'Ministeerri Barnootaa kufaatii kanaaf gaafatamummaa fudhachuu qaba'-Nagarii Leencoo (PhD)

Madda suuraa, House of Peoples Representatives of FDRE
Bu'aa qorumsa biyyaalessaa kutaa 12 rifaasisaa baroota walitti aanan lamaaf galmaa'e hordofee koreen dhaabbii Paarlaaamaa Itoophiyaa Ministeerri Barnootaa gaafatamummaa akka fudhatu, qorannoon walabaas akka gaggeefamu gaafate.
Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojiifi Dhimmoota Teeknoolojii, Roobii darbe dhaabbilee gaafatamni hordufuu kennameef keessaa raawwii Ministeera Barnoota qoratee qajeelfama kenneera.
Walatti qabaa koree kanaa Nagarii Leencoo(PhD) fi Ministira Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa waltajjii raawwii kurmaan tokkoffaa dhaabbatichaa gamaaggamurratti yaadaan wal muggutaniiru.
Torbanoota dura Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuun qorumsa biyyaalessaa bara 2015 kennameen bartoota qormaaticha fudhatan keessaa dhibbeentaa 50 fi isaa ol kan galmeessaan warra qoraman keessaa dhibbeentaa 3.2 qofa ta'uu himan.
Bu'aan qormaataa kun rifaatuu guddaa uume. Piroofeesar Birhaanuufi dhaabbata isaan hoogganan irratti komiin guddoon dhagaahame. Kanneen ''barnooti biyyattii bakka jiru agarsiisa'' jedhanii deeggaranis ni jiru.
Walitti qabaan Koree dhaabbii, karooraafi rawwii damee barnootaa qoratuu kan ta'an Nagarii Leencoo(PhD) kufaatii barattootaa kana salphaatti ilaaluun bira darbuun sirrii mitii jechuun sababoota kufaatii kana duuba jiran beekuuf qorannoon qaama walaba ta'een akka gaggeefamu waltajjicharratti dubbatan.
Nagarii Leencoo addatti gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan irrattis Minsiteerri Barnootaa ergama damee barnootaa hoogganuuf kennameefirraa kan ka'e bu'aa gada'aanaa galmaa'eef ''gaafatama fudhachuu qaba'' jedhan.
Baroota darban lamaan qofa barattoota qorumsa fudhatan miiliyoona 1.6 ta'an keesssaa muraasni qofa darbuu isaaniif sababni kenninsa qormaatichaa jijjiiruun hanna qormaataa hambisuu akka ta'etti gabaasni dhiyaatu gahaa miti jedhan Nagariin.
''Kufaatii kanaaf sababa hedduun jiraachuu malu waan ta'eef, ufii keenyaan dimshaashatti sababnisaa kana jennee bira darbuun hin ta'u, yaadni hooggantootni ministeerichaa kennanisimmoo qorannoo gadi fagoorratti waan hundaa'e nutti hin fakkaanne. Kanaaf qaama walabaan haa qoratamu ejjennoo jedhu kan qabaanne.''
Dr Nagariin tattaaffii Ministeerichi qulqullina barnootaa gadi bu'e fooyyessuuf gochaa jiru koreen hoogganana akka dinqisiifatu ibsanii, bu'aa gad aanaa galmaaheef sababni dhiyaate quubsaa akka hin taane dubbatan.
'Barnootni yeroo kufu gaafatamaan nama hunda'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waltajjiin raawwii hojii Ministeerichaa gamaaggamuuf qophaaye fuula Feesbuukii Paarlaama Itoophiyaan kallattiin darbaa ture.
Piroofeesar Birhaanuun qorannoo gaggeessaniin akka sababaatti wantootni kaasan gahaa erga hin taanee koreen dhaabbii Paarlaamaa walaba waan ta'eef ofiin akka qoratu yoo dubbatan ni mula'tu.
Piroofeesar Birhaanuun ''kufaatiin kun kan hunda keenyaati hundi keenya gaafatama kana fudhachuu qaban'' jedhan.
Kufaatii kana keessaa qaamni hojii raawwachiiftuu, hawaasa waliigalaa, maatii, barsiisota, miidiyaa fi kaanis tarreessuun gaafatamummaa fudhachuu qabuu jedhan.
''Barnootni yeroo kufu gaafatamaan nama hunda. Gaafatamummaa xiqqaa kan qabaatu barataadha. Hundi keenya gaafatama keenya haa fudhannu.''
Raakkoo kana fuula duratti furuuf bu'ura misooma barnootaa fooyyessuu, dhiyeessii kitaabaa fi gahumsa barsiisootaa fooyyessuu, akkasumas caasaa guddiinaa fi fayidaa barsiisaa gahumsa wayyaa'aa qabuu dabaluurratti akka hojjetanis Piroofeesar Birhaanuun himaniiru.
Dr Nagariin garuu walitti qabaan ''hundi keenyaa gaafatamtoota jechuun, kan itti gaafatamu hin jiru jechuudha '' jechuun Ministeerichi oftti akka fudhachuu qabu dubbatan.
''Jalqaba itti gaafatamummaasaa ofiisaanii fudhataniitu warri kaan akka tumsan gaafachuu qabu malee hooggansa kanaan dura ture, sirna kanaan dura ture himachuun qofti rakkoo kanaaf furmaata hin fidu'' jedhan.
Ammoo dhimmi barnootaa kun qaamolee hedduu akka tuqu kaasuun qaamoleen sektara barnootaa sadarkaa adda addaan gahee akka qaban dubbatan.
''Bu'aan kun nuun nu naasiseera, uummata naasiseera, warra damee barnoota hoogganus naasisuu qaba, furmaatasaaf hojjechuu qabu'' jedhan.

Madda suuraa, House of Peoples Representatives of FDRE
Hireen barattoota kana gidduutti miidhamanii akkam ta'a?
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuun caba barnootaa kana sirreessuuf sadarkaa adda addaatti hojiin akka hojjetamu yoo ibsan, tarkaanfiin sirreessu iddoo tokkotti eegaluu akka qabu amanu.
Haata'u malee baroota lamaan darban qormaata kenname keessaa barattootni hin milkoofne kumoota dhibbaan lakkaawamu.
Hireen barattoota kanaa maal ta'a kan jedhurratti wanti murtaa'e maalii?jechuun Dr Nagarii gaafanneerra.
''Hireen isaanii maala ta'a kan jedhu nuufis gaaffiidha. Kanadha kan kaasaa jirru'' jedhu Dr Nagariin.
''Rakkoo kaanaaf sababni baayyeen osoo jiruu gatiisaa kan baasu barattootaafi maatii barattootaa ta'uu hin qabu, fala barbaaduu qabna.''
Warra qormaaticha kufeef ministeerichi qormaata irra deebii qopheessuun filannoo gaarii akka ta'e kan kaasan Nagariin, ''remediyaaliin kunis tol-ooltummaa fakkaata'' jedhu.
''Jalqaba waan barattootaaf guutamuu qabu guutuudhaan, galteen barnootaa haala barbaachisuun dhiyaatee adeemsa keessa qulqullina barbaannu bira geenya malee dhaloota tokkorratti ba'aa fe'uun keessaa bahuu hin dandeenyu.''
Naasuun bu'aa galmaaheen mul'ate rakkinicha furuuf sochii qabatamaatti galee mula'achaa akka hin jirre Dr Nagariin ni dubbatu. Pirofeesar Birhaanuun ammoo sababoota ijoo adda baasan tarreessanii iratti hojjechuu eegaluufi bu'aan isaa waggoota dhufan keessatti akka mul'atu dubbatan.
Xumura falmii 'qorannoo qaama walabaa'
Yaada qaama walabaan qorannoon haa gaggefamu jedhamee dhiyaate kan miseensota koree malee yaada dhuunfaa akka hin taane kan dubbatan Dr Nagariin, ''gama Ministeera Barnootaan dhimmicha gara keenyatti deebisuuf yaaliin godhame sirrii akka hin taane amanna'' jedhan.
Dhumarratti ogeeyyii walaba ta'an kan Ministeerichaatti dabaluun yoo xiqqaate ji'oota dhufan sadii keessatti qorannoon rakkoo jiru guutummaatti mul'isu akka gaggeefamu waliigalamuu dubbatan.
''Falmiin haa jiraatuyyuu malee dhumarratti kan waliigalle isinumatu qorachiisuu qaba waan jedhudha. Kanaafimmoo yeroo daangessinee hin laannaafi... yeroo ji'a sadii hin guunne keessatti qorannoonsaa hojjetamee furmaata barbaanna.''
Mieensonni koreesaaniifi bakka bu'ootni uummataa damee barnootaa keessatti muuxannoo qaban waan jiraniif koree qorannicha gaggeessu keessatti hirmaachuu akka danda'anis dubbatan.
Mariin koree kanaa muggutii kan qabaate ta'uurratti kan gaafanneen Dr Nagariin, dhugaa ta'uu himanii ammoo dhimmichi dhimma guddaa waan ta'eef irratti muggutuufi dhibdeen biraan akka hin jirre ibsan.
Dabaluunis ''hooggansa fi tattaaffii godhamaa jiru bisheessuufs miti'' jedhan.
Ogeeyyiin sirna barnootaarratti BBC'n amma dura dubbise hooggansi ministeerichaa siyaasa fi karoora dhuunfaa raawwachaa jiru jechuun BBC'tti komii qaban ibsanii turan.
Dr Nagariin dhimma dantaa siyaasaa qabaachuufi dhiisuu hooggansa Ministeerichaa irratti yaada akka hin qabnes dubbataniiru.












