Mukariim Alii Nuur: Barataan yeroo tokkootti digrii lamaan qabxii olaanaan eebbifame maal dhugaa baha?

Mukariim Alii

Madda suuraa, Mukariim Alii

Mukariim Alii Nuur jedhama. Gosa barnootaa lama — Saayinsii Kompitaraafi damee Elektirooniksiidhaan yeroo tokkotti digriisaa Yunvarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaa irraa eebbifame.

Mukariim damee barnootaa lameeniinuu mooraa Yunvarsitichaa keessatti qabxii olaanaa, 3.93, galmeessisuun badhaasa argateera.

Yunvarsiitichatti barataan tokko qabxii fooyya’aa qabaannaan digrii lama al takkaatti barachuu ni danda’a.

Fakkeenyaaf, barattoonni qabxii 3.5 fi isaa ol qaban damee lammataa filachuun barachuu ni danda’u. Digriin lama yoo fudhatu gosti wal-fakkaataa akka tahu ni eeggama. Kana jechuun lakkoofsi koorsii gosa barnootaa waan hir’isuuf waggaa shan keessatti xumuruun ni danda’ama.

Mukariim waliin digrii lamaan kan eebbifaman barattoota 33 dha.

Qabxii ‘B’ isa jalqabaa

Saayinsii Kompitaraa fi Injinariingiitiin yeroo barnootaa (credit hour ) 170 Elektirooniksiifi Koominikeeshinii Injinariingii ammoo yeroo barnootaa 23 fudhachuun barnoota kana waggaa shan keessatti akka xumure dubbata.

Mukariim gosa barnootaa baayyee qabxii A argachuun eebbifame. Qabxiin kiyyaa ‘’B’n lamaafi kaan A fi A- dha,’’ jedha.

Yeroo jalqaba B itti argate hin dagatu. ‘’Yeroo jalqabaaf B kanan argadhe waggaa tokkoffaa seemisteera lammataarratti ture. Barnoota sanaan alatti hundumaa argeen ture. Hunduu A fi A+ turan. Otoo barnooti hafte sun A taatetti tahee 4 fiida tureeyyuu.

Dhiibbaan natti baay’atee A gadi akkaan fiduu danda’u eegeen ture. Yeroon B argadhu waan natti dhagahameef foyyessuufin karoorfadhe yeroos,’’ jedha.

Yeroo hunda gara qormaataa yoon galu waan gaariin yaada kan jedhu Mukariim, ‘’yeroo baayyee shaakala dubbii salphisee ilaaluu qaba. Otoo of hin dhiphisiin dubbisee qormaaticha akkan hojjedhu ofittin amana,’’ jedha.

"Yaadan dubbisuufi beekurrattin xiyyeeffadha jedha. Qormaata jalqabuun dura bu’aansaa gaarii akka tahu amaneen gala."

Qabxii olaanaa galmeesseen waancaa, medaaliyaafi laaptooppii kan badhaafame Mukariim, hunda caalaa garuu kabaji namarraa argate akka isa gammachiisu dubbata.

‘’Kabaja namaa yoon argu qabxii olaanaa akkan galmeesse natti dhagahame, haamilee gaafa argattu sitti tola’’ kan jedhu Mukariim, Yunivarsittichi barnoota maastarsiifis carraa barnoota bilisaa akka kenneef dubbata.

Erga eebbifameen booda waancaasaa qabatee laaptooppii isaa fudhachuuf gara mana yaalii (laboratory) deemee maatiinis wayita bilbilanii kutaa laaboraatoriin jira jennaaniin, '‘guyyaa eebbasaallee ni qo’ata,’’ jedhanii akka yaadan dubbata.

Mukariim Alii

Madda suuraa, Mukariim Alii

Mana kitaabaa badaa hin fayyadamu

Mukariim yeroo baayyee mana kitaabaatti hin qo’atu. Inumaayyuu hojii manaa gareedhaan kennamurratti xiyyeefata.

‘’Doormiitti hiriyyoota koo waliin walgargaarra. Hundi keenya dandeettii mataa keenyaa qabna gatii taheef wal gargaaraa, wal-hubachiisaa waggaa tokkoffaa hanga eebbifamnutti mala gareen qayyabachuu fayyadamaa turre,’’ jedha.

‘’Waan daree keessatti hin hubanne achumattin xumuree gala,’’ jedha. Isaafi hiriyyoonnisaa barattoota isaaniin gad jiraniin barsiisuun caalaatti akka dubbisnu nu gargaareera jedha.

Qabxii olaanaa fiduun waan eebbifameef dhaaboti hojii isa qacaruuf gaafatan jiraatanillee inni garuu barnootasaatti fufuuf yaada akka qabu dubbata.

Feesbuukiirratti qabxiisaa arganii warreen isa jajan akka jiran hima. Kayyoon isaa itti aanu barnootasaan biyya keessaa fi alatti fufuun ogummaasaan hawaasa isaa tajaajiluu dha.

‘’Nuti lammiileen Itoophiyaa akka hawaasaatti rakkoo baayyee qabna. Rakkoolee kanneen beekumsan qabuun furuufi hawaasa fayyaduuf fedhii qaba. Kana gochuuf garuu ofii koo beekumsa gahaa qabaachuu qaba.Kanaafin amma barnootarratti xiyyeffadhe,’’ jedha.

Sooftweerii hawaasa fayyadu kalaquuf yaada qaba. Gama 'artificial intelligence' (hubannoo nam-tocheen) jijjiirama fiduu akka danda’u amana.

ICT’n waggoota shanan darban keessatti dorgomaa akka tureefi kanas Yunivarsiitii Adaamaatti akka jalqabe hima. Gara yunivarsiitiiwwan birootti bal’isuufis yaada qaba.

‘Abbaan koo akkan daldalaa tahu barbaada ture’

Abbaan Mukarram suuqii qabu. Hanga kutaa 12tti yeroo barnootaan alatti suuqii eega ture, abbaansaa daldalatti akka bobba’u barbaadu ture. ‘’Kutaa saddeetiifi sagalfaatti garuu qabxii koo argee barnootatti akkan jabaadhu natti himuu jalqabe,’’ jedha.

‘’Amma garuu maatiin koo gammachuu isaanii ibsuu hin dandeenye. Dhiibbaa isaaniirra darbee kanarra gahuukootti gammadoodha. ‘’Ammas garuu boqonnaaf gaafan mana deemu maatii gargaaruun ijaa natti toluuf suuqii nan eega,’’ jedha.

Yunvarsiitii erga galees namoota gargaaruu waan jaalatuuf barattoota biroo barsiisuun hariiroo gaarii fi michooma akka horate hima. ‘’Namni kaanillee akkana gochuu qaba,’’ jedha.

Barataan baayyee eebba booda hojii ijaa hinarganneef hojii mataasaanii kalaquu qabu jedha.

‘’Qacaramuu eeguu hin qabnu. Beekumsa qabuun maal dalaguu danda’aa? Hawaasni rakkoo attamii qabaa? Carraa attamiitu jiraa? Kan jedhu yoo ilaalle furuufi gara hojiitti geeddaruu dandeenya,’’ jedha.