'Mootummaa Federaalaafi TPLF jidduu walamantaan hin jiru' - Getaachaw Raddaa

Madda suuraa, Tigrai Tv
Paartii Naannoo Tigraay bulchu TPLF fi mootummaa Federaalaa Itoophiyaa jidduutti hanga ammaa wal amantaan dhibuu, pireezidantiin bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Getaachaw Raddaa himan.
Obboo Getaachaw kana kan dubbatan, MM Abiy Ahimad fi anga'oonni bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay waliigaltee Piritooriyaan booda hundeeffamee torban dabre keessa marii gaggeessan ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennan irratti ture.
Bulchaan kun ibsa Wiixata kennaniin, qaamolee lamaan jidduutti walamantaan dhabamuuf, naannichi rakkoolee diinagdee qabu furuuf gaaffiin liqii maallaqaa dhiyeesse mootummaa federaalaan fudhatama dhabuu akka sababaatti kaasan.
"Liqii gaafannee turre, garuu fudhatama dhabeera. Liqii fudhattanii maalirra oolchitu? yaaddoon jedhu akka jiru ifadha. Walumaagalattii amanuu dhabuun jira.
"'Maallaqni kamuu dhufus hidhannoo hiikkachuuf fedhii hinqabdan. Raayyaa keessan cimsachuu feetu' - walumaagala waanta hedduutu ka'a," jedhan.
Qondaalonni Tigraayis deebii: " Ummanni keenya nagaan akka jiraatu mirkaneessuun ala, bakka tahe jeequu yookiis fedhii aangoo mootummaa jiddugaleessaa akka hin qabne sirnaan qabachiisuuf yaalleerra," jechuun deebisuu isaaniis himan Obboo Getaachaw.
Kana malees komiin gama mootummaa Federaalaan irratti dhiyaate - "Nu laaffisuuf humnoota biroo waliin hojjettu. Akkasumas qabeenya Tigraay keessaa bahu gabaa gurraachaan gurgurtu. Mootummaan Shanee kan jedhu Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartu," kan jedhu akka tahes himan.
Anga'oonni Tigraay gamasaaniin komiiwwan "Mootummaan federaalaa Tigraay dadhabsiisuuf socho'aa jira, tokkummaa keenya diiguuf hojjetaa jira, akkasumas buqqaattonni qe'eetti akka deebi'an gufuu ta'eera," jedhan dhiyeessuu isaaniis bulchaan kun himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama mootummaa federaalaan komii humnoota biroo wajjin hojjettu jechuun irratti dhiyaates akka hin fudhanne bulchaan naannichaa kun himaniiru.
Dhimma daldala warqee ilaalchisee, karaa seeraan akka gurguramu kaasuun, tahus garuu dhimmi kun namoota dhuunfaan malee mootummaan kan hojjetamu akka hin taane ibsaniiru.
Obboo Getaachaw bu'uura waliigaltee Piriitooriyaan dhimmi mootummaan federaalaa raawwachuu hinqabneefi odoo hin raawwatin hafe; dhimma loltoota hidhannoo hiikkachiisuu fi deebisanii ijaaruudha (Demobilization and Reintegration) jedhan.
Humnoonni Tigraay lakkoofsi isaanii 270,000 ol akka tahu kaasuun, raayyaan kun gara manaatti ni deebi'a taanaan, bajanni kana gitu jiraachuu qaba jedhu.
Deebisanii ijaaruun hojiirra akka ooluuf "mootummaan federaalaa alarraas tahe maallaqa fiduu qaba," jechuun itti gaafatamummaa akka qabu kaasan.
Kun hanga hojiirra oolu yeroo dheeraa waan fudhatuuf, kaampii keessa otuma jiranii mootummaan nyaata dhiyeessuuf itti gaafatamummaa qaba jedhan. Haa tahu malee naannoo ji'a tokkoof dhiyeessiin nyaataa kan ture tahus, addaan citeera jedhan.
Waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa ilaachisees - TPLF, mootummaa Itoophiyaa, mootummaa Ameerikaa fi bakka buutonni Gamtaa Afrikaa bakka argamanitti, dhiyeenyatti gamaaggamni akka gaggeeffamu himan.
MM Abiy waraana hamaa waggoota lamaaf turetti dhuma kan tolche waliigalteen Piriitooriyaa, mootummaan federaalaa fi bulchiinsi yeroo Tigraay waloon tahuun injifannoo kan itti galmeessanidha jechuun ibsanii turan.
Seera-qabeessummaa TPLF deebisuuf waliigalameera
Waraanaa Tigiraayitti uumame hordofee, seera qabeessummaa TPLF boordii filannoo Itoophiyaan haqame deebisuuf mootummaa federaalaa wajjiin waliigalteerra ga’amuufi dhimmoolii ijoo biroo irrattis mari’atamuu Obbo Geetaachoon ibsaniiru.
“Dhimma haqamuu qaama seeraa TPLF ilaalchisee mootummaan federaalaa murtee boordiin filannoo murteesse danuu akka hin deeggarre, TPLF jechuun ibsa baasaa TPLF’n hin beeknu wanti jedhamu jiraachuu akka hin dandeenye, gufuuwwan seeraa jiran hatattamaan sirreeffamanii TPLF seeraan paartii ta’uunsaa haalli itti mirkaneeffamu akka uumamu kan jedhu irratti waliigalleerra,” jechuun dubbataniiru.
Waraana Tigraay hordofee manni maree bakka bu’oota uummataa, TPLF garee shororkeessaadha jechuun kan itti murteessee ture yoo ta’u, waliigaltee nagaa Piritooriyaa hordofee labsiin shororkeessummaa paartichaa deebifamee kaafamuunsaa ni yaadatama.
Ta’us boordiin filannoo TPLF qaama seeraa argatee socho’uu kan danda’u labsii ba’e irratti hundaa’uun irra deebiin gaaffii galmaa’uuu yeroo dhiyeessuufi boordichi seera irratti hundaa’uun yeroo eeyyamu ta’uu beeksiseera.
TPLF murteen haqamuu seera-qabeessummaa paartichaa boordii filannoon irratti murtaa’e akka kaafamuufis gaaffii dhiyeessus, boordiin filannoo jalaa kuffisee ture.
Obbo Geetaachoo marii anga’oota mootummaa federaalaa waliin taasisaniin haala ittiin beekkamtiin seera-qabeessummaan TPLF itti deebi’uu irratti walii galtee irra ga’uu isaaniifi hojiirras akka oolu ibsaniiru.
“Dhimma kana irratti gama ministeera haqaan furmaatni hatattamaa akka kennamuuf [mootumman federalaa] hojmanee fudhateera, yeroo gabaaba keessatti ni raawwanna jechuudha,” jedhu.
Gamaaggama mootummaan federaalaafi TPLF taasisaniin, jidduu isaaniitti wal amantaa ijaaruuf, buqqaatota ariitiin gara qe’ee isaaniitti deebisuuf, hidhamtoota gama lamaaniinuu jiran gadhiisuufi ijaarsa naannichaa waan ilaallatu irratti waliigalteerra ga’amuus ibsaniiru.
'Rifarandamiin amma gaggeeffamuu hin danda’u'
Dhimmi biraa Obbo Geetachoon ibsan naannicha keessatti waraana tureen wal qabatee, lammiilee lixa Tigiraay irraa buqqa’an kumaatama hedduu ilaalchisees mootummaa federaalaa waliin marii taasifamedha.
Obbo Geetaachoon bakkeewwan naannoleen Tigiraayiifi Amaaraa anaaf mala jechuun irratti wal falmanitti, buqqaatoota deebisuuf waliigalanis, bakkeewwan kunneenitti rifarandamiin amma gaggeeffamuu akka hin dandeenye ibsuusaanii dubbataniiru.
Gama mootummaa federaalaanis ilaalchi dirqama rifarandamiin gaggeeffamuu qaba jedhu akka hin jirres ibsaniiru.
Gaaffii anaaf mala jechuun bakkeewwan kana irratti ka’u rafarandamiin deebisuuf yaaliin eegale, sababa waldhabdeen gufachuusaa, dhimmicha irratti nannooleen lamaan odeeffannoon erga kennameefi booda gara hojiitti seenuuf yaliin taasifame hin milkaa’iin hafuusaa MM Abiy dhiyeenya ibsa miseensota mana maree bakka bu’ootaaf kennan irratti ibsaniiru.
Bakkeewwan gaaffiin daangaan anaaf mala itti ka’utti rifarandamiifi mariin hanga gaggeeffamutti namootni qe’ee isaaniirra buqqa’an akka deebi’aniif, akkasumas bakka bu’oota ofii isaanii filatanii akka bulaaniifis mootummaansaanii ni hojjeta jedhaniiru.
Hongee ilaalchisee
Hongee hamaa naannichatti uumamee ilaalchisee Obbo Geetachoon ibsa kennaniin, mootummaan federaalaa ammallee namootni sababa beelaan du’an hin jiranii jedhee akka amanuufi “kun garuu eenyuunuu akka hin fayyadamne” ibsaniiru.
Rakkoo jiru hir’isuuf garuu “mootummaan federaalaa waan danda’amu akka hojjetu qofa osoo hin taane, akkuma fe’etti piroojektii wayiillee haqees yoo ta’e uummata Tigraay ni deeggarra,” jedhamuu ibsaniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa hedduu yeroo Itoophiyaatti rakkoon beelaa hamaa uumamuu danda’a jedhanii akeekkachiisaa jiranitti, ministirri mummee hongee jiru akka meeshaa siyaasaatti fayyadamuun isaanii sirri miti jechuun yeroo qeeqan dhiyeenya dhaga’ameera.
“Mootummaan hongee hinfidne, biqiltuu dhaabna yeroo jedhamu maal fayyadaa jechaa, qamadii oomishna yeroo jennuu maal fayyada jechaa hongeen dhufe jennee yoo iyyine hiika hin qabu,” jechuun MM Abiy dubbataniiru.
“Sababa beelaan namni du’u hin jiru,” jechuun hongeen uumamee jiru lubbuu namaa akka hin galaafanneef waliin ta’uun hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.
Dabalataan waraana wagga lamaaf tureen qabeenyi birria biiliyoona 80 olitti tilmaamamu barbaada’uusaa Pirezdaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay ibsaniiru.












