'Beela hamaa Tigraayitti mudachuuf jiru hambisuuf mootummaan federaalaa dirqamasaa bahachuu qaba' - Obbo Getaacho Raddaa

Madda suuraa, Getty Images
Hongee hamaa naannoo Tigraayitti mudate hambisuuf mootummaan federaalaafi hawaasi idil-addunyaa deeggarsa akka taasisan pirezidaantin mootummaa yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa gaafatan.
Obbo Getaachon fuula miidiyaarratti ibsa qoodaniin Tigraayitti hongee (drought) mudate sadarkaa yaaddessaarra gahuu himan.
"Tigraayi beellifi duuti marsaa jira" kan jedhan Obbo Getaachoon bara 1977 booda naannichatti gogiinsi mudatee hin beekne mudachuu himan.
Hongeen amma naannichatti mudate waraana naannichatti gaggeefame waliin walitti ida'amee balaa guddaa geessisuuf akka jiru dabaluun akeekkachiisan.
Diinagdeen naanichaa kufuu, bu'uuraalen kanneen akka fayyaa manca'uufi namoonni miliyeenan lakkaa'aman qe'eesaanirraa akka buqqa'an godhamuun jiraattotta naannichaa rakkoo hamaaf akka saaxile ibsa isaanii keessatti eeran Obbo Getaachon.
"Kanaaf mootummaan federaalafi hawaasni idil-adunyaa du'aafi beela naannicha marsee jiru maqsuuf dirqama seerafi hamilee akka bahatan gaafanna," jehan.
"Beelli meeshaa sagalee osoo hin dhageessisin nama ajjeesudha" kan jedhan Obbo Getaachon, mootummaan federaalafi hawaasi idil-addunyaa beela naanichatti dhufe kana akka hambisaniifgaafatan.
Roobni eegamaa ture osoo hin roobin hafuu, weerara hawaannisaa, akkasumas deeggarsi namoomaa yeroof addaan cituun rakkoo namoomaa mudateef sababa ta'uu kan eergan Obbo Getaachon deeggarsi namoomaa hamma tokko deebi'uufi garuummoo gahaa akka hin taane ibsan.
Mootummaan yeroo naannoo Tigraay rakkoo mudate kana hambisuuf birrii miliyeena 50 ramadee waan isaa danda'ame gochaa turuu ibsuun rakkoon mudate humna mootummaa naannoo ol ta'uu kaasan.
"kan bara 77 mudate caala hamaadha"
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan naanoo Tigraay namoota hongee mudateen miidhamna gargaauf garee hundeessuu beekisee ture.
Kanaan dura Komishinara Ittisa Balaafi Qophaa'inaa naannoo Tigraay Gabrahiwoot Gabramadin BBCn dubbisee ture. Hongeen godiinota Tigraay shan keessatti mudachuu ibsanii turan.
"Tigraayitti hongeen hamaan kan mudate bara 1951fi 1977 ture. Amma kan mudate sana caala hamaadha. Ji'a Sadaasaa qofa namoonni 400 ol beelan du'aniiru," jechuun BBCtti himanii turan.
Qondaaltonni naanichaa akka jedhanitti, yeroo ammaa Tigraayitti namoonni miliyeena lama ta'an beelaf saaxilamaniiru.
Mootummaan federaalafi TPLF waraana dhaabanii nagaa buusuf Piritooriyaatti walii galanis, Tigraayi rakkoolee uumamaafi nam-tolchee ishee mudatan irraa bayyanachuu hin dandeenye.
Deeggarsa namoomaa dhiyaatu saamamee fayidaa biraaf oolaa jira jechuun Sagantaan Nyaata Addunyaafi Dhaabbanni Deeggarsa Mootummaa Ameerikaa (WFP fi USAID) deeggarsa namoomaa Itoophiyaatti taasisan addaan kutanii turan.
Yeeoo dhaabbileen kun gargaarsa dhaaban, Tigraayitti midhaan mana kuusaa keessa osoo jiruu namoonni beelan du'aa akka turan qondaalonni mootummaa Tigraay ni himu.












