Itoophiyaatti shamarree qormaata kutaa 12ffaan dubartoota keessaa qabxii olaanaa galmeessiste

Madda suuraa, Getty Images
Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaa 55.7 kan ta'an 350 ol fiduu Ejansiin Madaalliifi Qormaatawwan biyyaaleessaa ibseera.
Kana malees barattoonni 702 qabxii 600 ol kan fidan yoo ta'u, qabxii olaanaan bara kanaas 669 ta'uun barameera.
Barattoota shamarranii keessaa kan qabxii olaanaa fidde eenyu?
Akka ragaa Ejansii Madaallii fi Qormaatawwan biyyaalessaa irraa argametti, ALI bara 2012tti barattoonni 350,000 ola galmaa'uun qormaata kutaa 12ffaa fudhatan.
Isaan keessaayis barataan Biruuk Baalkaachaw jedhamu 669 fiduun qabxii olaanaa yoo galmeessu, qabxii olaanaa lammaffaan ammoo barataa Naa'ol Ballaxaa Adaamaaraa 665 argateera.
Akka ragaa ejansichaatti barattoonni 1ffaa - 14ffaatti qabxii olaanaa galmeessan hundi dhiiroota.
Qabxii olaanaa sadarkaa biyyaalessatti 15ffaa ta'e garuu dubartootarrati tokkoffaa ba'uun kan galmeessite barattuu Sa'aadaa Jamaal jedhamti.
Lammaffaan ammoo Beezaawiit Barihee yoo jedhamtu, barattuu mana barnootaa Kiruuz ta'uu ragaan ejansichaa ni mul'isa.
Sa'aadaan eenyu?
Sa'aadaa Jamaal maatii isheetiif intala jalqabaa yoo taatu, dhalattee kan guddatte naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Silxee Magaalaa Waraabee ta'uu BBCtti himtee jirti.
Daa'imummaa isheetii qabdee mana barnootaa dhuunfaa magaalicha keessatti argamutti barataa turte.
''Hanga kutaa afuriitti mana barnootaa Al-Qalam jedhamuttan baradhe.''
Barattuu cimtuun tures,'' kan jettu Sa'aadaan, kutaa 5- 8tti mana barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Waraabeetti, 9-12tti ammoo mana barnootaa deeggarsa Waldaa Misooma Silxeetiin ijaaramee mana barnootaa bultii sadarkaa lammaffaa addaa Haayiranzii jedhamutti barachuu dubbatti.
Barattuu saayinsii uumamaa kan turte Sa'aadaan, sadarkaa tokkooffaafi lammaffaatti illeen barattuu sadarkaa akka turte himti.
Haaluma kanaanis qormaata kutaa 10ffaatiin qabxi 4 fiduun mana barnootaa isheefi naannoo isheerraa badhaasawwan maallaqaafi medaaliyaa akkasumas kennaawwan adda addaa argachuu dubbatti.
''Kutaa 10tti qabxi 4 fidee wayitan darbeetti naannoon Birri 2,000 na badhaase. Mana barnootaa irraa ammoo medaaliyaafi kennaawwan adda addaa argadheera.''
Obboleessi ishee kutaa 11ffaa barataa jirus akkuma ishee qabxii gaarii galmeessaa jiraachuu dubbatti Sa'aadaan.
Guyyaa waa'ee qabxii ishee itti dhageesse
Sa'aadaan qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara kanaatiin shamarran keessaa tokkoffaa ta'u kan barte BBC irraayi.
Waan gaazexeessaan BBC itti himu amanuu hin dandeenye. Sagalee ishee keessatti kolfi gammachuu guutee, ''Baayyeen gammade. Yeroo jalqabaatiif sirraa dhagahuu kiyya,'' jechuun deebifte.
Sa'aadaan sadarkaa biyyaaleessaatti sadarkaa 15ffaa irratti argamtus, 650 fiduudhaan barattoota dubartoota keessaa tokkooffaadha.
Isheenis dhimma kana ilaalchisuun ''qabxii olaanaa nan fida jedhee eegeera garuu dubartoota keessaa tokkooffaan ta'e jedhee hin yaadne ture,'' jette.
Qormaanni kutaa 12ffaa bara darbe kennamuuf ture sababii Covid-19n dheereffamee ture.
Booda keessas qormaatichi karaa onlaayinii taabileetiin kennama jedhamee yaadamulleen waan harkifateef, barattoonni waraqaadhumaan akka qorataman taasifame.
Sababii koronaavaayirasitiin manni barnootaa wayita cufameettis barsiisonni ishee karaa Telegram wantoota ishee gargaaran tokko tokko ergaafi akka turan himti Sa'aadaan.
Wanti ishee barbaachisu yoo jiraateetti yeroo kamittuu barsiiftoonni mana barnootichaatti akka argamaniifi daarektarri mana barnootichaas akka ishee jajjabeessu himti.
''Yeroon qormaataa irra deddeebiin dheerreeffamunsaa baayyee cimaa ture. Abdii nama kutachiisa. Booda waan dhufuu danda'u yaaduun of qopheessaan ture,'' jetti.
Kana malees barsiisonni isaanii Sa'aadaafi hirriyyoonni ishee abdii osoo hinkutatin akka qo'ataniif akka gorsan dubbatti.
Wayita qabxiin baheettis qormaata darbuu jalqaba kan himte akkayoo isheetti ta'u dubbatti. Isaan booda ture maatiifi hiriyyoota isheef kan bilbilte.
Maatiin ishees qabxii argatteetti gammaduun ''kana caalaa sirraa eegna'' jechuunii dubbatti.
Sa'aadaan mana keessatti dhiibbaa hinqabdu. Maatiin ishee yeroo hunda akka qabxii olaanaa fidduuf akka jajjabeessaniifi haala mijeessaniif himti.
Haala gaariitti kutaa keessatti barnoota hordofuun, yeroo qormaanni qaqqabu fiigurraa jala jalaa qayyabachuu filachuun qabxii gaarii akka fiduuf ishee gargaaruu himti.
''Qormaanni jiraatuus jiraachuu baatus dubbisuun jaaladha. Beekuuf jedheen dubbisa,'' jetti aadaa dubbisuu ishee yoo himtu.
Kana malees kan dubbifte irratti hiriyoota ishee waliin akka mari'attuufi yeroo yerootti ammoo barsiiftoota isaanii akka gaaffatu ibsiti.
Ogummaa wal'aansa fayyaa qo'achuu akka barbaaddu kan dubbattu Sa'aadaan, damee barbaaddu kanaan eebbifamtee hawaasaafi biyya ishee tajaajiluuf hawwii qabaachuu himti.













