri Karooraa fi Misooma Dooktar Fitsum Assefaa

Madda suuraa, MoPD-Ethiopia

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Dr. Fitsum jedhanitti, kanneen keessaa tokko "lakkoofsa hiyyummaa irratti hundaa'ee ka'uudha."

"Dhaabbileen adda addaa ragaa kana argachuuf "moodeelota shallaggii adda addaa" akka fayyadaman ibsan.

Akka fakkeenyaatti, mala shallaggii Baankii Addunyaa "galii guyyaatti doolaara sadii" jedhu kaasuun maloota hiyyummaa shallaguu dhabbileen adda ddaa fayyadaman kaasan.

"Fakkeenyaaf lakkoofsi sarara hiyyummaa jennee waamnu jira. Sararri hiyyummaa guyyaatti doolaara sadii kan Baankiin Addunyaa dhiheenya kana fooyyeessee baasedha."

Sunis guyyaatti birrii 450 jechuudha. Kana jechuun namni guyyaatti birrii 450 hin arganne akka hiyyeessatti ilaalama jechuudha'' jechuun hanqinoota mala kanaa hubachiisan

Baankiin Addunyaa "Gabaasa Hiyyummaa fi Walqixxummaa qabeenyaa irratti" naannawa jalqaba baatii Onkoloolessaa 12, 2015 baase keessatti hiyyummaa madaaluuf mala kana fayyadameera.

Tattaaffiin mootummaan Itoophiyaa "hiyyummaa hir'isuuf waggoota kurnan lamaaf" taasise duubatti deebi'uusaa ibsi dhaabbatichaa ni mul'isa.

Lakkoofsi lammiilee Itiyoophiyaa sarara hiyyummaa gadi jiraatan bara 2016 dhibbeentaa 33 ture bara 2019tti gara dhibbeentaa 39tti ol guddachuu Baankiin Addunyaa ibsa isaa keessatti eeree ture.

Baatiin lama qofa kan hafe ta'us, lakkoofsi kun bara 2025tti gara dhibbeentaa 43tti akka ol guddatu eegama.

Itiyoophiyaan hiyyummaan dabaluu isaattiif, weeraraa Koovid, waraanni biyya keessaa kaaba Ityoophiyaa fi kan naannolee biroo, gogiinsi cimaa fi qaala'iinsi jireenyaa akkasums GDP biyyatti suuta guddachuu faa akka sababaatti ka'aniiru.

Baankiin Addunyaa "qaala'iinsi jireenyaa maatii magaalaa irratti dhiibbaa guddaa geessiseera" jedheera; maatiin baadiyyaas sababa "hirmaannaa gabaa daangeffameef" gatii nyaataa dabaluu irraa fayyadamoo ta'uu hin dandeenye jedha.

Dhaabbanni maallaqaa idil-addunyaa kun lakkofsi sadarkaan hiyyummaa kun bara 2026tti "suuta suutaan akka hir'atu" akka eegu beeksiseera.

Haa ta'u malee, Ministirri Karooraa fi Misooma, Dr. Fitsum, safartuu Baankii Addunyaa gabaasa akkanaa qindeessuuf itti fayyadamu qeequun, "haala qabatamaa biyyattii keessa jiru hin calaqqisiisu" jedhan

Garaagarummaan baasii jireenyaa fi walqixxummaa humna bittaa (PPP) biyyoota adda addaa gidduu jiru dhimma tilmaama keessa galfamuu qabu ta'uus hubachiisan.

"Moodeelota hiyyummaa hir'isuu keessatti dhimmoonni adda addaa kan furmaata argachuu danda'an kanneen moodeelota akka biyyaatti hojjechaa jirru sana keessatti hin calaqqifne jiru. ''Nyaata mana barumsaa irraa eegalee hojii baay'ee qabna," jedhan.

Moodeela Baankii Addunyaa kana qeequun tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru "tilmaama keessa hin galchine" jedhan

"Lakkoofsi haala qabatamaa tilmaama keessa hin galchinee fi biyyoota addunyaa hunda madaallii tokko keessa galchuun ragaan ba'u jira," jedhan.

Omishni qonnaa biyyattii bara 2010 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu "dachaa shaniin" ykn "dhibbeentaa 430" akka dabale kan eeran Dr. Fitsum, "oomisha dabale keessaa dhibbeentaan 90 qonnaan bultoota xixiqqaa irraa akka argamu" ibsan

''Wayita oomishni qonnaan bultootaa dachaa shaniin dabale, yoo dhibbeentaa 400 ol dabale, qonnaan bulaan hundi galii mana isaatti dhufu qaba jechuudha. Galiin kun jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa qaba," jechuun dubbatan.

Kaanaanis "humni baasii qonnaan bultootaa fooyya'uu'' himan. Qonnaan bultoonni "paampii fi maashinoota qonnaa biroo bitachuun gara invastimantii ce'aa jiru".

Mootummaan yeroo lama "safartuu mindaa gara sarara hiyyummaa Baankii Addunyaa nama tokkootti dabaluu isaas" eeran.

Akkasumas hojiwwaan kalaqaa, tola ooltummaa, nyaata mana barumsaa fi pirojektoota koridoorii baadiyyaa fi magaalaa "jireenya lammiilee fooyyessuu keessatti gahee guddaa qaba" hojirraa olchaa akka jiran dabaluun dubbataniiru.

Dr. Fitsim gabasaaleen hojiiwwan mootummaa kunneen "ilaalcha keessa kan hin galchine" jechuun qeequun, gochi kun "yeroo dheeraaf kan ture" ta'uu hubachiisan.

Ministirri Karooraa fi Misooma itti dabaluudhaan, "Mootummaa walabummaa qabu kamiyyuu ragaa ofiishaalaa mataa isaa qaba, Kan fudhatamuu qabus ragaa offishaalaa mootummaan kennamu ta'uu qabaa jedhaniiru.