Ameerikaa fi UK’n maaliif Huutii haleelu?

Doonii waraana Ameerikaa xiyyaarota baatu USS Tehudoow Roosvelt

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraana Ameerikaa USS Tehudoow Roosvelt xiyyaarota baatu

Humnoonni Galaanaa(Naval forces) biyyoota Ameerikaa fi UK haleellaa xiyyaaraa Huutii Yamanirratti bananiiru.

Biyyoonni kunneen dooniiwwaan Galaana Diimaa qaxxaamuranirratti haleellaa Huutiin raawwataa jiru dhaabsisuuf tarkaanfii fudhachuu ibsan.

Huutiin garuu hanga haleellaan Israa'el Gaazaa keessaa hin dhaabbannetti, haleellaa ittifufuuf dhaadate.

Gartuun kun dooniwwan Israa'el wajjin hidhata qabu jedhu danuu Galaana Diimaa keessatti haleele.

Ulaan Galaana Diimaa karaa daldalaa geejjibni doonii addunyaarratti itti heddumatu keessaa isa tokkodha.

Kanaafuu haleellaa Huutiin bane kun daldala addunyaa jeequun, gatiin mi'aa fi boba'a ulaa galaanaa kanarra geejjibamuu akka dabaluu taasise.

Huutii haleeluun ammatti maaliif akka barbaachisee fi tarsimoo haleellaa kana duuba jirurratti gaazixeessituun BBC Kaatiyaa Adiler gabaasaa dhimmoota nageenya BBC Firaank Gaardiner xiinxalchiifte.

Firaank haala nageenya naannichaa nama bareechee hubatudha. Yamanillee dhaqee akka ture dubbata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Firaank biyya Yaman yeroo ibsu, biyya guddoo garuu tasgabbiin irraa fagaate jedheen. Yaman waggoota kudhan caaluuf wal waraana keessaa hin baane.

Sababni ijoon Ameerikaa fi UK'n Huutii misaayilaan haleelaniif Huutiin dooniiwwan haleeluu dhiisuu didurra madde jedha Firaank.

Ameerikaa fi biyyoonni biroo Huutiin doonii haleelu akka dhiisu akeekkachisaa turan. Huutiin garuu dooniiwwaan Israa'elitti hidhata qaban qofa akka haleelu ibsa.

Biyyoonni biroo garuu waanti Huutiin ibse dhara akka ta'e ibsuun, dooniwwan Israa'elitti hidhata hin qabnes haleellaarra bilisa miti jedhu.

Huutiin doonii fe'iisaa guddaa kan ''Galaxy Leader' butuun gara buufata doonii Hodeedaatti qajeelche.

Huutiin misaayiloota fi dirooniwwaan gara dooniwwaan waraana Ameerikaa fi Biritiish, kanneen nageenya dooniwwaan biyyasaanii eeguuf naannichatti bobbaafaman irrattille dhukaasa bane.

Haleellaan kun dooniwwaan karaa Galaanaa Diimaarraa bahuu dhiisanii karaa dheeraa fiixee Kibba Afrikaatti akka imalan dirqisiise.

Kanaaf haleellaa dooniiwwan irra gahu kanaa dhaabsisuuf xiyyaaran Huutii haleeluun barbaachisaa ta'ee argame jedha Firaank.

Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak dhimma kana ilaalchisuun wayita dubbatan, ji'oota muraasa keessatti haleellaan Huutiin dooniiwwan daldala Galaana Diimaa qaxxaamuranirratti raawwate dabaluu eeran.

''Haleellaan Huutii kun namoota nagaa balaarra kan buusu fi dinagdee addunyaa kan jeequ, gochi akkasii kun deebii barbaada, kanaaf dhaamsa cimaa dabarsineef' jedhan Sunaak wayita Huutiin seera idil-addunyaa cabsuu himan.

Ministirri Ittisaa Biritiish maadhee Huutii Yaman haleeluu karoorfame haala milka'aan rukutamuu ibsaniiru.

Huutiin garuu haleellaa raawwachuu ittuma fufna jedhe.

Dooniiwwaan Ameerikaa fi Biriitish haleellaa Huutii kanneen irratti qiyyaafate keessatti eeramu.

Huutiin ammatti maaliif doonii haleela?

Huutiin Muslimoota Shihaa lakkoofsaan xiqqaa ta'an Zayidii jedhaman keessaa bahani. Adeemsa keessa hidhattoonni kun harka caalaa Yaman, iddoo qubsumni uummataa itti heddumatu to'atan.

Huutiin Fulbaana 2014 magaalaa guddoo biyyattii Sana'aa qabatan.

Gareen kun mootummaa Yaman kan sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu aangoorra fonqolchaniitu aangoo dhuunfatan.

Huutiin magaalaa Sana’aa to’achuu hordofuun Pirezedantiin Yaman Mansur Haadin Bitootessa 2015 biyyaa baqatan.

Waggaa lama booda Pirezedantii duraanii Yaman Alii Abdullaa Saalaah ajjeesan.

Sa'ud Arabiyaan Huutiin Yaman to'achuu hin jaalanne, michuun Iraan kan ta'e Huutiin ollaa jiraachuu Sa'udiin waan hin barbaanneef waggootaaf boombiin haleelaa turte.

Haata'u malee, Sa'udiin Huutii dhabamsiisuu hin dandeenye.

Huutii haleelaa waggoota 6 oliif irra qaqqabaa ture dandamachuun ammoo akka waan hin salphaatti hin injifatamnetti akka yaadan taasise jedha Firaank.

Kun gareen Huutii haleellaa dooniiwwan waraana Galaaana Diimarra jiranii dandamachuu ni dandeenya jedhanii akka yaadan taasise jedha Firaank.

Huutiin muslimoota Ansaar Allaah ykn deeggartoota Allaah jedhanii of waamaniidha.

Yaman keessattii yeroo ammaa kana namoonni hedduutu qawwee dhuunfaan qabatu. Yaman biyyoota Araboota keessaa ishee hunda caala hiyyeettiidha.

Huutiin amma Galaana Diimaarratti dooniiwwan kan haleeluuuf Hamaas Gaazaatti Israa'el wajjin lolarra jiru cina goruuf jedha.

Firaank warri Huutii akka qaama garee Diiddaa Iraan dursituu 'Axis of Resistance' jedhamutti of ilaalu jedha. Garee kana keessa Hezbollaa, Hamaas, Huutii Yamaniitu argama jedha.

Hidhattoonni Huutii otoo leenjii Iraan hin qabaannee misaayiloota balistikaa, kiruuzi fi misaayiloota farra doonii dhukaasu hin danda'anii jedhe.

Huutiin daa'imman waraanatti hirmaachisuun, iddoowwan namoonni jiraatan meeshaalee waraana awwaaluu, magaalaan guddoo biyyattiille otoo hin hafiin boombiin haleelu fa'aatiin himatamu.

Garuu waraana Gaazaa da'eeffachuun biyya keessatti fudhatama argachuuf sochii akka taasisu ibsa Firaank.

Firaank namoonni waraanni Gaazaa keessatti adeemaa jiru dhaabachuu dhabutti mufii qaban jiraachulle eere.

Miidiyaalee hawaasarratti namoonni Ameerikaa fi UK Huutiin geejjiba galaanarra jeeqnaan kallattiin tarkaanfii fudhatan, garuu dararama fi du'a namoota nagaa hambisuuf dhimmicha gidduu hin hin seenne jechuun komatu.

Firaank Sadaasa darbe yaa'ii Islaamummaa ministiroonni biyyoota Arabaa Riyaaditti ta'aaniirratti wayita hirmaate, Ministeeronni biyyoota Araboota ejjannoo biyyoonni Lixaa Gaazaarratti qaban qeequ kaase.

Biyyoonni Lixaa, Raashiyaan ajjeechaa namoota nagaa Yukireenitti raawwateef Raashiyaa akka qeeqnu barbaadu, Gaazaa keessatti kan ta'a jiruufo? jedhanii gaafatan jedha Firaank.

Firaank akka jedhutti, Ameerikaan miidhaan namoota nagaa Gaazaa keessa jiranirra qaqqabu akka hir'atu Israa'el dhidhiibdetti, garuu hin milkoofne jedha.

Gaazaa keessatti namoonni 23,000 ykn jiraattoota Gaazaa keessaa %1 du'uusaanii eere. Lakkoofsi namoota du'aani kun haalan guddaa ta'u eere.

Ameerikaan waraanni Gaazaa Baha-giddugaleessatti akka hin babal'anne barbaadde. Garuu Firaank hidhattoonni Huutii ammatti haleellaa dhaabu jedhee akka hin amanne kaase.