Qormaatni biyyaalessaa Itoophiyaa kutaa 12ffaa kennamuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Qormaatni biyyaalessaa Itoophiyaa kutaa 12ffaa yeroo garaa garaatti darbaa ture har'aa jalqabee kennamuu eegale.
Qormaanni A.L.I bara 2012 kennamuuf ture sababa weerara koronaavaayirasiin dabarfamus yeroo jedhametti barattoonni hin qoratamne ture.
Sababa kanaaf, hanga ji'a jahaffaa baranaa osoo hin qoramiin turaniiru.
Barattoonni har'a A.L.I Guraandhala 29, 2013 eegale hanga Bitootessa bultii 2, 2013 akka qoraman ministeerri barnootaa beeksiseera.
Gama kaaniin, lola naannoo Tigraayin barattoonni naannicha keessa jiran yunivarsiitota naannicha jiranitti akka qoraman ministeerichi kana dura ibsee ture.
Kanaanis, barattoonni naannichaa Maqalee, Aksuum, Addigraat akkasuma yunivarsiitii Raayyaatti qoramu jedhame.
Kana dura mootummaan qormaanni karaa intarneetaa kennama jedhee ture. Qophiis gochaa ture. Ta'us, boodarra akka hafeefi waraqaan akka qoraman ibse.
Ministirri Barnootaa Dr Getaahun Makuriyaa qormaanni onlaayinii kennamuuf ture sababa koronaavaayirasiin taabileetin gara biyyaa galuu waan hin dandeenyef waraqaan kennuuf murteeffamu himan.
Kana durallee qormaanni waraqaatin kennama ture.
Ministeerri Barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa silaa A.L.I bara 2012 kennamu ji'oota jalqabaa bara 2013 akkasumas xumura baatii Amajjiitti kennuuf yaadee ture.
Ta'us, lola Tigraayitti eegaleeniifi kaaniin yeroo hin beekamnetti akka dheeratu taasifame ture.
Qormaata ammaan barattoonni kutaa 12ffaa qabxii barnoota olaanoo isaan galchu argachuuf qoramu.
Qormaata kutaa 8fi 12'n ala yunivarsiitiiwwan dabalatee sababa weerara koronaavaayirasiin barnoonni ji'oota hedduuf Itoophiyaafi biyyoota addunyaa hedduutti cufaa ture.














