Barataa kutaa 12ffaa Naa'ol Ballaxaa: 'Qabxii xiqqaan caalamuus bu'aa dadhabbii kiyyaa argadheera'

Barataa Naa'ol Ballaxaa Adaamaarraa qorumsa kutaa 12ffaan qabxii akka biyyaatti lammaffaa fide
Ibsa waa'ee suuraa, Barataa Naa'ol Ballaxaa Adaamaarraa qorumsa kutaa 12ffaan qabxii 'akka biyyaatti lammaffaa' fide

Barattoonni kutaa 12ffaa qorumsa fudhatan yeroo ammaa qabxii isaanii baruu eegalaniiru. Kanneen keessaa akka biyyaatti qabxiin 700 keessaa olaanaa ta'uun galmaa'e 669 ta'u Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa beeksiseera.

Barataan akka biyyaatti qorumsa kutaa 12ffaa irratti qabxii olaanaa galmeesise eenyuu fi eessaa akka ta'e Eejansiin Qormaata Biyyaalessaa hanga yoonaa hin beeksisne.

Barattoota qormaata sababa koronaavaayirasiin irra deddebbiin as darbaa kenname kanaan qabxii olaanaa kanneen galmeessisan keessaa tokko Naa'ol Ballaxaadha.

"Qabxii xiqqaadhaan caalamus bu'aa dadhabbii kiyyaa argadheera," jedha barataan kun qorumsa kutaa 12ffaa qabxii 665 galmeessuu himuun.

Magaala Adaamaa mana barumsa Excel kan baratu barataa Naa'ol qabxii 665 galmeessisuun barataa akka biyyaatti qabxii olaanaa lammaffaa galmeessise ta'uu hima.

Barataa Naa'ol turtii BBC waliin taasiseen cimee qoo'achuun kiyya qabxii boonsaa akkan galmeessisuuf nagargaareera jedha.

"Iccitiin milkaa'inaa homaa gaaffii hin qabu qo'achuudha. Baayyee baayyee qoo'achuudha. Hiriyoota kiyya wajjin baayyee qo'anna, manattis yeroo kiyya gara caalu qo'annaarrattin dabarsa.

''Kan barannee bira dabarre duubatti deebi'een dubbisaa ture. Milkaaina kiyyaaf kan nagargaare kanuma," jedha.

Qabxii olaanaa galmeessise kanaan duubas deeggarsi namootaa hedduu jiraachuus eera.

"Hunda caalaa maatiin kiyya baayyee na gargaaran. Kitaabotan barbaadu hunda naaf bitu. Garuummoo dhiibbaa narratti hin godhan fedhii kiyyaanin qo'adha.

''Hiriyoonnikoo, barsiisonni mana barumsaa kiyyaas deeggarsiifi dhamaatiin isaanii olaanaa ture," jechuun dubbata.

Barattoonniifi barsiisonni mana barumsaa akkan qabxii olaanaa fidu abdii narraa qabu turani kan jedhu Naa'ol, gaafa qabxii olaanaan baranaa 669 jedhamee ibsamuyyuu 'ati qabxiikee beekte maal eegda' jedhanii natti qoosaa turan jedha.

Akka biyyaatti qabxii afuriin caalamee lammafaa ta'us bu'aa argatetti garuu hedduu gammaduu hima.

"Qabxii xiqqaadhaafin caalame. Qabxiin afur baayyee xiqqaadha. Ta'us qabxiin argadhetti hedduu gammadeera. Waanin waggaa baayyee itti dhama'edha waan ta'eef na gammachiiseera," jedha.

Barsiisonni, hiriyoonnisaa, maatii fi firoonnisaas qabxii inni argate kanaan boonuu isaanii arguun ammoo, gammachuusaa dachaa akka godhes dubbata.

Ji'oota hedduudhaaf sababa koronaavaayirasiitiin barnoonni dhaabbatee mana turuun carraa bal'aa itti qo'atu akka uumeefis BBC'tti himeera.

Naa'ol yunivarsiitii galuun fedhii 'computer engineering' barachuu akka qabuu fi fuula duratti 'software engineer' ta'uu akka barbaadus dubbata.

Mana barumsaa Bultii addaa WMO…

Waggoota darban keessa manneen barnootaa barattoonni qorumsa biyyaalessaa irratti qabxii olaanaa itti galmeesisan keessaa tokko mana barumsaa bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaati.

Bara kanas mana barumsichaa irraa barataa Naa'ol Saamu'eel qabxii 653 galmeessisuun akka biyyaatti sadaffaa ta'uun himama.

Daayireektarri mana barumsichaa obbo Abbabaa Zawudee, mana barumsichaatti bara kana qorumsa kutaa 12ffaatin barattoonni 46 qabxii 600 ol galmeessisaniiru jedhan.

"Qabxii olaanaan bara darbee 649 ture. Kan baranaa 653 dha. Barattoonni 46 qabxii 600 ol fidan. Barattoota waliigalaa barana qoraman 125 keessaa ammoo barattoonni 121 qabxii 500 ol fidan" jedhan.

Rikardiin qabxii qorumsa kutaa 12ffaas barana fooyya'uu fi barattoonni isaanii hamma qophii taasisaa turaniin bu'aa madaalu argachuutti gammaduu himan.