Mootummaan Sudaan maaliif lammiilee Itoophiyaa biyyasaatii baasaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Sudaan erga jalqabee ji’oonni 14 darbaniiru. Lammiileen biyyattii miliyoonatti tilmaamamus biyya keessaa fi gara biyyoota ollaatti baqataniiru.
Waraanni garee humna biyyattii bulchaa jiruu kan Jeneraal Mohaammad Al Burhaaniin hogganamuu fi Humnoota Deeggarsa Saffiisa (RSF) kan Janaraal Mohaammad Hamdaa Dagaalootiinn hoganamujidduutti erga wal jalqabanii kaasee, lammiileen biyya alaa Sudaan turanii fi dippilomaatonni biyyoota garaa garaa biyyicha gadhiisanii bahaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan tilmaamaman waraanni osoo hin jalqabiin dura Sudaan keessa jiraachaa turan.
Haatahu malee amma waraana qaamolee lameenii gidduutti gaggeefamuun miidhaa fi dararaaf saaxilamaa jiraachuu dippilomaatiin Itoophiyaa Sudaan jiran tokko BBC'tti himaniiru.
Imbaasiin Itoophiyaa magaalaa Kaartum jiru erga haleelamee booda, hojjettoonni achi turan baafamuun gara Gadaaref deemuun qontsilaa achi jiru irraa hojjechaa jiru.
Maddi BBC akka himanitti, torban darbe keessa qofa mootummaan Sudaan lammiilee Itopphiyaa 250 tahan ‘’isin humnoota mormituu [RSF] deeggartu’’ jechuun Kaabaa fi gidduugaleessa Sudaan keessaa qabuun biyya keessaa baasuun Matammaatti buusan.
''Gadaaref keessaas tahe bakka adda addaa irraa qabuun yoo nama kudhan guutu dhaqanii Matammaatti buusu. Gidduu kana naannoo Dungulaa jedhamuurraa namoota 50 qabanii akka biyyaa baasan odeeffannoo qabna.'' jedhan maddi BBC kun.
Kana irratti ammo deeggarsa namoomaa karaa dhaabbilee deeggarsaa idil-adunyaas tahe karaa mootummaa argatan hin jiru. Uummanni Sudaan gara laafessa waan tahaniif waanuma qaban qooddatanii waliin nyaatanii fa’aa jiraatu malee rakkoo hamaa keessa jiru jedhan.
Imbaasiin Itoophiyaa biyyicha jiru bakka jiran seenee baasuuf ammoo rakkoo kan tahe magaalaan tokko humna mootummaan qabameera yoo tahe kan itti aanu ammoo humna mormituun to’atamuu isaati jedhan.
Kanaaf warra Kaartum keessatti danqamanii hafan baasuufillee rakkoo akka tahe himan.
''Lammiileen Itoophiyaa bakkeewan humnoonni mootummaa Al Burhaaniin hogganaman jiraatan dararaaf saaxilamaa jiru.
''Inumaayyuu warra bakkeewan humnoonni mormituu RSF jedhaman jiraatan wayya. Mootummaan Al Burhaan lammiilee keenyaaf ilaalcha gaarii hin qabu,’’ jedhan.
Itoophiyaa fi Sudaan waggoota dheeraaf hariiroo gaarii qabataanis dhimma hidha guddicha Abbayyaa irratti wal dhabdee qabu ture.
Dabalataan yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa loltoonni Itoophiyaa irra jireessaan daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irraa kaafaman, humnoonni waraanaa Sudaan daangaa Itoophiyaa seenuun akka lafa qabatanii turan Itoophiyaan himachaa turte.
Waraanichi maalirra jira?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tibbana Manni Maree nageenyaa UN yaada murtee humnoonni RSF naannoo El Faasher akka gadhiisanii bahan ajaju dabarse ture.
Naannoo Daarfurii fi El Faasher kana keessa waraanni jabaan gaggeeffamaa akka tures iyyaafanneerra.
Maddi BBC kun akka himanitti, waraanni jabaan Lixaa fi Kibba Sudaan akkasumas gidduugaleessa keessatti gaggeeffamaa jira.
''El Faasher magaalota xixiqaa shantu jira. Isaan keessaa gara afurii kan tahan humnootni RSF qabatanii jiru. Yoo kan hafte qabatan waraana gaggeessaa jiraniif hedduu murteessaadha'' jedhan.
''El Faasher iddoo waraanaaf murteessaa xumuramuu waraanichaayyuu murteessuu dandeessudha.’’
Humnoonni lameenuu deeggarsa biyyoota alaa qabu. UAE’n humnoota RSF yoo deeggartu Raashiyaa, Iraanii fi Tarkiin ammoo humnoota mootummaa Al-Burhaaniin hogganamu deeggaru.
Deeggarsi diroonii Iraanii fi UAE kennanis waraana Sudaan akka hammeesse himama.
Magaalaan Kaartum irra jireessaan to’annoo Humnoota Dafee Dhaqabaa RSF jalatti waan kufteef mootummaan biyyicha bulchaa turee fi Jeneraal Al Burhaaniin hogganamus magaalichaa bahuun Port Sudaan buufachuun lolaa jira.
Haatahu malee dhiyeenya haleellaa qilleensarraa jabaa gaggeessuun mootummaan humna mormituu RSF gar-tokkee magaalaa Kaartumii gadhiisisaa akka jirus himama.
Lixa Sudaanii fi gara Kibbaa irra jireessaan humnoota RSF’n to’atamanii akka jiran kan himan maddi BBC Kaaba Sudaan to’annoo humnoota mootummaa jala jiraachuu himan.
Qaamoleen lameen waliigaltee dhukaasa dhaaburra gahuun yoo marii nagaaf taa’an malee haala qabatamaa lafarra jiruun yeroo gabaabaa keessatti waraanichi ni dhaabbata abdii jedhu akka hin qabne himu maddi BBC kun.
Sudaan erga fonqolcha mootummaa gaggeessuun pirezidaantii isheed duraanii Omaar Al Bashir dhabdee as gara bulchiinsa siiviliitti ce’uuf gaaffii dhiyeessaa turtee booda waraanaaf saaxilamte.












