Hariiroo biyyoota naannawaa Gaanfa Afrikaa kan waldhabdeen itti deddeebi'u

Addunyaarra naannolee akka salphaatti tasgabbii dhabuu danda’an keessaa Gaanfi Afrikaa tokko tahuu jaarmiyaan ‘Road for Peace’ hima.
Akka dhaaba kanaatti, biyya addunyaarraa tasgabbiin irraa fagaachuun jalqabarra jirtu Somaaliyaan naannooma kana keessa jirti.
Gaanfi Afrikaa waraanota lubbuun namootaa kuma dhibbaan lakka’aman itti badu naannoo keessummeessudha.
Kana malees dureewwan biyyaa sarbama mirgoota namoomaa hamaan maqaan isaanii kahus asitti argamu.
Naannichi muddamaan kan guutameef sababa dhimma keessoo biyyootaan callaa miti – hariiroon biyyoota ollaa dadhabuun isaas kanaaf gumaacha.
Itoophiyaa
Waraanni waliinii lubbuu kuma dhibbootaa galaafateefi qabeenya doolaara biiliyonotaa barbadeesse irraa kan hin bayyananne Itoophiyaan, hariiroo biyyoota naannichaa wajjin qabduun muddama dhibii keessa seenteetti.
Fedhiin ula galaanaa mootummaa Finfinnee jiruu Moqaadishoo wajjin dubbii galcheera. Sababa Hidha Laga Abbayyaan kan muufatte Masariinis, jidduu seenuuf yaalaa jirti.
Itoophiyaan bulchiinsa Somaaliyaarraa adda bahuun biyya jechuun kan of waamtu Somaalilaand wajjin ulaa galaanaa argachuuf sanada mallatteessuunshee ni yaadatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qarqara galaanaa Itoophiyaan argattuuf ammoo, Somaalilaandif beekamtii biyyummaa akka kennitu ibsameera.
Kun ammoo akkaan Somaaliyaa aarse. Aangawoonni biyyattii birmadummaan keenya sarbameera jechuun, lammileen waraanaaf akka qaophaa’an hanga kakaasutti gahaniiru.
Biyyi waggoota dheeraaf waraanarra turtee fi finciltootaan hokkora keessa turte Somaaliyaan, “yaaddoo weeraraa” gama Itoophiyaarraa qaba jechuun, biyyoota naannichaa deeggarsa gaafachaa jirti.
Pireezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud gara Asmaraa imaluun Pireezidant Isaayyaas wajjin mari’ataniiru. Achiis affeerraa Pireezidant Abdil Fattaa al-Siisiin gara Kaayiroo imaluun, Masriin eegumsaan tumsuuf waadaa seenteetti.
Pireezidant al-Siisiin, ''Masiriin qaamni kamiyyuu walabummaa Somaaliyaatti akka bu’u ykn nageenya isheef yaaddoo tahu hin hayyamtu," jechuun, Somaaliyaan akka gidduu seentu gaafannaan, akka hirmaatanis himan.
Haasaan duree biyyaa kanaa biyyoota Hidha Haaromsaatiin wal gaarreeffachaa jiraniif, muddama biraa dhaleera.
Itoophiyaan biyyoota Somaaliyaa fi Masrii dabalataan, hariiroon gaarii Ertiraa wajjin dhiyeenya uumtees laaffachuun ni himama.
MM Abiy Ahimad aangootti dhufuu hordofee hariiroon biyyoota lamaanii fooyya’uura dabree, biyyoonni lamaan “diina walooti” kan jedhaniin TPLF haleeluuf duularratti waloomanii turan.
Haatahu malee waliigalteen Piriitooriyaan boda waraanni kaaba Itoophiyaa obba’uu hordofee, hariiroon MM Abiy fi Pireezidant Isaayyaas kan durii hin fakkaatu.
Ibsi ifatti hariiroo biyyoota lamaanii amma jiru himu jiraachuudhaa baatus, biyyoonni lammanuu Finfinnee fi Asmaraa irraa ambaasaaddara hin qabani.
Pireezidaant Isaayyaas yeroo dhumaaf Itoophiyaa kan daawwatan, waraanni kaaba Itoophiyaa jalqabuuf torban lamaan dura ture.

Somaaliyaa
Barkurnee sadiif waraana waliinii keessa kan turte, garee islaamummaa wajjin wal waraanaa jirtuu fi rakkoon namoomaa yeroo cufa harkaa qabdu Somaaliyaan, waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand tibbanaa mataa dhukkubuu biraa itti taheera.
Sochii garee al-Shabaab humna ofiin qolachuu dadhabdee waraanni biyyoota ollaa kan tumsaniin biyya kanatti, qondaalonni olaanoo waliigalticha hordofee dhimmicha humnaan furuuf ummatasaanii kakaasaa jiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii-UN uummata biyyattii miiliyoona 18.7 keessaa miiliyoona 8.3 kan tahan qarqaarsa kan eeggatanidha jedha. Daa’imman biyyattii umrii shaniin gadii miiliyoona 1.5 tahan ammoo hanqina nyaataa qabu jedha.
Rakkoo namoomaa fi nageenyaa alatti, siyaasa Somaaliyaa keessa dhimmi ijoo tahe dhimmi Somaalilaand tokkummaa biyyattii kan qoru akka tahetti ilaalama.
Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliilaandiin beekamtiin akka isheef kennamu himamuunsaa siyaasa Somaaliyaa keessa dubbii ijoo taheera.
Kana malees biyyashee ollaa biroo Keeniyaa wajjin qaamni galaanaa irratti wal falman haga ammaallee hin goolabamin jira.
Daangaa bishaanii boba’aa qaba jedhamu kana UN gara caalu Somaaliyaaf murteessuus, Keeniyaan garuu murtoo kana kuffisuun hariiroo biyyoota lamaanii laaffisee ture.

Madda suuraa, Reuters
Sudaan
Al tokko Omaar al-Bashir humnaan bulchaa kan ture Sudaan, waraana Daarfuur gama dhihaa tureen maqaanshee xuraa’us, birqabaan biyya nagaa qabdu turte.
Al-Bashir warraaqsa uummataan aangoo erga gadhiisanii booda, biyyattiin falmii aangoo keessa turte.
Aangoorraa hari’amuu al-Bashir booda waggoonni itti aanan tasgabbii dhabuu, muddama siyaasaa fi qaala’insi jireenyaa uummata hiraarse. Achiis Ebla 2023 keessa guutummaan waraana waliinii keessa seente.
Ajajaan waraanaa Sudaan Jeneraal Abdal Fattaah al-Burhaan fi hoogganaan humna saffisaa Jeneraal Mohaammad Hamdaan Daagaaloo (Hemeetii), bulchiinsa aangoorratti wal dhibuun gara waraanatti seenan.
Akka UNtti waraanni ammallee itti fufee jiru kun lammiilee biyyattii miiliyoona torbaa ol qe’eerra buqqiseera. Kanneen 13,000 tahan ammoo lubbuu dhabaniiru.
Jeneraalonni al-Burhaan fi Hemeetiin, biyyoonni naannichaa fi jaarmiyaaleen lola kana keessa harkasaanii galfachaa jiru jechuun himatu.
Ittaanaa Jeneraal al-Burhaan kann tahan Jen. Yaasir al-Ataa UAEn karaa Rippabliika Jiddugaleessa Afriikaa, Ugaandaa fi Chaad gochuun raayyaa Hamdaan Dagaaloof deeggarsa waraanaa dhiyeessiti jechuun komatan.
UAE fi Ugaandaan himannaa kana kuffisaniiru.
Dhiyeenya kana ammoo jaarmiyaan waltahinsa biyyoota Afrikaa Bahaa-Igaad, hoggantoonni waraanaa lameen rakkoosaanii mariin akka furan waamicha dhiyeessuun isaa al-Burhaan dallansiiseera.
Jeneraal al-Burhaan marii hooggantootaa irratti Hemeetiin akkamiin affeerama jechuun, biyyattii miseensummaa Igaad keessaa baasaniiru.
Jibuutii
Gaanfa Afrikaatti biyyi xiqqoo taate Jibuutiin, daangaa kaabaa biyyattiin bakka Ertiraan waldaangeessitu irratti wal dhabu.
Biyyoonni lamaan gaara Raas Dumeraa jedhamu fi odola Dumeraa jedhamu, Galaana Diimaa keessa jirurratti wal dhabuun wal himachaa turan.
Kana malees, lafti gaara Musaa Alii jedhamu, daangaa Itoophiyaa, Jibuutii fi Ertiraarratti argamu madda waldhabdee Ertiraa fi Jibuutii isa biraati.
Waraanni Kuwaataar Dumeraa keessa buufatee ture, kunis biyyoonni lamaan himatu.
Haa ta’u malee, waggoota torba dura yeroo Dohaan humna Sa’udiin durfamu waliin waldhabde loltoota ishee bakka sanaa baafte, waldhabdeen Jibuutii fi Ertiraa gidduutti deebi’e uumame cimee ture.
Yeroo sanatti waraanni Kuwaataar bahuu hordofee Jibuutiin Ertiraan loltoota ishee naannichatti bobbaastee jechuun himatte.
Yeroo ammaa kana waraanni Ertiraa bakkicha buufatee kan jiru yoo ta’u, biyyoonni lamaan bara 2018 hariiroo dippilomaasii isaanii haroomsuuf waliigalanillee, waldhabbiin daangaa gidduusaanii ammaas furmaata hin arganne.
Sudaan Kibbaa
Sudaan Kibbaa biyya walabaa ta’uun dura, lammiilee Sudaan, irra caalaan isaanii Muslimoota Arabaa ta’anii fi Sudaan Kibba baay’inaan Kiristaanota ta’an gidduutti wal-waraansi yeroo dheeraaf ture.
Sudaan Kibbaa bara 2005 walabummaa ishee gonfattus, hariiroon Kaartuum fi Jubaa gidduu jiru hariroo ollummaa gaarii miti.
Wadhabbiin biyyoota lamaanii daangaa lafaa, kaffaltii ujummoo boba’aa kan dabalatudha. Ulaa galaanaa kan hin qabne Sudaan Kibbaa qabeenya boba’aan badhaatudha.
Sudaan Kibbaa boba’aa karaa ujummoo boba’aa Sudaan keessa qaxxaamuruun gara Galaana Diimaatti geessuun gabaaf dhiyeessiti.
Sudaan boba’aa Sudaan Kibbaa naannoo ishee keessa ujummoon qaxxaamuruuf kaffaltii guddaa gaafachuun Jubaaf dhimma fudhatamu miti.
Yeroo ammaa waraana Sudaan keessatti geggeeffame hordofuun humnoonni RSF, iddoowwan to’atutti mootummaan Sudaan Kibbaa ujummoo boba'aa naannolee itti diriireef kaffaltii gaafachuun, yoo kaffaltii hin arganne garuu boba'aa addaan kutuuf doorsise.
Naannoon qabeenya uumamaatiin badhaadhe Abeyi jedhamu biyyoota lamaan gidduutti madda waldhabdee biraati.
Pirezedant Saalvaa Kiir fi Pirezedantii ittaanaa kan ta‘an Riik Machaar, filannoo waggaa tokko hin guunne keessatti gaggeessuuf karoorfame ilaalchisun wal garreeffataa jiru.
Pirezedant Kiir filannoo ittaanurratti paartiisaanii bakka bu’uun akka dorgoman kan beeksisan yoo ta’u, Riik Machaar miseensonni komishinii filannoo raawwachisan michuu Pirezedantichaati jedhanii komatan.
Muddama siyaasaan cinatti Sudaan keessa rakkoon namoomaa hamaan jira.
Akka ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii agarsiisutti, ummata Sudaan Kibbaa miliyoona 11tti dhiyaatu keessaa miliyoona 9.5 gargaarsa namoomaa eeggatu.

Ertiraa
Ertiraan Itoophiyaa fi Jibuutii waliin hariiroo gaarii hin qabdu.
Kana malees, walii galteen dhimma daangaa Itoophiyaa waliin waggaa 25 dura mallatteeffame, waliigalteen Aljeers hanga ammaatti hojiirra hin oolle.
Pirezedant Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waggoota 30‘n darbaniif abbaa irrummaan biyyattii hoogganutti jiru.
Mootummaan Ertiraa dhiittaa mirga namoomaa fi cunqursaa lammilee biyyattiirran gahuun himatama. Biyyatti keessatti jijjiramni siyaasaa hin dhufne.
Ertiraan biyya dargaggoonni tajaajila biyyoolessaa dirqamaa fi jireenya fooyya’aa barbaacha irraa dheessan taatetti.
Qondaaloti olaanoo fi dhaabbileen Ertiraa ammayyuu qoqqobbii mootummaa Ameerikaa jalaa hin baane.












