Obbo Getaachoo Raddaa Alam Gabrawaahid dabalatee aanga'oota olaannoo afur kaasan

Amal Gabdarwaahid, Liiyaa Kaasaa fi Amaanu'el Assaffaa

Pirezidantiin Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaacho Raddaa, Obbo Alam Gabrawaahid dabalatee miseensota aangaa’oota olaanoo bulchiinsa yeroo afur taayitaarraa kaasan.

Kanneen aangoorraa kaafaman keessaa sadarkaa itti-aanaa pirezidantii bulchiinsa yerootti gorsaa ijaarsa ummataa kan ta’an Obbo Alam Gabrawaahid tokkodha.

Akkasumas, itti-gaafatamaa Waajjira pirezidantii bulchiinsa yeroo kan ta’an Obbo Amaanu’el Asaffaa, Bulchiituu Godina Baha Kibbaa Liiyaa Kaasaa fi Bulchaan godina Lixa kabaa Obbo Taklaay Gabramadihiin kanneen aangoorraa kaafaman keessaati jedhameera.

Qondalaatoonni kunneen xalayaa Obboo Geetaachoo Raddaatiin mallattaa’een Onkolooleessa 25 fi 26, 2023 irraa kaasee aangoosaaniirraa kaafamuun himame.

Obbo Alam Gabrawaahid miseensa koree hojii raawwachiiftuu TPLF fi itti-gaafatamaa waajjiira paartiichaa yoo ta’an, Obbo Amaanu’eel Asaffaa, Liiyaa Kaasaa fi Takilaay Gabramadihiin ammoo miseensoota korree jidduugala TPLFti.

Haata’u malee, paartichi aanga’oonni kunneen bulchiinsa yeroo keessaa akka bahan taasifamuusaanii ilaalchisee hanga ammaatti kan jedhe hin jiru.

Yeroo dhiyoo asitti bulchiinsa yeroo fi TPLF jidduutti garaagarummaan umamee ifattti mul'ataa kan jiru fakkaata.

Guyyoota muraasaan dura walgahii dabbaloonni TPLF waamanii turan pirezidantiin bulchiinsa yeroo ‘‘beekamtii isaatiin ala kan waamamedha’’ jechuun walgahicha bittinsuun isaa ni yaadatama.

Taaten kunis aanga’oota olaanoo TPLF jidduutti garaagarummaa yaadaa kan uumee yoo ta’u, miseensi koree jidduugalaafi pirezidantiin bulchiinsa yeroo walgahiichii akka hin gaggeeffamneef tarkaanfiin fudhatan, ‘‘kan adeemsa dhaabbatichii hin hordofneedha’’ jechuun paartichi qeeqee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Federaalaafi TPLF waraana cimaa wagga lamaaf gaggeeffamaa ture dhuma itti gochuuf erga waliigaltee nagaa Afrikaa Kibbaa Piritiriyaatti mallatteessanii booda Obbo Getaachoo Raddaa naannicha yeroodhaaf akka dursaniif Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiin muudamunsaanii ni yaadatama.

Obbo Getaachoon bulchiinsi yeroo baatiiwwan sagal lakkoofsiisulleen godinaaleefi aanaalee naannoo Tigraay keessatti argaman hunda keessatti caasaa diriirfachuu akka hin dandeenye dubbatanii ture.

Obbo Geetaachoon hojiiwwan irraa eegamu raawwachuudhaaf gufuuwwan akka turan ibsuun, bulchiinsi isaanii godinaaleefi aanaalee keessatti hundee gadi fageeffachuu dadhabunsaafi aanaaleen tokko tokko qaamaa bulchiinsa yeroo ta’usaanii akka hin fudhanne kan taasisan ‘‘sochii qindaa’aan’’ jiraachuu dubbachun isaa ni yaadatama.

TPLF kan Obbo Geetaachoon miseensa isaa ta’aniifi kan Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu, walgahii dhuma torban darbee irratti waaman irratti Obbo Geetaachoo ajandaa mummee godhachuuf yaadamee akka ture keessa beekaan nageenyaaf jecha maqaasaanii dhoksan tokko BBCtti dubbatanii ture.

‘‘Walgahiin kaadiiree waamamee ture bulchiinsa yeroo fi keessattuu hooggansa Obbo Geetaachoo Raddaa xinxaluurratti kan fulleeffateefi TPLF aangoo bulchiinsa yeroo guutuummaan guutuutti to’achuu irratti kan kiyyeeffate ture’’ jedhan.