Humni addaa Sudaan Daarfuritti duguggaa sanyii raawwachuu mala -Hiyumaan Raayitis Wooch

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Hiyuumaan Raayitis Wooch humni addaa Sudaan RSF fi michoonnisaa Arabaa lixa Daarfur magaalaa El Jenaayinaa keessatti duguuggaa sanyii hin raawwatiin hin oolan jedhe.
Dhaabbatichi Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo dabalatee komaandaroota RSF namoota sadii dhimma kanaaf gaafatamoo godheera.
El Jeniinaa, ollaa sanyii Arabaa hin taane kan Masaaliit jedhamu keessa bara darbe Eblaa hanga Waxabajjii haleellaan walitti-fufaa raawwachaa ture jedhe.
Kuni qorannoo bal'aa hanga yoonaa godhame isa guddaa dha. Hiyumaan Raayitsi Wooch ji'oota 11 darban keessatti namoota 200 biyyoota afur keessatti af-gaaffii taasisuufi suuraalee 120 xiinxaluu hime.
Warra Masaaliit irratti haleellaan sirnaawaa fi bal'aa tahe adeemsifamuu galmeesseera. Kanas kan raawwatan namooti nagaan sanyii Arabaa hin qabne dhumarratti achii akka bahaniif kaayyeffachuuni jedha.
Haala kanaan yakka namoomaafi yakki waraanaa saba dhabamsiisuuf duulameen raawwateera jechuun dimshaashesseera.
Kunis, ''RSF fi michoonnisaa saba Masaaliit lixa Daarfuur jiran balleessuuf kaayyefachuun duguggaan sanyii raawwachuufi raawwataa jiraachuuf agarsiistuu dha,'' jedhe.
Dhaabbatichi odeeffannoon argame kaayyoon addaa jiraachuusaaf qorannoon idil-addunyaa akka geggeefamu waamicha dhiyeesseera.
Gabaasni dhaabbata kanaa meeshaan waraanaa dhuka'u qaamota wal-waraanan lameeniin ollaa Masaaliit keessatti faayidaarra ooluufi namoota nagaa ajjeesuu akkasumas balaarra buusuu himuun loltoonni Masaaliit ammoo jiraattota Arabaa achi jiraatan irratti ajjeechaa fi hanna raawwachaa turan jedhe.
Dhaabbati mirga namoomaaf falmu kuni Sudaan keessatti waraana waggaa lammaffaa qabate kanaan namoonni nagaa eegumsa guddaan isaan barbaachisa jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Sudaan waldhaansoo aangoof hogganaa humna addaa Sudaan RSF Jenaraal Dagaaloo fi hogganaa waraana Sudaan Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaan gidduutti jalqabe amma gara milishaa gosaatti gad bu'eera.
Jeneraal Dagaaloon loltoonnisaa tahe jedhanii namoota nagaa Daarfuur irratti xiyyeeffachuufi ajjeechaa 'gosa' irratti taasisan jedhame haaleera.
Haa tahu malee Hiyumaan Raayitis Wooch isaafi obboleessa isaa Abdel Rahiim Hamdaan Dagaaloo akkasumas hogganaa RSF Lixa Daarfuur Joma'a Baaraakaallaa dabalatee michoota isaanii Arabaa haleellaa kana raawwachuun ittigaafatamoo taasisa.
Mudde bara darbe Minsitirri Hajaa Alaa Ameerikaa qaamoti wal waraanan lamaan Sudaan keessatti yakka waraanaa, yakka farra namoomaafi saba dhabamsiisu raawwatan jechuun himateera.
Ameerikaan obboleessa hogganaa RSF Abdel Raahiim Dagaaloo irra qoqqobbii keesseetti.
Abbaan alangaa Dhaddacha Yakka Addunyaa Kariim Kahaan, loltoonni qaamoleen lameen Daarfuur keessatti yakka namoomaa raawwataniiru jechuun mana maree nageenyaa UNtti himeera.
Yakkoota Rome Statute crimes jedhaman keessa duguggaan sanyii jiraatus Dhaddachi Yakka Addunyaas tahe Ameerikaan addatti kana hin eerre.












