Qormaanni kutaa 12ffaa yunvarsiitii keessatti kennamuun jijjiirama akkamii fida?

Madda suuraa, Getty Images
Fulbaana 30/2015 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa buufataalee qormaataa 131 keessatti kennamu irratti barattootni kuma 984 tahan qormaataaf taa’u jedhe Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Biyyaalessaa Itoophiyaa.
Godina Walaayittaatti barataa Iyyoob Fiqiruu barattoota qormaata fudhachuuf qophaa’an keessati.
Iyyoob qormaaticha bara darbe fudhatee qabxiin hin dhufneef.
'‘Hatamee bahee ture,’’ qormaata jedhame kan bara dabree jireenya isaas kallattii hin taane irra geessera.
“An daree keessatti barataa qaxaleen ture. Humnakoos beeka. Warran waliin qorames beeka. Garuu barattoota barnootaaf dhimma hin qane qormaaticha darban hedduun beeka. An garuu nan kufe,’’ jedhe.
Iyyoob qormaatichi hatameera jedhee amana. Kana irraa kan ka’e barattootni hedduun miidhamaniiru jedha.
Brattootni baay’ee dubbisan karaa hin taaneen miidhaman. Qormaatichi waan baheef barataan dubbisee hojjete baay’ee miidhame. Ofiisaa barataan hojjetee fi alaa hojetamee kan galeefii qabxii wal qixaa hin fidne. Barattoota badaa hin dubbisnedha qormaata alaa hojjetamee galeefiin kan darban.
Bu’aa qormaata bara darbe dhabe argachuuf dhuunfaan qormaata fudhachuuf qophaa'aa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qormaanni garuu bakka inni kana dura fudhate irraa bakka adda ta'etti kennama.
Iyyoob qormaaticha Yunivarsiitii Hosaanaatti fudhata.
"Kanaan dura qormaanni hatamee sirnaan akka gale ifa ture," kan jedhu barataan kun, dhaabbileen barnoota olaanoo baranaa barattoonni bu'aa hojjatan akka argatan kan gargaaru ta'uu ibsu.
"Yuunvarsiitii keessatti ramadamuun keenya barattoota ofuma isaaniitiin cimanii hojjetaniif faayidaa guddaa qaba." Barataa qophaa'eef gaariidha sababiin isaas to'annoon baay'ee waan jiruuf carraan hanna qormaataa xiqqaadha," jechuun amana.
Jiraattuu magaalaa Baahir Daar kan taatee fi qormaata baranaatiif qophaa'aa kan jirtu Diinaa Indiriyaas yaada Iyoob irratti waliigalti.
Barana yeroo jalqabaaf qormaataaf kan taa'aa jirtu Diinaan, yeroo darbe qormaanni hatame oduun jedhu akka ishee jeeqa ture himti.
''Hamilee nama miidha. Sababni isaas akka barattuutti bu'aan xumuraa waggoota dheeraa darban qormaata kutaa 12ffaa waan ta'eef. Barataa hojii cimaa sana hunda hojjeteef qormaanni hatamuu itti himamuun abdii nama kutachiisa. Barataa hojjetuuf abdii kutachiisa,'' jette.
Akkasumas Yuunivarsiitii Baahir Daar keessatti qormaata fudhachuuf kan qophaa'aa jirtu Diinaa, bara kana dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa keessatti qormaanni kennamuu isaatiin carraa waraqaa qormaataa hatamuu hir'isuu fi "barataan hundi hojii cimaa hojjetee, waan dubbisee fi beekumsa isaatiin bu'aa sirrii akka argatu gargaara,’’ jette.
Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnoota Biyyaalessaa obbo Esheetuu Kabbadaa (Dr.) muuxannoo kanaan dura ture irraa adda ta’ee qormaanni ba’iinsa kutaa 12ffaa mooraa dhaabbilee barnoota mootummaa olaanoo hunda keessatti kan kennamu ta’uu eeranii jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Daarektarri olaanaa kuni qormaaticha mooraa yunivarsiitii keessatti kennuun maaliif akka barbaachise yoo himan, ‘’barattoonni kunneen qoramanii darbanii yunivarsiitii galuun dura waa’ee yunivarsiitii akka baraniif gargaara,’’ jedhan.
Kana malees,’’nuti akka mootummaatti ijoolleen otoo hin jeeqamiin akka qoramaniif akka goonu nu gargaara. Tasgabbiin akka qoraman goona jechuu dha,’’ jedhan.
Kana dura buufataalee qormaanni itti kennamu kuma sadii irraa gara 131tti gad-bu’uu kan kaasan itti gaafatamaan kuni, ‘’namoonni tokko tokko itti gaafatamummaa isaanii gama bahachuun qaawwa bananiin,’’ hanna qormaataa ture hir’isuun, ‘’olola siyaasaaf’’ akka hin oolle gargaara.
Kanaanis barattoonni naannolee argaman keessatti fi kaampaasii itti dhiyaatutti qormaata kan fudhatan yoo tahu, wiirtuulee qormaata barattootarraa fagaatanii argamaniif immoo geejiba, nyaataafi bakki ciisichaa qophaa’era jedhan.
Qormaaticha kennuuf qophiin barbaachisu raawwachuusaa kan himan Dr Isheetuun, ‘’yunivarsiitiiwwan aarsaa baasaniiru. Unu biratti namoonni qoran iddoo qoran deemuuf socho’aa jiru,’’ jedhan.
Qormaatichi kaampaasiiwwan yunivarsiitii 102 hundumatti buufataalee 131tti kennama jedhan.
Qophii qormaataaf godhamu irratti rakkoon nageenyaa mudate akka hin jirre kan dubbatan kanneen sababa nageenyaan ‘’rakkoo humnaan ol taheen’’ qoramuu hin dandeenye qormaata isa kanaan qixxee kan tahu marsaa biraan akka qoraman carraan kennamaaf jedhan.
Waggoota darban keessatti qormaati akka biyyalessaatti kennamu hatamee bahee harka barattootaa bira gahuu himamaa bahuun beekama. Dhimma kana to’achuuf intarneetiin yeroo qormaataa cufamaa ture.
Qormaati biyyaalessaa hatamee baheera jedhamuun namoota warreen qoran irratti dhibbaa akka gochaa ture barattoonni dubbatu.
Rakkoo hannaa kana hambisuuf jecha mootummaan qoramaata teeknolojiin deeggaramuun waraqaa otoo hin fayyadamiin taableetiidhaan qormaata kennuuf karoorsee ture.
Tahus kana gochuun baasii guddaa kan barbaaduufi kanaafimmoo qophiin taasifamaa jiraachuu himan Dr Ishatuun.
‘’Teeknolojii kana fiixaan baasuuf hojjechaa jirra. Qormaata kompiitaraan kennuu diriirsuuf hojiin jalqabame waggaa shan taheera,’’ bara kana garuu hordoffii cimaa wajjin waraqaa irratti kennama.
Qormaati, ‘’qabeenya hawaasaati’’ kan jedha Dr Isheetuun, ‘’mootummaa irrattis tahe qaama biraa irratti kan komii qabu gocha raawwatun kan miidhamu qoramtoota dhimmicha keessaa homaa harka hin qabne.
Kanaaf haala danda’ameen qaamni gochaa xiin-sammuu maatiifi qoramtootaa jeequ raawwchuurra akka of qustan nan gaafadha,’’ jedhan.












