Sirna Gadaa Oromoo: Yunivarsiitiin Bulee Horaa bara 2013'tti Sirna Gadaa sadarkaa PhD'n barsiisuu jalqabuufi

Jaarollee Gujii tartibaan jila yaa'an

Madda suuraa, Social Media

Yunivarsiitiin Bulee Horaa barnoota Sirna Gadaa sadarkaa digirii lammaffaatin jalqabe irratti dabaluun, bara 2013'tti sadarkaa PhD barsiisuu jalqabuuf.

Yunvarsiitichi waggaa sadiin dura instituutii qorannoo sirna Gadaa fi Aadaa hundeessuun, Sirni Gadaa bifa saayinsawaa ta'een qoratamee akka dagaaguuf hojii kan jalqabe.

Daayirektarri Inistituutii kanaa Obbo Ayyalaa Kabbadaa BBC'tti akka himanitti yunvarsiitichi bara darberraa eegaluun yeroo Jalqabaatiif barattoota 11 digirii lammeessoo sirna Gadaafi Bulchiinsaatiin barsiisaa jira.

Bara barnoota itti aanurraa ammoo Sirna Gadaa barnoota digrii 3ffaa (PhD) dhaan barsiisuuf qophii xumuraa jiraachuu himan.

"Ji'a lamaan dura hayyoota yunvarsiitii Finfinnee fi Bulee Horaa waliin ta'uun kaarikulamii isaa qopheesine.

Kanaafis qorannoon fedhii, gulaalliin keessoo fi alaa taasifameera.

Yaadota irratti kennaman sirreesinee boordii Yunvarsiitichaatin mirkanaa'utu nuhafa," jedhan.

Hojiiwwan muraasni hafan akkuma xumurameen sagantaan PhD kanaan bara dhufu jalqabarratti barumsa kennuu akka jalqabanis himaniiru.

Yunvarsiitiin Bulee Horaa naannoo hawaasa sirna Gadaatiin buluu fi sirni Gadaa duudhaasaa eegee itti adeemsfamu keessa waan jiruufis baruu fi barsiisuu akkasumas qorannoodhaaf haala mijataa akka qabus eeran.

"Nama asitti waa'ee sirna Gadaa kana baratuu fi qoratuuf waan hundi asuma dhihoo jira. Abbootiin Gadaa, Yuubni, Hayyuun gulantaan Gadaa hunduu asuma jira.kanaafuu haala mijataa qabna" jedhan.

Gulantaan branootaa sirna gadaa irratti kennamu kuni dhalootuma sirna Gadaa kana maddisiisee fi beekumsa sirnichaa qabaniin akka qoratamuuf carraa kan uumu waan ta'eef sirna Gadaa hambaa addunyaa ta'e kana caalaatti beeksisuuf carraa gaarii kan uumudhas jedhan Obbo Ayyalaan.

Saganticha banuuf qorannoo fedhii taasifameenis namootni sagantaa Kanaan barachuuf fedhii guddaan jiraachuun mirkanaa'us himan.

Gama kaaniin, Sirni Gadaa barnoota idilee keessatti kennuun danda'amurratti koreen hayyootaa hundaa'ee hojjechaa jiraachuu, hoogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa obboo Kabbadaa Deessisaa OBNtti himan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Sirna baalli dabarsuu abbootii gadaa

Waa'ee sirna Gadaa kana beektuu?

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan Oromoo hamma gaafa dulloomee du'uutti hawaasa keessatti bakkaa fi qoodama dalagaa qabaata.

Gogeessa Gadaa

Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u, isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna saddeet saddeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamu (gabatee ilaali).

Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jiruutiini. Kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.

Baallii walharkaa fuuchuu

Gadaan waggaa saddeet saddetiin naanna'a. Abbaan Gadaa tokko waggaa saddeet irraa guyyaa tokkollee dabarsuu hin danda'u, aadmalee.

Dhaloonni oromoo sirna gadaatiin bulu yeroo hunda gadaa keeessa jira. Gulantaa irra jirurratti mirgaa fi dirqama aangoon gadaa kenneef hojiitti hiika namni hunduu.

Baallii walharkaa fuuchuu jechuun egaa gulantaa sirna gadaa tokkorraa kan itti aanuutti ce'uu jechuudha. Haala Kanaan namni raaba doorii keessa ga'umsaan darbe gadaa ta'ee aangoo abbaa gadaarraa fudhata.

Oromiyaa bakka garaa garaatti jilli gadaa fardaan ba'ee guyyaadhaan baallii walitti dabarsa. Boorna keessatti sirni kun halkan walakkaa raawwatama. Yeroo jilli gadaa fardeen torbaan baalli fuuchuuf ba'an nama dhiisii simbirruu dura darbuun aadmalee.