Bulchiinsi Naannoo Tigraay TPLF Waraana Sudaan deeggare himannaa jedhu balaaleffate

Obbo Getaachoo fi Mahammad Hamdaan Dagaaloo

Madda suuraa, AFP/BBC/

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay humni addaa Sudaan RSF humnoonni TPLF Waraana Sudaan deeggaruun lolaa jiru jechuun himannaa dhiyeesse 'bu'uura kan hin qabne dha,'' jechuun balaaleffate.

Bulchiinsi Naannoo Tigraay ibsa kalee Caamsaa 06/2024 baaseen humni addaa Sudaan RSF himannaa kana kan dhageessise waraana waliinii lubbuu namoota kumaatamaa dabarse kana kan daangaa ce'ee gochuufi deeggarsa idil-addunyaa argachuufi jedhe.

Qaamota Sudaanitti wal-waraanan keessaa tokko kan tahe RSF tibbana humnooti TPLF morkataasaa waraana Sudaan deeggaruun lolaa akka jiran ragaa qaba jedhe.

Humni addaa RSF Jeneraal Mahaammad Hamdaan Dagaaloo ykn Hemeetiidhaan hogganamu waraanni Sudaan loltoota alaa qacaruun hirmaachisaa jira jechuun himatee, humnoota TPLF dabalataan hidhattoonni deeggeran dabalataa jiru jedhe.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay gamasaan TPLF paartii siyaasaa waan taheef qaama hidhataa fi milishaa hin qabu jedheera.

Humni addaa RSF humnoota TPLF'n dabalataan gareewwan maqaa hin eerre humoota jihaadistii waliin hidhata qaban akkasumas loltoonni biyyoota afurii maqaan isaanii hineeramne waraana biyyattiif kara garagaraan deeggarsa kennu jedhe.

Bulchinsi Naannoo Tigraay himannaa kana kufaa gochuun hidhati uummata Tigraayiifi Sudaan seena-qabeessa dha jechuun, keessumaa yeroo waraana Tigraay uummata lixa Tigraay irraa buqqa'e Sudaanitti akka dahate yaadachiiseera.

''Uummataafi mootummaan Sudaan rakkoo yaaddeessaa biyya keessaa, keessa tahanillee buqqaatota Tigraay kumaan lakkaa'amaniif deeggarsaa fi eegumsaa danda'an hunda godhaniiru,'' jedhan.

Sababa kanaan, ''Tigraay, dhalattoonni Tigraay Sudaan akka mana lammaffaasaaniitti ilaalan rakkoo qabanirratti dabaluun miidhuu hin barbaadan,'' jedhe

Dabluunis rakkoo biyya keessaatti gidduugaltummaan alaa midhaa inni fidu uummata Tigraay caala kan hubatu hin jiru jechuun, ''waraana Tigraayi irratti humnoota alaan kallattiinis tahe al-kallattiin gidiraan kan irra gahe uummanni Tigraay Sudaan irratti giddugaltummaan alaa maal fiduu akka danda'u beeka,'' jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni RSF gamasaan loltoonni alaa qacaraman baayyeen lolli yeroo jalqaberraa kaasee waraana biyyattii deeggaruun duula humna qilleensaa, meeshaalee gurguddoo fi diroonii aakasumas odeeffannoon waraana irratti hirmaachaa turan jechuun ibseera.

Kanas sirna hordoffii addaasaa, fayyadamuun dirree waraanaa irratti loltoota qacaramanii dhufaniifi ajjeefaman akka argateefi Sadaasaafi Mudde darbe kara buufata xayyaaraa reeffi bahuu biragaheera jedhe.

Hogganaa waranaa Sudaan Abdal Fattaa al Burhaaniifi hogganaan humna addaa Sudaan RSF Mahaammad Hamdaan Dagaaloo gidduu waraanni erga jalqabee waggaa tokkoo ol taheera.

Jeneraaltonni lameen hogganaa biyyattii waggaa 30 geggeessan Omaar Al Bashiriin bara 2019tti aangoo irraa erga buusaniin booda biyyattii hogganaa turaniiru.

Deeggarsa michoota biyyoota naannoofi addunyaan walligalteewwan dhukaasa dhaabuuf taasifaman gama lachanuu sarbamaa turaniiru.

Waraanichaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti lammiileen Sudaan 1.6 tahan qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Bulchiinsi Naannoo Tigraay qaamoti wallolan ibsawwan waraan hammeessan irraa of qusatanii gara mariitti akka dhufan rakkoo siyaasaa kana goolabuun taatee gaddisiisaa kana dhaabuu qabu jedhe.