Akeekkachiisa WFP - Baqattoota Itoophiyaa balaan beelaa mudachaa jira

Deeggarsa nayaataa

Madda suuraa, WFP

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Addunyaa baqattoonni Itiyoophiyaa keessa jiran balaa beelaaf saaxilamuu akeekkachiise.

Dhaabbatichi sababa hanqina maallaqaatiin raabsaa nyaataa hir'isuuf waan dirqameef sodaan beelaa dabaluu ibseera.

Ji'a Onkololessaa keessa Sagantaan Nyaata Addunyaa baqattoota kuma 780'f dawoo baqatttootaa 27 Itoophiyaa keessa jiraniif deeggarsa midhaan nyaataa dhibbeentaa 60 dhiyeessaa ture gara dhibbeentaa 40tti hir'isuuf akka dirqame beeksise.

Kana jechuun tokkoon tokkoon namaa gargaarsa nyaataa guyyaatti kaalorii kuma tokkoo gadi argatu jechuudha.

Baqattoonni haaraan kuma 70, kanneen walitti bu'iinsa biyyoota ollaa Sudaan fi Sudaan Kibbaa keessaa baqatan qofti ji'oota jahan dhufaniif raashinii guutuu kan argatan ta'uu ibseera.

Dhaabbatichi baqattoota haaraa dhufan birattis beelaafi hanqina nyaata madaalawaa olaanaa ta'uu hubachiiseera.

Daayreektarri fi bakka bu'aan Sagantaa Nyaata Addunyaa damee Itoophiyaa Zilaataan Milisiik."Filannoo hin danda'amne gochaa jirra," jedhan.

"Hanga dandeenyutti gargaarsa nyaataa hiika qabu kennuuf yaalaa jirra. Haa ta'u malee, maallaqa yoo hin arganne, hanqinni maallaqaa kun raabsaa nyaataa guutummaatti dhaabsisa, lubbuu amma gargaaraa jirru balaadhaaf saaxila," jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Kun balaa gara fuula duraa miti, amma ta'aa jira. Hanqinni nyaataa hundi daa'ima beelaaf saaxila, haati osoo hin nyaatin akka dabartu dirqisiisa, maatii tokko fiixeetti dhiiba," jechuun ibsaniiru.

Sagantaan Nyaata Addunyaa ergama gargaarsa namoomaa ji'oota jahan dhufan keessatti itti fufuuf hatattamaan doolaara miiliyoona 230 akka isa barbaachisu ibseera.

Dhaabbatichi maallaqa atattamaa yoo hin arganne ji'oota dhufan keessatti baqattoota Itoophiyaa keessa jiran hundaaf deeggarsa nyaataa dhiyeessuu guutummaatti akka dhaabu akeekkachiiseera.

Dhaabbatichi nyaanni madaalawaa daa'immanii fi haadholii hanqina qabaniif dhiyeessu akka malee jalaa dhuma akka dhufes akeekkachiise.

Ji'a Muddee keessa ejensichi nyaanni madaalawaan akka dhumu beeksise. Kan jechuun ammoo maallaqa dabalataa yoo argate malee daa'imman hanqina nyaataa qaban, dubartoota ulfaa fi haadholii harma hoosisaniif miliyoona tokko ta'an guutummaatti deeggarsa dhabu jechuudha.

Dhaabbatichi Ebla darbe hanqinni maallaqaa akka isa mudate beeksisee akka ture yaadachuun, gargaarsa arjoomtootaan sagantaa nyaataa ittifufuu akka danda'e ibseera.

Sagantaan Nyaata Addunyaa fedhii namoota kuma 700 naannoo kibba baha Somaalee guutuuf mootummaa Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jirus beeksiseera.

Naannoon kun gogiinsa fi lolaadhaan miidhamuu isaa kan hubachiisan yoo ta'u, hamma jiru osoo hin hir'isin gargaarsa nyaataa namoomaa tokko tokko gochuuf yaalaa akka jiru dubbataniiru.

''Ergamni keenya ji'ootaaf addaan citee ture,'' jedhan daayreektarri kun. "Kun lammiilee fi baqattoota nyaata hin arganneef deeggarsa qabnu qofa osoo hin taane, muddama haaraa; dhufaatii baqattoota haaraa, gogiinsa, fi balaa qilleensaatiif qophii keenya ni xiqqeessa."

Sagantaan Nyaataa Addunyaa yeroo dhumaaf baqattootaaf raabsa nyaataa isaa Caamsaa bara 2023 hir'ise.

Ergasii as qaawwi fedhii fi dhiyeessii namaa gidduu jiru bal'achaa akka dhufes dhaabbatichi beeksiseera.