Viidiyoo baqattoota hidhattoota Sudaaniin qabaman mul'isu keessattin obboleettii kiyya arge

Luwaam Gabruu
Ibsa waa'ee suuraa, Luwaam faddaaltonni karaa biyya waraanatti jirtu, Sudaan, gara Liibiyaa akka ishee dabarsan waadaa galuufii himte

Mihret Gabruu dhihoo kana viidiyoowwan waa'ee waraana Sudaan hunda xiyyeeffannaan ilaalti.

Osooma kanaan jirtuu viidiyoo wayita lammiileen Gaanfa Afrikaarraa gara Sudaan baqatanii achi jiraatan hidhattootaan akka malee reebaman mul'isu bilbilasheerratti argiti.

Reebicha dhala namaaf malu miti, akkaan suukanneessaadha. Obboleettiishee keessatti arguun ammoo garmalee ishee rifachiise.

''Yogguman viidiyoo kana argun Luwaam keessa jiraachuu bare. Shaarbii fi kophee ishee sirriittan yaadadha. Sirriitti natti mul'atan,'' jechuun waan argite BBCtti himte.

Oboloonni kunneen lammiilee Ertiraati. Luwaam Gabruu dargaggoota dirqamaan humna waraanaatti makamuu dheessanii baqatan keessaa tokko.

Dargaggoonni Ertiraa dirqamni waraanaa kun egereesaanii akka gufachiisutti hubatu.

Bara 2019 biyya ollaa Ertiraa taate Itoophiyaatti baqachuun ulaagaa baqattummaa guuttee jiraachaa turte.

Garuu jiruu baqattummaa keessatti iddoon namaaf mijaa'ee umrii guutuu jiraatan jiraaree? Ammoo carraa fooyya'aa barbaaduuf baqattummaa biraaf saaxilamuun waan hin oolle.

Mihret akka jettutti obboleettiinshee umrii waggaa 24 gara Sudaan imaltee achirraa Liibiyaa seenuuf murteeffatte. Wayita isheen gara Sudaan baqattu biyyattiin ofiifuu waraanatti seentee ji'oota lakkoofsisteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni waraanaa Sudaan fi humni addaa- Rapid Support Forces (RSF) waraanatti kan seenan Ebla 2023 yoo ta'u, kan isaan wal-waraananiifis biyyattii olaantummaan to'achuufi.

Ergasii lammiileen biyyoota alaa hedduun biyyattii gadhiisuuf dirqamaniiru.

Baqattoonni bakka itti deebi'an fi gara itti deeman hin qabne kanneen akka Luwaam garuu waraanumatti gidduutti hafan. Marfamanii qabamuun harka hidhattootaa seenan.

''Ji'a tokkoof sagaleesheellee hin dhageenye,'' jette Mihret.

''Yeroo tokko Sudaan irraa bilbiltee: 'Hin yaadda'inaa! Nagaan Sudaan ga'eera. Torban kana keessa gara Liibiyaatti ce'uu nan danda'a''' jechuunii himte Mihret.

Mihret akka namoonni obboleettiishee fuudhanii deeman karaatti hin dhiifne ni amanti.

Garuu waa'eenshee ji'oota shaniif hin dhagahamne- Hanga viidiyoon dhimmashee ifatti baase Ebla keessa miidiyaa hawaasummaarratti mul'atutti.

Viidiyoon mul'ate Ebla 7 fi 8 akka maxxanfame BBCn mirkaneesseera.

Jenaraalli waraanaa Sudaan tokko namoota qabaman 50 ol ilaalchisuun wayita yaada kennu, ''ergamtoota Somaaliyaa, Ertiraa fi Itoophiyaarraa dhufan,'' jechuun ibse.

Namoonni kunneen osoo waraana hamaa dheessuuf deemanii bakka oomisha boba'aa al-Jaily jedhamuu fi kaaba magaalaa Kaartuumitti argamutti qabaman.

Bakki kun harka RSF jira, buufata isaanii isa ijoodhas.

Viidiyoowwan waraabaman keessaa tokko keessatti qondaalli waraanaa namoonni to'ataman kunneen gara buufata humna waraanaa [kan RSF] Wadi Seidna jedhamu akka geeffaman ibsa.

Buufati kun kaaba magaalaa Kaartuumitti argama.

RSF humnoota alaa akka loltootaatti itti fayyadamaa jira gabaasi jedhu ba'aa jira, garuu hin mirkanoofne.

Luwaam, uffata obboleettiin ishee irratti arge jette uffattee, namoota kaan waliin [gareedhaan] wayita man-kuusaa tokkotti ukkaamfamanii jiran suuraan mul'isu maxxanfameera.

Luwaam Gabruu shaarbii bifa keelloo uffattee, lammiilee biyyoota alaa kaan waliin teessi
Ibsa waa'ee suuraa, Luwaam Gabruu shaarbii bifa keelloo uffattee, lammiilee biyyoota alaa kaan waliin teessi

Namni ollaa tokkos garee sana keessa jiraachuu adda baasuu kan himte Mihret, waa'ee namoota kunneenii odeeffannoo guutuu argachuu akka hin dandeenye himte.

''Odeeffannoo guutuu hin qabnu. Humna waraanaa Sudaaniin qabamanii jiraachuusaanii qofa dhageenye,'' jette.

Lammiileen Ertiraa kaanis maatiin yookiin firoonnisaanii gara Sudaan baqatanii jiran hedduun hanga yoonaa achi buuteensaaniii akka hin beekamnee fi gariin ammoo humna waraanaa Sudaaniin qabamanii akka jiran himan.

Kanneen keessaa namoonni lama bara darbe, Onkoloolessa keessa buufata baqattootaa UN kan lixa Sudaan, Kasalaa keessatti argamu seenanii turan.

Namoonni kunneen oladeemtota umriisaanii walduraa-duubaan waggaa 17 fi 20 ta'e Yoonaataan Tasfasillaasee fi Edmon Kidaanee yoo ta'an, erga baqattummaaf saaxilamanii booda faddaaltonni seeraan alaa of harka galfachuu maatiin himan.

Faddaaltonni kunneen, gariinsaanii miseensota RSF ta'uu himatan, yeroo baayyee dargaggootaa fi baqattoota dhihoo dhufan irratti xiyyeeffatu.

Sudaan keessaa dafanii akka biyya biraatti darbaniif haala mijeessina jechuun baqattootatti siqu.

Altakkaa of harka galfatanii karaarra buusnaan ammoo maatiisaanii (kanneen biyyoota alaa jiraatan dabalatee) maallaqa gaafachuu eegalu, erga maallaqa fudhatanii booda baqattoota karaa irratti darbanii biraa deemu.

Yoonaataan fi Edmon kaayyoonsaanii Sudaan Kibbaa seenuu yoo ta'u garuu karaatti waan gatamaniif lameenuu gargar ba'an.

Akkumasaatti garuu buchiinsa Gaziiraa Kaartuum irraa gara kibbaatti kiilomeetira 190 fagaatee argamutti iddoo Wad Madani ga'an.

Erga waraanni Sudaan eegalee birqabaan iddoon naga qabeessi bakka kana.

Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman gara Wadi Madani wayita godaanan
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman gara Wadi Madani wayita godaanan

Garuu ji'a Muddee keessa loltoota RSF’n to’atamte, sana booda namoonni 300,000 ol jeequmsa uumameen naannoo sanaa baqatan.

Maatiin Yonaatan yeroo xumuraaf bakka inni jiru kan quba qaban – yeroo sanatti godaantota biroo waliin gara Sudaan Kibbaatti imaluuf jiraachu itti himee ture.

Obboleettiin isaa Wiintaa Tesfasilasee boodarra namoota daangaa qaxxamuraanirraa akka dhageessetti, yeroo sana magaalaa waraanaan qabamte Rabek keessatti godaantota hedduu waliin hidhamuu akka hin oolle ture.

Isaan keessaa gariin gara magaalaa Sinjaatti dhihoo jirtutti geeeffaman, kaan ammoo waraanaan qabamuuf gara magaalaa Sennaritti geeffamanii akka turan himani jette.

''Maatiin hundi baayyee yaaddoo keessa waan jiruuf, maal akka goonu hin beeknu, gargaarsa akka dhabnetti nutti dhagahama.

Nagaa ta’uu isaa baru barbaanna, rakkina akkanaa keessa darbuuf nama gahe miti, waraana Sudaan waliin hidhata homaa hin qabu,'' jechuun UK kan jiraattu Aadde Wiintaan BBC'tti himte.

Maatiin Edmoonis yeroo xumuraaf wayita inni Wad Madani ture bakka jiru beeku - Magaalattii hidhattoonni RSF otoo hin to’atiin dura hidhame.

Obboleettiin isaa Adiyaam Kidaanee biyya Angoolaa jirtu BBC'tti himteetti, ''dallaaltoonni nama daddabarsan akka nutti himatti waraana Sudaanitu qabe’’ jette.

Dallaaltota nama daddabarsan qofatu iddoo inni jiru odeeffannoo itti himaa ture, “booda garuu dallaalaan bilbila keenya kaasu dhiise”, jette.

Edmon Kidaanee
Ibsa waa'ee suuraa, Faddaaltonni Edmon Kidaanee Wadi Madani keessatti harka humnoonni RSF seeneera jechuun maatiitti himan

“Yeroo dheeraaf haadha keenyatti dhabamuusaa hin himne ture, garuu boodarra itti himne.

Yeroo waa’eesaa nuti odeeffannoo akka hin qabne dhageessuu of wallaaltee gaggabde.

Hundi keenya dhiphataa jirra. Yeroo hunda maaltu isa mudachuu akka dandaʼu yaadna.”

Gabaasni gariin akka akeekutti, godaantotni saboota gara garaa 200 ol ta’an osoo RSF bakka sana hin to’atiin dura buufata waraanaa Wad Madani keessatti hidhamanii turan .

BBC’n odeeffannoo kana qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.

Ergasii waraanni yeroo Wad Madanii keessaa bahu hidhamtoonnis wajjiin bahuun isaaniitu eerame.

Dhaabata Biyyoota Gamtoomanitti Ejensiin Dhimma Baqattootaa waa’ee koolugaltootaa fi baqattootaa waraanaan hidhamanii ilaalchisee gabaasa kanan walfakkaataa akka argate hime.

Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani jedhutti, lammiileen Eertiraa 147,000 ol fi lammiileen Itiyoophiyaa gara 70,000 ta’an Sudaan jiraatu.

Dhaabbatichi magaalota Siinjah fi Rabek dabalatee naannoo Sennaritti hidhamusaanii mirkaneessuu karoorfachuu isaa BBCtti hime.

Namoonni firriisaanii hidhaa keessa jiraachu malu jedhanii yaadan odeeffannoo fuula gargaarsa UNHCR damee Sudaan akka gabaasan gorfaman.

Koreen Fannoo Diimaa idil-addunyaa (ICRC) warri miseensi maatii isaanii Sudaan keessatti dhabaman karaa sarara bilbilaa ykn waajjiraalee biyyattii keessatti argamaniin dhimma himuu qabu jedhe.

“Maatii namoota jaallatan dhaban gargaaruun hojiiwwan dursa laannuuf keessaa isa tokkodha. Garuu gargaaru kan dandeenyu karaa argachuu dandeenyu fi haala nageenyaa naannichatti gegeddaramurratti hundaa'a,'' jechuun ICRC’n BBC'tti hime.

Imbaasiin Sudaan Landanitti argamu hidhamuu lammiilee biyyoota hambaa kana ilaalchisee BBC’f deebii hin kennine.

Waraana Sudaan kana keessatti namoonni 15,000 ol ajjeefamaniiru jedhamee kan yaadamu yoo ta’u, waraanicha dhaabuuf tattaaffiin sadarkaa idil-addunyaa yaalame hin milkoofne, qaamotni wal waraanaan dhukaasa dhaabuuf walii galuu hin dandeenye.

Dubartoonni sadan waa'ee obbolaasaanii dhabamanii BBCtti himan odeeffannoo kamiyyuu ICRC, UN ykn waraana Sudaanirraa dhabuun isaan mufachiisuu himan.

“Maaloo nu gargaaraa, warri UN, nama kamiyyuu... abdii kutanneerra,” jette Aadde Wiintaan.

''Aanga'oonni Sudaan, maaloo akka nuuf bilbilani sagalee maatiisaanii dhagahan eeyyamaaf’’ jechuun gaafatte.

“Waraanni Sudaan baqattoota kana akka hiikan kadhanna, isaan dargaggoota namoota nagaa dhimma waraanaa keessaa qooda hin qabne fi biyyasaanirra baqatan, Sudaan Kibbaatti ga’uuf bahani.”jette.