'Qormaata sensa Yunivarsiitii warra fudhate keessaa kan darban 3.2% qofa'

Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Madda suuraa, Ministry of Education Ethiopia

Guutuu Itoophiyaatti barattoota qormaata kutaa 12'ffaa (seensa Yunivarsiitii) ALI bara 2015 qoraman keessaa kan milkaahan 3.2% qofa ta'uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Onkololessa 9, 2023 bu'aa qormaata biyyaalessaa kana ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniin bu'aan qormaataa argame isa bara darbeerraa hiri'achuu dubbatan.

''Barattoota kuma 845 fi 188 keessa qormaatichinaa qabxii darbinsaa 50'n ol kan fidan kuma 27 ta'u'' jedha ibsi Ministeera Barnootaa.

Piroofeesar Birhaanuun ''caba barnootaa waldhaanuuf sadarkaa gadiirraa jalqabee hojii maneen irratti hojjechuu qabnu hedduun nurra jiruu'' jedhan.

Barattootni kutaa 12 qormaata kanaan milkaahan warra qorataman keessaa dhibbeentaa 3.2 ta'uu fi kan bara kaaniirraa dhibbeentaa 0.01 gadi bu'uus dubbatan.

''Manneen barnootaa 3,106 barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa manneen barnootaa 1,328 keessa barataa tokkoyyuu hin dabarre'' jedhan.

Bu'aan qormaataa akka biyyatti isa gadaanaa jejedhame kun kan galmaahe erga Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Ministira ta'anii dhufuun sirna kenninsa qormaata kanarratti jijjiirama godhaniiti.

Dhufaatii isaaniin dura qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa manneen barnootaa barattootni keessatti baratanitti kennamaa ture.

Waggoota lamaan darban garuu barattootni qormaata kanaaf dhiyaatan Yunivarsiitilee dhiyeenyasaanii jiran seenuun barsiisota Yunvarsiitilee naannolee adda addaarraa dhufaniin akka qorataman godhame.

Kayyoon sirna qormataa jijjiiruu kun hanna qormaataa hambisuun qulqullina barnootaa biyyattii gadi bu'eera jedhamu fooyyessuu akka ta'e aanga'oonni ni dubbatu.

Ogeeyyiin kaan ammoo jijjiiramni qulqulina barnootaa fidu sadarkaa amma itti eegale kanarraa osoo hin taane sadarkaa gadiirraa eegaluu qaba jechuun muggutu.

Qabxii qormaataa bara kanaan manneen barnootaa 42.8% ta'an barataa tokkoyyuu dabarsuu hin dandeenye.

Qabxii olaanaan qormaata kanaa dubartii damee Saayinsii uumamaarraa qoratamtee 649 fiddeen akka galmaahe Minsiterichi ibse.

Gama saayinsii hawaasaan qabxii olaanaan dhiira qabxii waliigalaa 600 keessaa 533 fideen galmaahu ibse.

Bu'aan qormaataa kun Kibxata boruurraa kaasee karaa marsariitii ergaa gabaabaa ifa akka godhamus ibsameera.