Kun ammallee Ameerikaatti ta'aa jira: 'Waggaa 14tti haatikoo mallatteessitee dhiira tokkoof na kennite'

Dubartii daa'ima baattu

Madda suuraa, Given to the BBC by Patricia Lane

Paatiriishiyaa Leen jedhamti. Ameerikaa Mineesotaa bakka Eden Peraarii jedhamtutti guddatte.

Namoota hedduuf bakki kun lafa hawwataafi bareedaadha. Leeniif garuu bakka umurii ijoollummaasheetti addunyaarraa adda itti baatedha.

"Aniifi obboleessikoo sababa aadaatiin baayyee adda baafamneerra. Magaalota Ameerikaa gurguddoo jedhaman keessaa tokko kan taatetti dhiyoo jiraannullee, jireenyikoo baayyee eegumsaafi of qabuu keessa deebii hin qabne ture," jechuun to'annoo cimaa keessatti guddatte yaadatti.

Ijoollummaasheerraa kaastee miidhaa saala irratti hundaa'uun rakkachaa kan guddate Leen, dhiphina sammuu hamaa keessa galte.

Kun ammoo yeroo umuriin ishee waggoa 12 ture gargaarsa akka gaafattu ishee dirqiisiise.

Namni Tiim jedhamu carraa kanaan ture kan ishee argate. Guyyaa sana waamicha bilbilashee "gargaarsan barbaada" jedhu kan deebiseef isa ture.

Ji'ootaan booda ammoo abbaa warraashee ta'e.

Tiim umuriin isaa wagga 25 yoo ta'u, mana-barumsaa amantaatti barata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barnoota amantaa misiyoonii ta'uuf barachaa jiru cinaatti dhaabbata namoota gargaarsa barbaadanii gargaarsa kennu keessatti bilbila deebisuun/kaasuun hojjeta.

Osoo baayyee hin turiin wal arguuf murteessan. Yeroo gabaabaatiin booda Leen ni ulfoofte. Umuriin ishee wagga 14 qofa ture.

Leen maaatii amantoota warra wangeelaa keessatti guddatte.

"Kadhaan/sagaduun akka mala ulfa ittisuutti akka hin hojjennen baradhe. Ulfa ta'ullee isatti heerumuu hin barbaadne," jetti Leen.

Tiim kutaa manaa darbii lafaarra jiru keessaa boo'aa ture. Leen maatiisheetti oduu hin eegamiin itti himte. Deebiin haadhashee akka eegde hin turre."Maatii salphisuun/qaanessuun" qeeqamte.

''Haati kiyya waan tokkollee duuba hin jenne. Qaaniin maatiirratti fide hundaaf itti kan gaafatamu ana ta'e. Kana sirreessuudhaaf filannoon tokkichi jiru nama sanatti heerumuufi haadha warraa gaarii ta'uu qofa ture," jetti Leen.

Daa'ima sana lubbuun tursiisuu yoo barbaadde itti heerumuun isheerra ture.

Abbaan ishee waliigaltee gaa'elaa mallatteessan. Mineesotaa keessatti umurii Leen irra jirtutti heerumuun waan hin hayyamamneef haadhashee fi Tiim waliin gara bakka hayyama argataniitti imala jalqaban.

"Filannoo biraa akkan qabu natti hin dhaga'amne. Isatti heerumuu hin barbaadnen ture. Haata'u malee, daa'ima dahee guddisuu baayyee barbaadeen ture. Haadha gaarii ta'uu akkan danda'u nan beekan ture."

Ameerikaa keessatti kutaawwan bulchiinsaa (isteetiiwwan) 34 waliigaltee maatiidhaan gaa'ela wagga 18 gadii ni hayyamu.

Warreen mirgoota namoomaaf quuqaman garuu kun miidhaa saalaa qaqqabsiisuurra darbee ijoolleen durbaa akka barnoota addaan kutan taasisa, akkasumas hariiroo seeraaniyyu keessaa bahu hin dandeenye keessatti akka kufan taasisa jechuun akeekkachiisu.

Dubartii achi galgaltee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ulfa akka rakkootti

Leen, haatishee fi Tiim jalqaba gara Keentakiitti ture kan qajeelan. Aanga'oonni naannichaa garuu gaaffii isaanii kana jalaa kuffiisan.

"Gonkumaa hin ta'u. Baayyee daa'imman xixiqqoodha," akka jedhaman yaadatti Leen. "Sirrii turanis. Baayyee xiqqoon ture ani."

Isaan booda gara Alaabaamaatti qajeelan. Yeroo sanatti hayyama maatiin heerumuu ni dandeessi ture. Kaawontii Laawuderdeel gahanii Leen fi Tiim daqiiqaa muraasa keessatti wal fuudhan.

Veelloo hin uffanne, rifeensa ishees abaaboon hin faayanne. Haatishee qofti raga taatee dhiyaatte. "Aakka malee baayyee saffisaa ture. Achi turuu hin barbaadne. Nama sana hin jaallannen ture. Haati kiyyas baayyee aarte. Baayyee yeroo sodaachisaa ture," jechuun amma umuriin ishee wagga 58 kan ta'e Leen BBCtti dubbatte.

Waraqaa raga gaa'elaa fudhattee daqiiqaawwan muraasaan booda, bakka bashannanaa mana-murtichaa fuuldura jiru deemtee shunguluullee taphachuu jalqabde. Miira ijoollummaa hadhashee fi abbaa warraashee haaraa dheekkamsiise ture.

"Heerumuun maal akka ta'e waanan tilmaame waliin kan deemu ta'ee hin argine," jechuun waan yaadattu dubbatti. Yeroo sanatti turban jalqabaa ulfasheerra turte. Yeroo dessus mucaashee guddifachaaf qopheessite.

"Waraqaa raga sana hin mallatteessine. Maqaan kiyya irratti barreeffamellee mallatteessuun narraa hin eegamu.

Haati kiyya mallatteessitee lubbuu koo dhiira tokkotti na kennite. Gaa'elli sun kan hojjetu akkasiin ture. Namoonni biroon dabarsanii nu kennu; hanga wagga 18 geenyutti jalaa bahu hin dandeenyu," jetti.

Paatiriishiyaa Leen Tiimitti erga heerumte ebooda waggoota 46 keessatti seeronni Alaabaamaa hedduu hin jijjiramne.

Hara's daa'imni namni wagga 16 hayyama maatiitiin gaa'ela godhachuu danda'a. Gaa'elaaf umurii xiqqaa jedhamee kan kaa'ame garuu wagga 18.

"Furmaatawwan dabalataa hin jiran. Kutaan bulchiinsaa sun namni umuriin isaa gaa';elaaf hin ga'iin yaada ofii akka kennatu hin hayyamu. Hayyamni mana-murtiis hin barbaachisu," jechuun ibsa seerichi.

Bara 2025 Waashingiten DC dabalatee kutaalee bulchiinsaa Ameerikaa 16 qofatu umuriin xiqqaan gaa'elaaf hayyamamu wagga 18 ta'uu kaa'an.

Kun ulaagaa gareen mirgoota namoomaaf falman gaafatanidha.

Kutaaleen bulchiinsaa biro keessatti nama michuu gaa;elaa namaaf ta'uuf ulfaa'uun, daa'ima dahuun, akkasumas hayyama daa'immaa kan ilaallatu ulaagaaleen dabalataa kaa'amaniiru.

Akka ibsa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bara 2025 baaseetti, sadarkaa addunyaatti ijoolleen durbaa miliyoona 12 ta'an wagga waggaan osoo umuriin isaanii wagga 18 hin guutiin heerumu.

Kun ammoo daangaa umurii gaa'ela umurii malee jedhu keessatti argama.

Barmaatiin akkasii kun sadarkaa addunyaatti sarbama mirgoota namoomaa akka ta'e ni beekama.

Ameerikaatti sadarkaa Federaalaatti umuriin gadi aanaa gaa'elaaf daangeffame hin kaayamne. Biyyattii keessatti bara 2000 hanga 2021gidduutti ijoolleen umuriin isaanii hin ga'iin kuma 300 ol ta'an karaa seera qabeessaan wal fuudhaniiru.

Isaan keessaa tokko tokko osoo umuriin isaanii wagga 10 irra jiruu kan wal fuudhan yoo ta'u, baayyeen isaanii ammoo yeroo umuriin isaanii wagga 16 ykn 17 keessa jiruu heeruman. Baayyeen isaanii gaa'ela kan dhaabbatan dhiirota gaheessa ta'an waliinidha.

Seerri Federaalaa osoo jiraate yeroo kanatti heeruma daa'immaniifi maqaa gaa'elaatiin qaawwa daa'imman daddabarsuu hayyamuufi jajjabeessu cufa ture, jechuun dubbatu namoonni quuqamaan dhimma kanarratti yaada kennan.

'Ammallee qofummaa waliin wallaansoo qabaan jira'

Leen gaa'elasheetiin booda waggoota jiran keessa mucaashee guddifachaaf kennuufi abbaa manaashee hiikuu dabalatee haalota baayyee rakkisoo ta'an ishee mudateera. Booda ammo irra deebitee fedhiisheetiin heerumte.

Akka dhaabbileen heeruma dirqamaafi daa'immanii dhabamsiisuuf hojjetuutti Ameerikaatti ijoolleen durbaa bifa kana fakkaatuun herumsiifaman yeroo baayyee ni moggeeffamu. Carraa isaan mana barumsaa dhiisanii olaanaa waan ta'uuf caalaa abbaa warraasaaniirratti hirkatoo isaan taasisa.

"Wagoota lamaaf barnoota kiyya addaan kuteera. Boodarra barnootakoo itti fufullee garuu wal hin fakkaatu," jetti Leen.

"Abbaan warraakoo akkan hiriyyoota qabaadhu naaf hin hayyamne. Qofaa kiyyan ture. Hanga har'aatti qofummaa waliin wallaansoo qabaan jira. Hanga ammaallee namoota amanuun rakkisaa waan natti ta'eef gareen ta'uu caalaa qophaa kiyya ta'uutu natti tola," jetti.

Galanni namoota kana keessa darbaniifi dhaabbileen siviliitiif haata'u malee erga bara 2018 as kutaaleen bulchiinsaa 16 ta'an gaa'ela umurii malee dhorkuudhaaf seerota isaanii jijjiiraniiru. Haata'u malee, wantonni hafan baayyeen jiru.

"[Namoonni] kun kan uumamu biyyoota guddataa jiran ykn amantaawwan muraasa keessatti qofa jedhanii yaadu. Haata'u malee, dubbichi akkana miti…Ameerikaattillee ni uumama," jetti Leen.

Ogeessonni seeraa gama isaaniitiin, gaa'elli ijoollummaa Ameerikaa keessatti rakkoodha. Loogii saalarratti hunda'utti dabalamee seera fooyyessuu milkeessuu rakkisaa taasisuu ibsu.

"Dhiirota kanneeniif himannaawwan yakka gaa'elaa karaa ittiin maqsanidha. Seera baastonni kana akka hin hayyamnen gaafadha," jetti Leen.

"Warra umurii wagga 16 fi 17 irratti jaalala dhugaatu jira jedhanii falmaniif, jaalala dhugaa taanaan gaariidha. Jaala dhugaa taanaan wagga 18ttis jaalalichi ni jiraata."