Nahiimaa: Waa'ee shamarree Liibiyaatti dararamaa jirtu kan iyyaafanne

Madda suuraa, Refugees In Libya
- Barreessaa, Dereje Gonfa
- Gahee, Journalist
Tibba kana viidiyoofi suuraan gareen wanbadoota Liibiyaa magaalaa Kufraatti godaantota butanii gidirsan mul'isu miidiyaa hawaasarratti gadhiifamaa jira.
Isaan keessaa shamarreen Nahiimaa Jamaal jedhamtu mul'atti. Shamarreen kuni kan Itoophiyaarraa godaante ta'uu BBC'n maatiirraa odeeffateera.
Suuraafi viidiyoon Nahiimaa Jamaal gadhiifaman yeroo ishee dararan kan mul'isan yoo ta'u, maatiin ishee maallaqa gaafataman akka erganiif itti ergamaa turuu himan.
Obboleettiin ishee Iftuu Jamaal, Nahimaan bakka dhalootashee Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Lixaa, Shaashamanneerraa baatii saddet dura barnoota kutaa 11ffaatti addaan kuttee gara Liibiyaatti imaluushee himte.
"Namoonni ta'an suuraafi viidiyoo yeroo ishee darararan, akkasumas sagaleeshee kan isheen 'maallaqa naaf erga yookaan na ajjeesuu' jettu nutti erguudhaan nu doorsisaa jiru. Yeroo nuti jenne keessatti maallaqa hin ergitan yoo ta'e, suuraa reeffa ishee isiniif ergina nuun jedhan "jette.
Haata'u malee, maatiin harka qalleeyyii waan ta'aniif maallaqa wanbadoonni gaafatan kana argachuu akka hin dandeenye miira gaddaan dubbatti Iftuun.
Akka Dhaabbatni Baqattoota Liibiyaa (Refugees In Libya) ibsetti, shamarree umuriin ganna 20 Nahiimaa Jamaal, Caamsaa 2024 Liibiyaa erga seentee yeroo muraasa booda butamte.
Ergasii doorsiifniifi haleellaan gara jabeenyaa shamarree kanarratti raawwatamu gara maatiisheetti ergamaa turuu Dhaabbanni kun himeera.
Iftuunis maallaqa gaafatame kana kaffaluudhaaf gargaarsa gaafatanis ammatti milkaa'uufiif akka hin dandeenye himti.
Erga sagalee Nahiimaa dhaga'anii torban lama darbuu kan himtu Iftuun, " maallaqa hanga argattanitti nu hin dubbisinaa waan jedhaniif haalli isheen keessa jirtu maatiidhaaf yaaddoo cimaa ta'eera," jetti.
Dhaabbanni Refugees In Libya jedhamus, tibba kanammoo dararaafi doorsisni haalan jabaatee maatii yaaddoo cimaa keessa galchuu ragaa qabaachuu ibseera.
Nahiimaa gadhiisuuf wanbadoonni kunneen mallaqa gara doolara 6000 ta'u gaafatan. Kanaaf, maatiin ishees waan hin yaadne waliin wal'aansoo qabuuf dirqamaniiru jedha dhaabati kun.
Viidiyoon maatitti ergame gocha gara jabeenyaa hamaa tilmaamuuf ulfaatu gareen kun Liibiyaa keessatti godaantoa irraan ga'an hanga tokko kan agarsiisudha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Bakka awwaalchaa gurraachota Afrikaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoo fi suuraan tibbana bahan kunneen wayita Nahiimaan afaan, harkaafi miila funyoon hidhamte dararamtu, akkasumas suraafi viidiyoon reebichiifi dararaan irratti raawwatamuu mul'isuufi dhiigni isheerra yaa'u agarsiisan turan.
Suuraafi viidiyoo dhaabbanni kun gadhiiseerratti Nahiimaa qofa osoo hin taane, miidhamtoonni biroo 50 ol ta'an duubaan ni mul'atu.
Yeroo addunyaan daldala garbaarraa waggoota hedduu fagaattee dagaataa jirtutti Liibiyaa keessatti dhalli namaa ammalee akkasitti dararamaa jiraachuu mul'isa.
"Kun dhugaa Liibiyaa har'aati, gochi akkanaa kun gara jabummaa jedhamee ibsamee bira darbamuu qofti gahaa miti, sanaa olitti waan ibsamuu hin dandeenye " jechuun ibsa aktiivistiifi namni kana dura haala kanaan butamee lubbuun hafe Deeviid Yaambiyoo.
Haalli amma Nahiimaan keessa jirtu gidiraa godaantonni keessa darban hedduu keessaa isa tokkodha jechuun ibsa Deeviid kun.
Dhabbileen mirgaaf falman Liibiyaan godaantota gurraachaaf bakka awwaalchaa erga taatee bubbulteerti jedhu.
Garuu dhaabbileefi hawwaasni idil-addunyaa gocha kana fakkaatu maaliif akka argamuu dhabe gaaffii kaasuun qeequ.
Taatee namummaa dhabsiisuu wanbadootni kunneen ifatti kan hojjetan yoo ta'u, adabbii dhabuufi wanti kana mormu fi dhaabsisu dhabamuun akka gochaa eeyyamamaatti akka irratti walgurmeessaan taasise jechuun balaaleffatu.
Yaambiyoon, "haqni taa'anii ilaaluun dhufu hin jiru, haqni jecha kutaa mijataa keessatti dubbatamu caalaa gocha neetwoorkii kana cabsee riqicha ijaaru ta'uu qaba," jedha.
Hireen Nahiimaafi kan namoota akka ishee hedduu ta'an Liibiyaa keessatti gaaddidduu du'aa jala jiranii, haala sodaachisoo Liibiyaa keessatti deemaa jiran irratti akkaataa addunyaan deebii itti kennitu irratti hundaa'a.
Akkuma kaleessaa dugda itti garagalfachuu taanaan, Liibiyaan akkuma bakka aawwachaa dargaggoota Afrikaa taatetti itti fufte jedhe.
Yakkamtootni adabbii malee hafuu fi callisni idil-addunyaa garee kanaaf humna kan kennan yoo ta'u, angawoonni Liibiyaa itti gaafatamummaa idil-addunyaa isaanii bahachuufi tarkaanfi hatattamaa fudhachuu akka qabanillee waamichi dhiyaateera.
Ta'us hireen Nahiimaa, akkasumas kan namoota 50 biroo Kufra keessatti ugguramanii jiranii ammallee mirkanaa'aa miti.
Nahimaa oolchuudhaaf doolaarri 6,000 maatiin ishee gaafataman gatii lubbuu ishee qofa miti, gatii callisa hawaasa addunyaa kan mul'isuudha.
Namoota baay'eedhaaf kun lubbuun jiraachuu osoo hin taane, marsaa gidiraa dhuma hin qabnee dheeressuu akka ta'etti namootaafi dhaabbilee mirgaaf falamaniin eeramaa jira.
Imaammatni biyyootni Awurooppaa dhimma godaantoota irratti qaban balaa kana kan hammeesse akka ta'ettillee gabaafamaa jira.
Addunyaan dhugaa hadhaa'aa kana fuuldura dhaabbachuu qabdi, 'daldalli garbaa' Liibiyaa keessa ammallee dagaagaa jira.
Dararaa godaantoota Itoophiyaa Liibiyaafi kutaalee Baha Giddu-galeessaa biroo kan akka Yaman fi Sa'ud Arabiyaa keessatti raawwataman irratti BBC'n gabaasa adda addaa dhiyeessaa turuun kan yaadatamudha.
Liibiyaan biyya godaantonni Afrikaa hedduun galaana Meediteraaniyaanii qaxxaamuruun gara biyyoota Awurooppaatti ce'uuf keessa darban keessaa tokkodha.
Dargaggootni Oromoo fi lammiileen Itiyoophiyaa biroo kuma heddutti lakkaa'amanis sababa siyaasaafi jireenya fooyyaaa'aa barbaacha jedhuun karaa seeraan alaa godaanan tokko daandii kanaanidha.
Biyyattii keessatti garuu gareen wanbadootaa gurmaa'ee godaantoota haala kanaan biyyaa ba'an butee ukkaamsuun dararaa suukkanneessaa irraa ga'uu.
Imala balaafamaa kanaan galaana Meediteraaniyaa keessatti lubbuu lammilee harca'u malee, dararaan wanbadoonni kunneen godaantota irraan ga'an gaga'ama lubbu hedduu akka qaqqabsiisu gabaasaaleen garagaraa ni mul'isu.
Ta'us gidiraa godaantotarra yeroo gagaraatti gahu kana hawaasni idil-addunyaa dhaabsisuun hin danda'amne.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp fi Facebook gubbaa hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












