Anas Mahammad Yamanitti kan gara waggaa 30'f abukaatoo baqattootaa ta'uun bilisaan tajaajilan eenyu?

Madda suuraa, Anas Sheek Mohammad
Anas Sheek Mahammad, Harargee Bahaa Gaara Mul'ataatti dhalatan. Wayita mootummaan TPLF aangoo qabatu dhiibbaa siyaasaatiin biyyaa baqatan.
Jalqaba bara 1994tti gara Jibuutiitti baqatan. Turtii waggaa afuriin booda ammoo bara 1998 gara Yamanitti imaluun hanga yoonaa achuma jiraatu.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo sana ture hanga Jibuutiitti duukaa bu'uun dhiibbaa irratti uumuun mootummaan Jibuutii akka achiisaan baase BBCtti himan.
Obbo Anas akka godaantota yeroo ammaatti hojiidhaaf osoo hin taane ''siyaasaan dirqamnee baane'' jedhan.
''Gaafa sana warra sababa siyaasaa dhiibbaa jala turetu dirqamee biyyaa bahaa ture. Akka har'a namni baqatee biyyarraa deemu kanatti miti,'' jedhan.
Namoonni siyaasaa dhaaba ijaaraniis ta'e dhuunfaadhaan Oromoof qabsaa'aa turan hedduutti gara Jibuutii, achirraas gara Yaman imalaa turan kan jedhan Obbo Anas, isaanis Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaa waliin gara Yaman imaluu himan.
Baqataa siyaasaa ta'uun kan biyyaa ba'an Obbo Anas akkumasaanii Yaman keessatti lammiileen Itoophiyaa danqamanii waggaa hedduu turan jiraachuu himan.
Yeroo ammaa Yaman ulaa ittiin godaantonni Itoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa irraa ka'an gara Sa'uudii Arabiyaatti darban taateetti.
Dabalataan namoonni Itoophiyaarraa gara biyya handaara galaanaa kanatti imalan dhaabbataan achi jiraatanis jiru jedhu.
Biyya balaafamaa addunyaa keessa waggaa 27'f
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaman erga bara 2011 as waraana balaafamaa keessa jirti. Addunyaarratti biyya keessa jiraachuun sodaatamudha.
Obbo Anas Sheek Mahammad erga bara 1998 biyyattii seenanii achii hin sochoone. Gara biyyaa yookiin biyya sadaffaa imaluuf daandiisaa hin arganne.
''Biyya samii fi lafaan waraana keessa jirtu. Warri biyyaatuu miiliyoonaan buqqa'eera. Akkuma Rabbiitiif malee as keessa jiraachuun ulfaataadha,'' jedhu.
''Rakkoo baqataan biyya kanaa qabu namni bakka biraa qabaachuu hin danda'u,'' kan jedhan Obbo Anas, ''qilleensi hundi hidhaa waan ta'eef carraa biyyatti galuullee dhabne,'' jedhan.
''Kan nuti barbaannu silaa gara biyya keenyaatti debei'uudha. Biyya biraa deemuunillee yoo hafe jechuudha. Kanallee hin dandeenye.''
Yaman keessatti hojjetanii jiraachuun duraanuu ulfaataadha. Erga biyyattiin waraanatti seentee ammoo haallisaa cimaadha akka Obbo Anas ibsanitti.
''Rabbumatu nama jiraachisa malee, hojiin tokkollee hin jiru. Kanarratti biyyi kun bakka afurii, shanitti ciccittee jirti. Wal keessa deemuun hin danda'amu. Baqataan hanguma duraallee sosocho'ee hojjetuu hin danda'u. Manuma duwwaa keessa taa'a.''
Akka namni waggaa soddomatti siquuuf Yaman keessa jiraatan kun jedhanitti, duraan namoonni dhiironnis ta'e dubartoonni mana namaallee taatu qacaramanii hojjetaa turan.
''Amma sababa waraanaatti carraan kunillee dhibeera. Dallaalonni nama baayyee biyya kana galchu. Namni silaa kan dalagee mindaa argatu amma tolaan, midhaan nyaachuu qofaaf dalagaa jira,'' jedhan.
''Bakka hundatti baayyinni baqataa akka cirrachaati. Kanarratti namni nama qacaree hojjechiisu hin jiru. Namni midhaanuma nyaatee buluuf hojjechuullee rakkataa jira.''
Yaman: durii fi amma
Obbo Anaas haalli jiruu fi jireenyaa Yaman keessatti yeroo adda addaatti maal akka fakkaatu arganiiru.
Garuu haala suukanneessaa amma biyyattii keessa jiru seenaa biyyattii keessatttis, ''Gaazaarraan kan hafe'' biyya biraa keessattis akka hin argine ibsan.
''Biyyi ormaa yoomuu biyyuma ormaati. Garuu biyya mirgi dhala namaa keessatti hin eegamne keessa jiraachuun ulfaataadha,'' jedhan.
''Kanaan dura kan siyaasaan dhufes, hunduu dandamatee as keessa jiraachaa ture. Dhokatees ta'u dandamatee jiraataama ture. Garuu rakkoon erga lolli bara 2011 eegalee akka malee hammaate.''
Biyyi duraan giddugala daldalaa fi qaroominaa turte kun amma seenaanshee xuraa'ee jira.
Bara 2011 irraa eegalee hidhattoota Huutii mootummaa biyyattii beekamtii UN qabuun lolan irratti dabalataan Sa'uudii Arabiyaa fi Ameerikaan waraana biyyattii keessatti hirmaachuun, lafoo fi qilleensarraan biyyattii guddoo miidhan.
Dhiheenya kana ammoo hidhattoonni Huutii Yaman kanneen deeggarsa Iraan qaban yabala doonii Galaana Diimaarratti taasifamu adamsuun haleellaa raawwachuun eegaluun Yaman dirree waraanaa taatee akka itti fuftu sababa ta'aniiru.
Keessattuu erga Onkoloolessa 7, 2023 booda waraanni Gaazaa eegalee as haleellaan hidhattoonni Huutii dooniiwwan Galaana Diimaa irra yabalan, kanneen US fi Israa'el waliin hidhata qaban, hammaatee haalli gara Yaman jiru kan yeroo kamuu caalaa yaaddeessaa ta'eera.
Haleellaan US Huutii Yaman irratti raawwataa ture erga Pirezidant Doonaald Tiraamp gara Waayit Haawus deebi'ees cimee itti fufeera.
Waggaa 20 oliif abukaatoo baqattootaa
Lammiileen Itoophiyaa dhiibbaa siyaasaanis ta'e rakkoo diinagdeen gara Yaman imalanirratti dhiittaa mirga namoomaa hamaatu raawwatama.
Hidhamuu, dararamuu, ajjeefamuu fi rakkoo suukkanneessaa hedduu keessummeessu kan jedhan Obbo Anas Sheek Mahammad, ''ani akkuman biyya kana dhufeen abukaatoo seeraa ta'een hojjechuu eegale,'' jedhan.
Sababni ammoo rakkoo baqattoota Itoophiyaa mudatuuf qaama furmaataa ta'uuf kutannoo qabanirraa ta'uu dubbatan.
Akkuma biyyattii seenaniin hojiinsaa jalqabaa haala mootummaa biyya sanii baruu fi namoota mootummaa waliin walbaruu ture.
''Ergan biyya kana dhufee baqattootaaf abukaatoo ta'ee falmee malee hojii biraa hoojedhee hin beeku. Bara 20 ol nama hidhaarraa baasuu, wabii ta'uufii ture hojiin koo,'' jedhan.
Obbo Anas akka jedhanitti erga mootummaa Yamaniin walbaranii hojii abukaatummaa eegalanii bara 2005 irraa eegalanii nama kuma 16 ol tajaajiluu himan.
Obbo Anas hojii tajaajila seeraa kana kan hojjetan waajjira banatanii akka ta'e himan.
Waggoota Yaman turan kana keessatti, biyyarraa hanga Jibuutii, achirraa hanga Yaman darbees hanga Sa'uudii Arabiyaatti gidiraa godaantonni keessa darban argaa turan.
Arguu qofa osoo hin taane itti dhihaatanii rakkoosaanii qooddataa, hanga humnisaanii danda'u tajaajilaa akka turan himan.
Rakkoon waggoota 18 darbanii kan yeroo kamuu caalaa suukanneessaa ta'uu BBCtti himan Obbo Anas.
''Bara 2007 dallaalonni Araboota waliin wal ta'uun maqaa 'Abdulqawwii' jedhu baafachuun mooraa ijaarratanii nama ugguruu jalqaban. Yeroo sanarraa kaasee miidhaan akka malee babal'atee itti fufe,'' jedhan.
Erga dhalli namaa (baqataan) maallaqaan geeddaramuu eegalee dubbiin hammaatte kan jedhan Obbo Anas, ''yakki gudeeddii, fannisuun ajjeesuun, hanga ija nama keessaa baasuu fi qaama kaan hir'isutti reebuu... kana hundan argaa ture,'' jedhan.
Rakkoo kana callisanii ilaaluu kan dadhaban Obbo Anas dhaabbata mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch faana ta'uun mirga baqattootaaf falmuurratti aarsaa kaffalaa akka turan himan.
Rakkoon baqattoota gara Sa'uudiitti godaanan mudatu inuma hammaate, keessattuu bara 2022-2023 baayyee suukanneessaa ture.
''Dhumaatii namaa akka malee hammaate kana, isa dhalli namaa akkanatti harca'u kana, ragaa viidiyoon deeggareen dhiheesse,'' jedhan Obbo Anas.
Namni seeraa kun kana qofaan hin dhiisne, akkamiin akka waan kana hir'isuun danda'amurratti wixinee qopheeffatan.
''Akkamiin ijaaramnee rakkoo hammataa taa'anii ilaaluun ulfaatu kanaaf fala kaa'uu dandeenye kan jedhun lafa kaa'e. Haala kanaan Waldaa Ittisa Godaansa Seeraan alaa fi Daldala Namaa jechuun bara 2023 hundeessine,'' jedhan.
Godaantonni wayita gara Sa'uudii imaluuf karaa qabatan dallaalonni maallaqa guddaa gaafatu.
Hidhanii maallaqa gaafatu, ni gudeedu, ni ajjeesu, ni dararu, hidhaa fi fannisuunis jira akka Obbo Anas jedhanitti.
''Shamarran gudeedamtee ulfa baattufaa hedduu argine. Maallaqa Itoophiyaa kuma 100 dhuunfaa dhuunfaan gaafatamu. Kana hundaaf dhaabbachuu eegalle,'' jedhan.
Obbo Anas erga jaarmiyaa kana hundeessanii baqattoota 2,500 caalan kiyyoo dallaalotaa keessaa bilisa baasuu himan.
Kana malees bakka daddabarsi namootaa seeraan ala raawwatamu hundatti caasaa isaanii diriirsuun darbees hanga biyyaatti (Itoophiyaa) mootummaaf eeruu kennuun akka tarkaanfiin seeraa fudhatamu gochaa jiraachuu himan.
''Sa'uudii, Yaman, Jibuutii, Somaaliyaa, biyya keessattis godaantota kiyyoo seenan dandamachiisuu eegalle. Dallaalota hordofuun akkaawuntiisaanii cufsiisuu, miseensonnisaa hedduun akka hidhaman dhiibbaa gooneerra.''
Obbo Anas hojii tola oltummaa kanaan godaantota gidiraa argaa jiran wayita tajaajilan gargaarsa tokkollee argatanii osoo hin taane ofumaaf akka tattaafatan ibsan.
Tola ooltummaan beekamtii hin gaafatu kan jedhan Obbo Anas, jaarmiyaan isaan beekamtii fedha osoo hin taane gidiraa godaantotaaf fala kaa'uurratti kan fuulleffateedha jedhan.
Jaarmiyaa dhimma baqattootaa idiladdunyaa - IOM odeeffannoodhaan akka tumsan kan himan Obbo Anas, garuu deeggarsa biraa wanti irraa argatan akka hin jirre ibsan.
''Rakkoo kana furuuf waan barbaachisu hunda gumaachuu barbaanna waan ta'eef isaanis ni tumsina.''












