'Barnoota Sirna Gadaa eegaluuf hayyama eenyuuyyuu hin barbaachisu' Biiroo Barnoota Finfinnee

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasummaa
Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee barnoota Sirna Gadaa akka gosa barnootaa tokkootti kennuuf qophaa'aa jiraachuusaa himeera. Sirna Gadaa barsiisuu eegaluuf hayyama eenyuuyyuu hin barbaadu jedheera.
Manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa magalaa Finfinnee hunda keessatti Sirna Gadaa akka gosa barnootaa tokkootti barsiisuun eegalamuuf jechuun kan tibbana dubbatamaa jiru garuu dogoggora jedhe Biiroon kun.
Hambaa Killiyya Addunyaa jedhamuun Onkololessa bara 2016'tti UNESCON'n kan galmaa'e Sirni Gadaa, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti, ALI bara 2013 irraa eegalee ni kennama oduun jedhu torbee darbe gara dhumaa erga dhagahamee dubbii ijoo miidiyaalee ta'eera.
Yaada kana gariin nama fedha malee hawaasa barnooticha hin feenerratti fe'uudha jechuun mormanii kaan ammoo yaada kana deeggaruun gammachuu isanii ibsaa turan.
Manneen barnootaa hunda ilaallataa?
Hoogganaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kan ta'an Obbo Zalaalam Mulaatuu, odeeffannoo kana haalaan osooo hin hubatiin miidiyaaleefi namootni dhuunfaa odeeffannicha dogoggoraan hafarsaniiru jedhan.
''Yaada finxaalessummaan namootni tokko tokkoofi miidiyaaleen fiixee qabatanii maalidhaa, eenyuuf kennama kan jedhu osoo hin hubatiinifii hin gaafatiin hafarsaa tureera.
Barnootni kun kanneen Afaan Oromoon barataniif qofa kan kennamu malee akka qaamoleen tokko tokko jedhanitti barattoota biroorratti kan fe'ameefi humnaan sirna barnootaa kennamu akka ta'eetti ilaalamuu hin qabu jedhan.
Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa Afaan Oromoon barsiisan keessatti qofa Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galee akka gosa barnootaa tokkootti akka kennamu murtaa'e malee manneen barnootaa hunda hin ilaallatuu jedhan Obbo Zalaalam.
''Barnooti kun ilmaan maatii Oromootiif kennama. Afaan isaanii warra Afaan Oromoon hiikkattanii hanga kutaa saddeetiittis Afaan Oromoon warra barachaa jiraniidha.
Gaaffiin barnootaa ijoollee kanaa deebi'uuf, gaaffii sirrii waan ta'eef hayyama qaama biraa argachuu barbaachisa jennee hin yaadnu.''
Gaaffiin kun kan barattoota Afaan Oromoon baratanii ture kan jedhan Obbo Zalaalam, ''Barootaaf deebii osoo hin argatiin turee erga jijjiiramni kun dhufee barattootni 48,000 ol Finfinnee keessatti Afaan Oromon barachaa jiru.
Sirna Gadaan Hambaa Killiya aadunyaa erga ta'ee galmaa'ee booda akka gosa barnootaa tokkootti akka kennamu irra deddeebiin ka'aa ture,'' jedhan.
'Sirna Gadaa barsiisuu eegaluuf hayyama eenyuuyyuu hin barbaachisu'
Magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoon barsiisuun erga jijiiramni hooggansaa dhufee booda waggaa lamaan darban itti fufee jira kan jedhan Obbo Zalaalam, gaaffiin Sirna Gadaa sirna barnootaa keessa galchuun akka baratamu gochuu ergasii ka'ee gaaffii sirrii waan ta'eef hayyama eenyuuyyuu osoo hin gaafatiin hojiirra ooluu qaba amantaa jedhuun qophiin godhamaa akka ture dubbatan.
''Haala amma jiruun qorannoo sirna barnotaa keenya xumurreerra. Hojiin gosa barnootaa kana dhugoomsuu xumurameera.
Amma gara kitaabotaafi qabiyyee kitaabaatti galameera. Kun erga xumuramee boda barattootni hanga baruuf barsiisuutti deebi'annitti qophiiiwwan biroo hafan xumuruuf haalli nu dandeessisu jira jennee yaadna,'' jedhan.
Weerara koronaavaayirasii haala ilaalcha keessa galcheen hojiin baruuf barsiisuu yeroo deebi'ee eegalu barnootni Sirna Gadaa qophii isaa xumuree kenamuu jalqaba jedhanii akka abdatanis Obbo Zalaalam himaniiru.
Sirni Gadaa kan Oromoo, Afriikaa, Addunyaa...
Sirni Gadaa Hambaa Killiyya Addunyaa ta'ee UNISCO'n kan galmaa'e ta'uu isaan walqabatee sirni kun hambaa Oromoon qofti irraa baratu qofa akka ta'u maaliif ta'e, sadarkaa barnootaa garaagaraatti barattoota ijoollee Oromoo hin taaneef kennamuun hin fayyaduu jennee Obbo Zalaalamiif gaaffii dhiyeessineef akkas jedhan.
''Haala qabatamaa amma keesssa jirruun haawaasa Itoophiyaa keessa, keessumaa naannoo beektootaatti dhimmootni waliigalteen irra hin gahamne hedduun jiru.
Yaadni ka'e kun kan Oromoo qofaa osoo hin taane kan hunda keenyaati. Kan keenya qofa miti kan Afrikaati, kan Afrikaa qofa miti kan addunyaati.
Dimokirasii isa zamana [hammayyaa] kanaa waliin akkamiin walitti hidhamee dema? Maaltu irraa fudhatamuu danda'a kan jedhu fuula duratti adeemsaan qorannoon, mariifi falmiin irratti gaggeefamee yeroosaa eeggatee ajandaa ta'uu danda'a ta'a.
Haata'u malee, xiinsammuu amma jiruun dhimma kana akka amma jennuun hubachuuf dammaqini uumameera jedhee hin yaadu, nu hafa,'' jedhan.
















