Naannoon Amaaraa kaartaa kitaabarra baase hatattamaan akka sirreessu Naannoon Tigraay akeekkachiise

Madda suuraa, Tigray TV
Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay, kaartaa ykn danaa kitaabota barnootaa naannoon Amaaraa baase hatattamaan akka sirreessu gaafate.
Kaabineen naannichaa akka jedhetti, naannoon Amaaraa bakkeewwan to'ate kaartaa agarsiisu hin sororsu taanaan, rakkoo mudatuuf itti gaafatamummaa fudhata jechuun akeekkachiise.
Ibsi kaabineen Bulchiinsi Yeroo baase kun, Naannoon Amaaraa danaa naannoleen lameen iddoowwan anaaf mala jedhaniifi to'annoo Naannoo Amaaraa jala jiran hammatu baasuu hordofeeti.
Gabaasaaleen akka eeranitti, kitaabota barnootaa naannichatti raabsamaa jiran irratti, iddoowwan naannoleen lamaan irratti walfalmaa jiran, Naannoo Amaaraa jala akka jiranitti dhihaateera.
Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayis, lafa Tigraayidha iddoowwan ittin jedhe, kitaaba barnootaarra danaa Naannoo Amaaraa jalatti galche mormeera.
Naannoleen lameen iddoowwan anaaf mala jedhan, waraanni waliinii kaaba Itoophiyaa dhalachuu hordofee, to'annoo humnoota Naannoo Amaaraa jala galaniiru.
Bakki Tigraay jala tureefi falmisiisaa tahe naannoon Lixa Tigraay ykn Wolqaayit Xagadee, lafa misoomaaf toluufi Sudaan fi Ertiraan wal daanga'udha.
Lafa kanas Naannoon Amaaraa haala hin taaneen bulchiinsa Tigraay jala galeera jechuun waggoota hedduuf komii irratti kaasaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lafti kun Tigraayitti waraanni dhalachuu hordofee, humnoota Amaaraa jalatti galeera. Waliigaltee nageenyaa Piritooriyaan boodas; mootummaa federaalaa, naannolee Amaaraa fi Tigraay jidduutti muddama kanaaf furmaanni ni dhufa jedhamee eegamaa ture.
Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Naannichaa, kaartaan lafa Tigraay qabate imaammata barnootaa keessa galchuun gochaa itti gaafatamummaan dhabsiisu duwwaa osoo hin taane "duulli uummata Tigraay qoqqoodanii balleessuun akka hin dhaabbanne... hojjetamaa jiraachuuf agarsiistuudha," jedhe.
Naannichi dhimma kanaaf murtee sirreeffamaa hin fudhatu taanaan, "rakkoo ittaanee mudatuuf Naannoo Amaaraa itti gaafatama guutuu fudhata" jechuun bulchiinsi yeroo ergaa cimaa dabarse.
Waliigalteen nageenyaa Piritooriyaatti raawwateefi waraana hamaa ganna lamaaf adeemaa turetti xumura laate, naannolee gaaffiin anaaf mala irratti dhiyaatuuf adeemsa heera biyyattiin furmaata akka itti kennu himameera.
Ibsi naannichi baase dabaluun, iddoowwan Naannoon Amaaraa humnaan to’ate keessa dhalattoota Tigraay irratti dararaan hammaateera jechuunis himate.
“Naannichi dogongora seenaa akkanaa keessa seenuun gatii akka isa baasisu beekee, hatattamaan of sirreessuu qaba,” jedhe.
Ibsa Bulchiinsi Yeroo baase kanaan, waliigalteen Piritooriyaa akka hojiirra hin oolle Naannoo Amaaraa danqaa taheera jechuunis qeeqe.
Bulchiinsi Yerichaa hojiirra olmaa guutuu Waliigaltee Piritooriyaaf kutannoon hojjechaa akka jiru eeruun, “Mootummaan Naannoo Amaaraa tahe jedhee danqaa uumaa jira,” jechuun himate.
Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa iddoowwann Naannoleen Amaaraa fi Tigraay anaaf mala jechuun abbummaa irratti kaasaniif rifarandamiin deebii kennuuf fedhii kan agarsiise tahus, gama lamaaniin fudhatama waan argate hin fakkaatu.












