Misaayilli Huutiin Yaman dhukaase akkamitti waraana Israa’el-Gaazaa hammeessa?

Loltuu

Madda suuraa, EPA

Qarqara galaanaa Yamanirraa hanga Gaazaatti 1,600 km ol fagaata.

Haleellaan finciltoonni Huutii Dilbata darbe kibba Galaana Diimaatti raawwatan waraana Israa’elii -Hamaas hammeessuu mala.

Akka Ajajni Giddugaleessaa Waraaana Ameerikaa jedhutti, finciltoonni Huutii -Yaman Iraaniin deeggaraman dooniiwwan daldalaa sadii qaama bishaanii idil-addunyaa keessa socho’anirratti haleellaa si’a afur raawwatan.

Haleellaan kun diroonii dhootuu fi misaa'ela farra-doonii walitti qindeessuun raawwatame.

Humni galaanaa Ameerikaa duraanu naannichaa doonii waraanaa farra misaa’ela hidhate USS Carney jedhamu diroonota sadii kuffiseera.

Kaan ammoo bakka irratti qiyyaafatan rukutus, miidhaa xiqqaa geessisurra kan darbe namni miidhame hin turre.

"Haleellaan kunniin daldala idil-addunyaa fi nageenya galaanaarraaf balaa kallattiin kan uume" jedhe Peentaagan.

Haleellaan Yamanirraa qaqqabe kana ''Iraanitu gargaare'' jedhee akka amanu itti dabaluudhaan Peentaagan ibseera.

Bakki haleellaan kun itti raawwatame ammoo bakka ijoo ture- kaaba ulaa Bab El Mandebitti dhiyaatee argamutti.

Bakki kun qaama bishaanii bal’ina maayilii 20 qabuu Afrikaa fi dachee Arabiyaa addaan baasu fi waggaatti dooniiwwan gara 17,000 fi daldalli addunyaa %10 keessa darbuudha.

Dooniin Suweez Kanaal keessa darbee gara kibbaatti qajeeluun gara garba guddaa Hindiitti deemu kamiyyuu qarqara galaanaa Yamanitti dhihoo kan ta’e ulaa galaanaa kana darbuu qaba.

Dooniin waraanaa Ameerikaa USS Carney dirooniwwan sadii iddoo Hutiin to'aturra dhukaafaman barbadeesse

Madda suuraa, Rueters

Haleellaa kana duuba maaltu jira?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaman iddoo qubsumni ummataa itti heddumatu, qarqara Galaana Diimaa dabalatee kutaaleen Yaman irra caalaan finciltoota Huutitu to'ata.

Huutiin xumura bara 2014tti mootummaa Yaman seera qabeessaan filatame kuffiseera.

Hidhattonni kun Iraaniin deeggaramu. Iraan meeshaa waraanaa fi leenjii, teeknooloojii diroonii fi misaa’ela dabalatee, akkuma Hamaas Gaazaa fi Hezbollaa Libaanositti deeggarti.

Fonqolchi mootummaa finciltoonni Huutii Yamanitti raawwatan wal-waraana hamaa waggoota sagal oliif ture kaase.

Sababa kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa’aman miidhamanii, rakkoon namoomaa hamaan biyyatti mudate.

Iraan Huutii deeggaruun, Sa’udii Arabiyaa fi UAE bara 2015tti Ameerikaa fi UK’n deeggaramuun wal waraanaa turan.

Haa ta’u malee mootummaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu Yamanitti deebisuuf yaaliin godhame hin milkoofne.

Waraanni yeroo gaggeeffamaa turetti hidhattoonni Huutii misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamnii fi diroonii hedduun Sa’uud Arabiyaa, UAE haleelaa turan.

Huutiin buufataalee xiyyaaraa sivilii Yaman, magaalotaa fi bu’uuraalee bobba’aa fi maadheewwaan waraanaa haleelaa turan.

Waldhabdeen Israa'el fi Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Gaazaa keessatti ka'e hordofuun, Huutiin "obboloota keenya Gaazaa deeggarra" jedhanii labsuun misaa'elaa fi diroonii gara Ehilat fi kutaalee Israa'el birootti dhukaasuun isaanii ni yaadatama.

Misaayilaa fi dirooniiwwaan finciltoonni kun dhukaasan garuu dooniin humna galaanaa Amerikaa USS Carney jedhamu kuffiseera.