Nahiimaa - Shamarreen Liibiyaatti ugguramte gadhiifamte, maal dubbatte?

Madda suuraa, @RefugeesinLibya
Akeekkachisa: Qabiyyeen oduu kanaa qalbii keessan jeequu mala!
Torban muraasa dura viidiyoorratti afaan ishee carqiin cuqqaalameefi miilli hidhamee yeroo dararaan irratti raawwatu kan mul'ataa turte shamarree Nahiimaa Jamaal gadhiifamte.
Lammiin Itoophiyaa barumsa adda kuttee kan caaluttin baha jettee waggaa darbe Caamsaa keessa magaalaa Shaashamannee irraa ka'un ture kan Liibiyaatti harka hidhattootaa buute.
Kanneen ishee ugguran dolaara 6,000 (birrii 750,000) kaffaltan malee kanaan achi ''suuraa reeffa ishee isiniif ergina'' jechuun viidiyoo ergaa, maatii dorsisaa turan.
''Hunduu kaffalameefii magaalaa fidanii na gadhiisan,'' jechuun Nahiimaan erga baatee booda BBC Afaan Oromootti himte.
Maatiin maallaqa gaafatame kaffaluun akka itti cimuu himuun birmannaa gaafatanii turan. Viidiyoon ishees kana booda kan gadhiifame, namoota hedduu biras gahe.
Amma garuu hiikamuu ishees mirkaneessaniiru.
''Kan asii ergine 300,000 [birrii] kaan achii itti guutan. ..Gargaarsuma jechuudha walumaagala,'' jette obboleettiin ishee Iftuu Jamaal.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ishee waliin kan ugguraman ''lammiileen Itoophiyaa baay'ee,'' ta'u Nahiimaan himteetti. Isheefi kaan muraasni kaffalameef qofti gadhiifamuu dubbatte.
BBC'n bilbilaan yeroo ishee dubbisu ''dadhabbiifi dhukkubsattee'' akka jirtu haasaa ishee irraa hubachuun ni danda'ama.
Godaantota qabanii qarshii gaafatuun, gidirsuun, 'gurguruun' illee Liibiyaa keessa akka jiru kana dura BBC'n lammiilee Itoophiyaa, kaanis dubbisee gabaaseera.
Nahimaan baatii saddeetiin dura ture bakka dhaloota ishee Naannoo Oromiyaa, magaalaa Shaashamanneedhaa karaa Gondar biyyaa kan baate.
Haata'u malee, harka hidhattootaa bu'uun dararaa arguu himte. Isheen ala godaantonni biyyoota Afrikaa kaanis rakkoon wal fakkaataa isaan quunnama.
Dhaabbileen mirgaa wanti Liibiyaa keessa adeemuu ''daldala garbaati'' jechuun ibsu, addunyaan gurra dhowwatees jedhu.
Gaaffiifi deebii Nahiimaan BBC waliin taasifte kunooti. Dhihaadhaa!
BBC: Baga nagaan hiikamte.
Nahiimaa: Ameen.
BBC: Yoom hiikamte?
Nahiimaa: Guyyaa lama dura. Gaafa Wiixataa [jalqaba torban kanaa].
BBC: Akkamiin si gadhiisan?
Nahiimaa: Hunduu kaffalameefii magaalaa fidanii na gadhiisan.
BBC: Maallaqa hangam jechuudha?
Nahiimaa: Birrii 700,000. Walitti naaf qabamee kan naaf kaffalamedha.
BBC: Durumaa gara Liibiyaa deemuu akkamiin yaadde?
Nahiimaa: Gara Liibiyaa hojii hojjechuuf dhufe. Hojiin akka jiru natti himani.
BBC: Dallaalaamoo nama ati beektudha?
Nahiimaa: Nama biyyatti beekutu asitti na erge. Dallaalaas ta'u danda'a hin beeku.
BBC: Gurbaan jette suni achitti hafemoo si faana dhaqeera?
Nahiimaa: Achitti hafe. Maallaqni isaaf kaffale hin jiru.

BBC: Haala hidhaa keessa dabarte mee nutti himi?
Nahiimaa: Haalli achi keessaa baay'ee tokko ulfaata.
BBC: Reebichamoo nyaata gahaa isiniif hin dhiheessanimoo maali?
Nahiimaa: Reebichi, beeluunis wanta baay'eetu jira.
BBC: Nyaata akkamii isiniif dhiheessu?
Nahiimaa: Nyaanni hin jiru. Mokorooniin ni jira. Guyyaatti gizee [si'a] tokko nyaanna.
BBC: Guyyaatti si'a takka qofaa nyaattuu?
Nahiimaa: Si'a tokko yaanna guyyaatti ni jira mokorooniin.
BBC: Kan biraawoo?
Nahiimaa: Dararaa baay'eetu jira, wanta baay'etu jira. Wanti kana jedhee sitti dubbadhuullee hin danda'u amma.
Bilbila bilbiluullee nan sodaadha. Wanti hundu waan nama sodaachisuuf waanan godhu hin barre. Dadhabbiin jira, dhibeen jira.

Madda suuraa, @RefugeesinLibya
BBC: Yeroo maatiikee gaafannetti waggaa darbe barnoota kutaa 11ffaa adda kuttee gara Liibiyaa deemuu nutti himan.
Akkas gochuu keetti ni gaabbitaa?
Nahiimaa: Wanta keessa darbe yoon yaadadhu hedduun gaabba.
BBC: Si'achi yaadnikee maali?
Nahiimaa: Wanta baay'ee keessa darbee wanta asiin gaheef bakkuma yaade san deemuu hede. [Yaadishee gara Awurooppaa imaluudha.]
BBC: Vidiyoon waa'eekee qoodamaa ture yeroo dararamaa turte agarsiisa. Namoonni hiikamuukee eegaa turan jiru. Ergaa maal dhaamtaaf?
Nahiimaa: Wanti narra gahe akka namarra gahu hin barbaadu. Karaa kanaan akka hin deemne. Jiraafi du'uu gidduu waan ta'ef.
BBC: Namoonni ammas gammoojjii keessa qaxxaamuranii deemuu barbaadan jiru. Isaaniif ergaa maal qabda?
Nahiimaa: Osoo biyya isaanii keessa taa'anii wayya. Dararaa baay'eetu jira. Hiriyyoonnikoo karaarra du'aniiru.
BBC: Namoota beektudhaa?
Nahiimaa: Dhiirota lamadha, Finfinneetti wal barre. [Osoo deemnuu] Gammoojjii Sahaaraa keessa du'an. Bishaan dheebotaniiti.
BBC: Achumatti owwaaltanii dabartanii?
Nahiimaa: Owwaaluun hin jiru. Cirrachuma irra naqne [dabarre]. Isaan owwaaluf humna hin qabnu.

Madda suuraa, ASHRAF SHAZLY
BBC: Lafa si hidhan sana lammiileen Itoophiyaa turanii?
Nahiimaa: Baay'ee jiru malee. Lammiileen Itoophiyaas, Somaalees jiru. Lakkoofsaanillee hin beeku, walumatti dhibba ni ta'u.
BBC: Harka hidhattootaa bu'uum, rakkoon akkasii irra deebi'e na qunnama jettee hin yaadduu?
Nahiimaa: Ammallee sodaa keessa jira. Ammallee Liibiyaama jira. Wanta boru uumamu hin beeku Rabbiitu beeka.
BBC: Liibiyaa keessa lammiileen Itoophiyaa jiruu? Kan agarte mee nutti himi?
Nahiimaa: Baay'ellee yoo hin taane hin jirani [ni jiru]. Mana hidhaa an keessa tures turani.
BBC: Ati baateetta. Warri kaan bahaniiruu?
Nahiimaa: kan an beeku hin jirani. Warri na bira seenanillee waggaafi ji'a lama [kan turan], ijoolleen ji'a sadii afur [turan] illee ni jiru.
BBC: Warri nama qabatanii qarshii nama gaafatan eenyudha?
Nahiimaa: Eenyu akka ta'an hin beeknu bar. Fuula isaanii hin beeknu.
BBC: Afaan maaliin waliigaltu?
Nahiimaa: Arabiffuma dubbatan. Hin dhagahu afaan jaraadhaa. Nama nu hiikutu jira. Akkana jedhaa jirani [jedhanii nuuf hiiku].
BBC: Guddaa galatoomi.
Nahiimaa: Isinis galatoomaa.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












