Koronaavaayiras: Itoophiyaa keessatti barnoonni haalduree akkamiin eegalame?

Madda suuraa, Feesbuukii/FDRE Ministry of Education
Manneen barnoota Oromiyaa keessan jiran baatiiwwan Onkololeessaafi Sadaasa keessa deebi’anii akka banaman Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.
Naannicha keessatti manneen barnootaa sadarkaa aanaafi sanaa gadii Onkoloolessa 16, Godinaaleefi bulchiinsa magaalotaa Onkoloolessa 30, magaalota Naannawa Finfinnee keessatti ammoo Sadaasa 15 barumsi ni eegala jechuun Itti-Aanaa Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa BBCtti himaniiru.
“Ta’us garuu barnootni kutaa 8 fi kutaa 12 guutummaa Oromiyaatti bakkuma kamittuu Onkolooleessa 16 eegala,” jedhu.
Murteen kun akka Oromiyaatti kan beeksisifame ta’us ulaagaalee barbaachisoo lafa kaa’aman irratti hundaa’uun murtee manneen barnootaatiin hojiirra ooluu eegala jedhu.
Akka Obbo Efreem jedhanitti ulaagaaleen kun gutamaniirumoo hin guunne kan jedhu adda baasuuf ammoo biroon barnootaa godinaalee hordoffii kan gochaa turan yoo ta’u gartuun kana hordofu tokkos amma hojirra jira.
Wantoota akka ulaagaatti guutamuu qaban jechuun kan ka’aman keessa tokko barattoonni hundi maaskii uffachuu qabu isa jedhu ta’uu Obbo Efreem ibsaniiru.
“Kanaaf ammo maaskii gara miiliyoona 20 Biiroo Barnootaa irraa argannee raabsamaa jira. Barataan tokko maaskii lama ni argata jenne yaadna,” jedhan.
Ulaagaan lammataa, manneen barnoota hundi isaanii bishaan akka argatan gochuu yoo ta’u isaan keessaa %70 kan ta’an argataniiru jedhu.
Manneen barnootaa wantoota qulqullina waliin wal qabatan hunda kan akka maneen fincaaniis ta’e saanitaayizarii guuttachuu irratti akka hojjatan taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Dabalataan ammoo walirraa fagaachuun akka jiraatuuf jecha lakkoofsi barattoota kutaa tokko keessa ta’anii akka hir’isamu Obbo Efreem dubbataniiru.
“Kutaan bal’inni isaa gara metir iskuweerii 56 ta’e barataa 25 akka qabatu taasisuu qabu, yoo ammoo bal’inni kutichaa kanarra xiqqaata ta’e herreguma kanaan barataa akka hir’isan ta'a.”
“Dabaree tokko irratti barataan 1,000 tokko caaluu akka hin qabnee fi barattoonni ammoo fageenya isaanii akka eeggattan,” gochuun ulaagalee ba’an keessa kan jiru ta’uu Obbo Efreem eeraniiru.
Koreen kana hordofu ammoo bulchiinsa gandaa, hoggansaa manaa barumsaa, koreen maatii, waldaan barsiisotaa fi ogeessi fayyaa naannichaa jiru kana irratti akka hirmaataniif ammoo qajeelfamni ka’amee jira jedhu.
Qophii nannolee biroo
Naannoleen Itoophiyaa garaagaraas barnoota eegaluufi itti fufiinsa isaafis qophii ta'uu ibsaniiru.
Hoogganaan Biiroo Barnootaa naannoo Tigraay Dr Gabramasqal Kaahisaay, Ministeera Barnootaarraa deggersa argachuu baannus of-eeggannoo barbaachisu goonee barnoota eegalleerra jedhan.
''Kutaa 12ffaa ulaagaa hunda guutanii eegalanii jiru. Manneen barnootaa kutaa 12ffaa qoran 98, daree tokko keessatti barattoota 25 goonee akka eegalan taasifneerra.
Haala itti barnoota eegalanis koreen pireezidantii Itti aanaa naannoo keenyaa Dr Abraham Takesten durfamu manneen barnootaa sadi daawwateera jedhan Dr Gabramasqal.
Maaskiin Ministeera barnootaa irraa nuuf hin ergamne kan jedhan hooganaan kun, haata'u malee maaskii dhaabbata Tigraay deebisanuu ijaaruu TIMIT irraa argameeni kan barattoonni barnoota eegalan.
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Tigraay Dr Yiliqaal Kaffaaloo gamasaaniin, manneen barnootaa hunda keessatti ta'uu baatus manneen barnootaa muraasni baruu fi barsiisuutti deebi'uu himan.
''Manneen barnootaa barattoota kutaa 12ffaa fi 8ffaa qoran dursanii eegalaniiru'' jedhan.
Manneen barnootaa yaaddoo fi sodaa dhibee Covid-19'f cufamanii turan haal-dureewwan of-eeggannoo koronaavaayirasiif barbaachisan dursanii itti qophaa'uun barnoota eegalaniiru jedhan.
Of-eeggannoo koronaavaayirasiif meeshaaleen barbaachisan mootummaadhaan manneen barnootaaf dhiyaatu kan jedhan hoogganaan kun garuu meeshaaleen kunneen manneen barnoota hunda hin geenye jedhan.
Bakka harki mootummaa hin geenyetti maatiin barattootaa maaskii fi saanitaayizarii barattootaaf guutaa jiraachuu kan himan Dr Yiliqaal, teessuma tokkorra barataan tokko akka taa'ee baratu gooneerra jedhan.
Barattoonni fageenya isaanii eeggatanii akka socho'an akkasumas bishaan manneen barnootaa keessa akka galan gochuudhaan of-eeggannoodhaan eegalle jedhan.
Barsiisotaaf addatti leenjiin kenname jiraachuu baatus qajeelfamoota of-eeggannoo Covid-19'f godhamurratti garuu mari'ataniiru jedhan.
Yeroo ammaa yoo xiqqaate namni tokko mana barnootaa bakka bu'ee akka barnoota of-eeggannoo Covid-19 kennu ni goona jedhan.













