Tigraayitti barattoonni %50 ol akkamiin qormaata kutaa 12ffaa darbuuf milkaa'an?

Naannoo Tigraayitti qormaata kutaa 12ffaa addatti kennameen qabxiin galmaa'e akka biyyaatti kan galmaa'e ni caala

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Tigraayitti qormaata kutaa 12ffaa addatti kennameen qabxiin galmaa'e akka biyyaatti kan galmaa'e ni caala

Qormaata kutaa 12ffaa Naannoo Tigraayitti ALI bara 2015 qoraman keessaa 66.9 % harka shantamaa fi isaa ol galmeessuu isaanii biroon barnootaa naannicha ibseera.

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa bu'aa qormaataa kana ilaalchisee ammatti ibsa baasee hin qabu.

Haa ta'u malee, waraana lubbuu lammiilee galaafate booda yeroo duraaf kenname kanaan qabxiin ibsame akka biyyaatti qabxii galmaa'erra baay'ee wayyaa'aadha.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Dr Kiroos Gi'uush barattoonni kun ''haala homtuu hin jirre keessa ta'aniiti qoraman'' jedhan.

Qabxii addatti qormaata Naannoo Tigraayitti kennameen galmaa'e yoo ibsan “Dhuguma dubbachuuf anuu hamma tokko kanin eegee oli,” jechuun ibsan.

Mana barnootaa addaa Qalaamiinoo jedhamutti kan baratan Musee Kidaaneefi Kindeyyaa Araayaa qabxii akka biyyaatti olaanaa jedhamu kanneen galmeessanidha.

Musee fi Kindeyyaan qabxii 700 keessaa wal duraa duubaan 657 fi 655 fidani.

Waggoonni darban ulfaatoo turan kan jedhu Musee Kidaanee, keessumaa akka barataatti haalli ture ulfaataa ta’uu BBC'tti himeera.

Haa ta'u malee, “dubbisuufi qo’achuu yeroon danda’utti qo’achaa, barnoonni ni eegala yeroo jedhamu ammoo hanga qormaanni ga’utti hangan danda’e qophii godheera,” jechuun BBC'tti hime.

Yeroo qoramaa turanitti Tigraayitti namoonni miseensota maatii isaanii waraanarratti jalaa du’an itti himamaa waan tureef “dhuguma dubbachuuf qabxii kana nan fida jedhee hin eegne,” jechuun dubbate.

“Garuu qormaatarratti xiyyeefachuun qaba jedhee waanan itti seeneef waanan yaade galmaan gaheera.”

Naannoo Tigraayitti barattoonni qormaata qoraman 9,514 akka ta'an naannichi ibseera.

Qophii N. Tigraay taasise

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barattoota kutaa 12ffaa yunivarsiitota afur keessatti guyyoota 67'f barsiisota gahumsa qabaniin qophii xiinsammuufi qormaataa gochaa turuun isaanii bu'aa qormaataa argameef gahee bahuu akka danda'u Dr Kiroos himaniiru.

Akkaataa walii galtee Piritooriyaatin Bulchiinsi Yeroo erga hundaa’ee booda, manneen barnootaa deeggarsa hamma tokko akka argatan taasifamuu himaniiru.

Ta'us, bakka kitaabni gahaanfi barsiisan gahaan hin jirretti hamileenis ta’ee barnootan qopheessuun rakkisaa ture jedhan.

“Waxabajjii 22 irraa eegalee barattoonni kun yunivarsiitota Tigraayi keessa jiran afur keessatti deeggarsa hamileefi barnootaa akka argataniif, barsiisota jiru jedhaman 240 isaan wajjiin yuunivarsitii seensisnee barattoota kana wajjin guyyoota 67'f turaniiru.''

“Akka biiroo barnootaattis dhiibbaa qormaataa irraa hir’isuuf modeela qopheessinee qorreerra.”

Dr Kiroos qophiin isaan taasisan naannoo biraa ni caala ykn isaa gadi jennee wal-bira qabuu dhiisuun bu’aan argame gaarii akka ta’e ibsaniiru.

Guutuu Itoophiyaatti barattoota qormaata kutaa 12'ffaa (seensa Yunivarsiitii) ALI bara 2015 qoraman keessaa qabxii ittiin darban kan argatan 3.2% qofa ta'uu Ministeerri Barnootaa beeksisee ture.

Bu'aan qormaataa kun akka biyyaatti gadaanaa kan jedhaman keessaati.

Bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12 rifaasisaa walitti aanun waggootii lamaaf galmaa'e kana hordofees koreen dhaabbii Paarlaaamaa Itoophiyaa Ministeerri Barnootaa gaafatamummaa akka fudhatufi qorannoon walabaas akka gaggeeffamu gaafachuun isaa ani yaadatama.