'Gadaan kan baratamu qofa osoo hin taane kan itti guddatan'

Jaarsolii biyyaa fi Abbaa Gadaa Gujii

Jiruufi jireenya ummata Oromoo keessatti duudhaa hangafaa kan ta'e Sirni Gadaa dhiibbaa amantiifi siyaasaatiin waggoota dheeraaf laafee erga turee booda dhiyeenya kana deebi'ee haaromaa jira.

Erga Gadaan akka hambaa killayaatti UNESCO irratti galmaa'ee dhaabbileen barnootaa olaanoofi dameen aadaafi tuurizimii Gadaa guddisuurratti xiyyeeffatanii akka hojjetan wayita beeksisan dhageenya.

Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Sirna Gadaa barsiisuufi guddisuurratti xiyyeeffatan keessaa tokko Yuniversitii Bulee Horaati.

Pirezidaantiin Yuniversitichaa Dr. Caalaa Waataa ergamoonni hawaasa naannoo guddisuun qabatanii deemuu Yuniversitootaaf akkuma kennamee jiru, Yuniversitiin Bulee Horaas Sirna Gadaa guddisuun qabatee gara fuulduraatti fulla'uuf karoorfatee hojjetaa jira jedhan.

''Yuniversitoonni biyyattii hundi ergama qo'annoofi qorannoo, akkasumas tajaajila hawaasaa irratti xiyyeeffatanii hojjetan qabu.

Yuniversitiin keenyas ergama qabatee hojjechaa jiru keessaa inni hangafaa duudhaa Sirna Gadaa qo'achuufi barsiisuudha.

Inumaa Yunivarsitiin Bulee Horaa Sirna Gadaa qabatee ittiin beekamuuf hojjechaa jira. Giddu gala qo'annoofi qorannoo Sirna Gadaa ta'uuf kaayyoo qabna.''

Yuniversitiin Bulee Horaa barnoota waa'ee Sirna Gadaa sadarkaa digirii jalqabaa hanga digirii sadaffaa (PhD)tti kennuuf jalqabbiirra jiraachuufi hojii kanarratti akka xiyyeeffatanis dubbatu Dr. Caalaan.

"Barnoota Sirna Gadaa kennuuf wayita karoorfanne sadarkaa lamatti qoodnee kennuuf yaadne. Inni jalqabaa barataan digirii jalqabaa hunduu koorsii bu'uuraa waa'ee Sirna Gadaa akka baratu gochuu ture.

Amma barataan digirii jalqabaa hunduu koorsii bu'uuraa 'Introduction to Gada System' ni fudhata.

Sadarkaa digirii lammaffaa(Masters)ttis kennuu eegalleerra. Digirii sadaffaa(PhD) eegaluufis karoora qabna," jedhan.

Yaadrimeen Sirna Gadaa irra jireessaan nageenya labsuurratti xiyyeeffata waan ta'eef sadarkaa mastersiitti muummee barnootaa ''Gadaa fi Nageenya(Gadaa and Peace Study) jedhamuun barsiisuu eegaluusaanii dubbatan, Dr. Caalaan.

Akkamiin barsiisu?

Yuniversitichi barnoota Sirna Gadaa wayita jalqabu hawaasa Sirna Gadaan bulu keessatti argamuusaa akka carraa guddaatti fayyadameeti jedhan, Dr. Caalaan.

"Barnoota Sirna Gadaa barsiisuuf hayyoota waa'e qorannoo hawaasaa (damee Antirooppooloojii) akkaan beekaniifi kanneen waa'ee Gadaa haalaan qoratanitti fayyadamneerra. Hunda caalaa garuu hawaasa keessa jirru abdaneeti hojii kana eeggalle," jedhan.

Yuniversitiin Bulee Horaa godinaalee Kibba Oromiyaa Gujiifi Boorana keessa waan jiruuf hawaasa Gadaan bulu gidduu taa'ee kaayyoo eegale milkeessuun waan itti ulfaatu mitis jedhan.

"Sirna Gadaa wayita barsiisnu yaa'ii Gadaa hunda hirmaachisuudhaani. Waa'een Gadaa bu'uurumarraa akka hubatamuuf warra Gadaa harkaa qaban keessa seenuudhaan irraa baranna. Waa'ee Gadaa barsiisuuf Yuniversitii keenya caalaa kan carraa qabu hin jiru."

"Hayyoonni Yunivarsitichatti waa'ee Gadaa barsiisuuf ramadaman barnoota saayinsii addunyaa warra beekan qofa osoo hin taane kanneen Gadaatti jiraatanii beekaniidha.

Duudhaa Oromummaa kan sirriitti beekaniifi kabajan kan ofii isaaniitiis Oromoo ta'aniidha,'' jedhan Dr. Caalaan.

Mana Maree Gorsitootaa Yuniversitichaa

Barnooti waa'ee sirna gadaa kennuu eegalan akka milkaa'uuf hawaasa naannoo waliin qindoominaan hojjetaa akka jiran dubbatan Dr. Caalaan.

"Yuniversitii keenya waa'ee Gadaarratti kan gorsan Mana Maree Gorsitoota Sirna Gadaa jennee hundeessinee jirra.

Manni maree kun caasaa Gadaa hunda kan of keessatti hammateedha. Abbootiin Gadaa, Kuusi, Raabaa Dooriin, Yuubi hunduu muuxannoo nuuf qoodu, nu barsiisu. Isaan waliin waan hojjennuuf salphaatti milkaa'uu dandeenya."

Maanguddoo biyyaafi dargaggoota, akkasumas hayyoota waa'ee duudhaa Sirna Gadaa haalaan beekan hirmaachisuudhaan hojjetaa jiraachuus ibsaniiru.

Namoonni Sirna Gadaa Qoratan maal jedhu?

Barnoonni Sirna Gadaa kun sadarkaa Yuniversitiitti kennamullee garuu Gadaa barachuuf barnoonni dareetti kennamu quubsaa ta'uu hin danda'u jedhu hayyoonni Sirna Gadaa qoratan.

Aab Iyyaasuu Bayyaasaa qorataa Sirna Gadaati, Gadaa Gujii keessatti yeroo dheeraaf hirmaachuudhaan qorannoo geggeessaa turan.

Yaadrimeen Gadaa yoo keessa jiraatanii argan malee barnoota dareetiin salphaatti kan hubatamu miti jedhu.

"Gadaan keessa jiraatanii shaakaluudhaan baratama. Yaadrimeen isaa walxaxaadha. Caasaa isaa dakaa hanga gubbaatti keessa bubbuluun ilaaluu feesisa.

Yoo xiqqaate luba tokko keessa jiraachuun dirqama. Marsaa guutuu baallii tokkoo jechuudha. Akkas yoo hin taane waan hin beekne barsiisuu taati. Nama dogoggorsiisuu ta'a."

Addunyaarratti sirnoonni hawaas diinagdeefi siyaasaa kan ganamaa bakka garaagaraa jiraachuun akkuma barnoota seenaa keessatti barataman kan Oromoos haala kanaan barsiisuun jalqabbii gaariidha jedhu Aab Iyyaasuun.

Garuu dursa uummata Oromoo abbaa sirnichaa ta'e keessatti bu'uureffamuu qaba jedhan.

"Uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa hunda keessatti Gadaasaatti deebi'uuf jalqaba walta'uu qaba. Dhugaatti deebi'uu qaba.

Walirraa barachuufi waldhaga'uu qaba. Yoo akkas hin taane Gadaa tokko jalatti ummata kana mataa walitti qabuun ni ulfaata," yaaddoo jedhu qabu.

"Ummanni Oromoo akkuma quubsumni jireenyaa isaa gargar fagaatu duudhaan jireenyaa isaa walirraa fagaataa deemaara.

Hedduun duudhaa Sirna Gadaa ganamaa dagatee gara siyaasa ammayyaatti goreera. Kanaafuu ammas taanaan Oromoon gurmuu tokko jalatti hin dhufu taanaan rakkisaadha. Oromoon hundi gumii tokkorratti walarguun waliin dubbachuu qaba," jedhan.

Gadaan warra Gadaatti jiraaturraa baratama

Hayyuun Antirooppooloojii Dr. Gammachuu Magarsaa waggoota hedduuf waa'ee Sirna Gadaa qorataa turan Gadaan Sirna mana barumsaatti barachuudhaan hubatamu qofa osoo hin taane keessa jiraatanii shaakaluudhaan baratamuu danda'a jedhan.

"Gadaan waan keessa jiraatanii shaakalaa barataniidha malee waan barreeffamee dubbisanii hubatan miti.

Utuu Gadaa haala kanaan hin hubatiin Gadaa barsiisuuf yaaluun Gadaa sana guddisuu caalaa quucarsuutti nama geessuu danda'a.

Gadaan jiruufi jireenya Oromoo keessa jira, achii baratama. Kanaachi Gadaan bakka biraadhaa baratamu hin jiru."

Dhaabbilee barnootaa olaanoo kanneen akka Yunivarsitii Bulee Horaa keessatti barnoonni waa'ee Gadaa kennamuu eegaluun yoo hawaasa keessaa sirnichi bu'uura hin qabne bu'aa hin qabu jedhu, Dr. Gammachuun.

"Sirna Gadaa addatti luqqisnee hawaasa keessaa baasnee dhaabbata mootummaa keessatti barsiisuu eegaluurra hawaasuma abbaa sirnichaa ta'e keessatti cimee akka barsiifamu, achirraa akka dagaagaa deemu gochuutu furmaata."

Sirni Gadaa ni bade osoo hin taane barumsi argaa dhageettii waan adda citeef laafee ture kan jedhan Dr. Gammachuun, iddoo sirni kun hojiirra oolaa jirurraa barachuudhaan Oromoon hundi duudhaasaatti deebi'uuf abdiin jira jedhan.

"Oromoon waa'ee Gadaasaa baree ittiin akka jiraatu gochuun halkan tokkotti waan raawwatu miti. Dhaloota itti guddisuu gaafata.

Hamma afaan, aadaa, seenaan Oromoo jirutti Gadaan hin badu. Gaddan ni laafe malee hin badu. Dhaloonni amma Gadaasaatti fedhii guddaa qaba. Kanaafuu bakka Gadaan hojiirra oolaa jirurraa hayyoota fuutee bakka gadaan laafe qubachiisuun akka barsiisan gochuun ni danda'ama. Gadaan warra Gadaatti jiraaturraa baratama.''

Sirna Gadaa akka sirna bulchiinsa ammayyaatti

Oromoon gurmuu tokko jalatti Sirna Gadaatiin buluuf duudhaasaa ganamaatti deebi'uu qaba kan jedhan Aab Iyyaasuun, haala amma jiruun namni hundi dallaya Sirna Gadaa keessa galee waan hin jirreef gara tokkotti fiduun yeroofi kutannoo gaafata jedhan.

"Ummaanni Oromoo dur wayita Gadaan bulaa ture akkaataa caaseffama naannoo isaatiin sirna isaa geggeeffataa ture.

Erga argaa dhageettiin isaa addaan citee garuu Oromoon Gadaa gatee waan biraa keessa seeneera.

Siyaasa biraa keessa seeneera. Ilmaan Oromoo waa'ee Gadaa dhiisanii barnoota ammayyaa keessa seenaniiru. Kana hundayyuu sirreessuuf namni gara moonaa tokkoo dhufuu qaba," jedhan.

"Ummanni Oromoo yaadrimeewwan siyaasaafi barnootaa guyyaa keessa dhufaniin mo'atamee asiifi achi raafamuu dhiisuu yoo caayaa tokko jalatti walitti dhufe duudhaasaa ganamaa kan ta'e Sirni Gadaa, sirni dhugaa ofiinuu isa bulchuu danda'a."

Hayyuun Antirooppooloojii Dr. Gammachuu Magarsaa gamasaaniitiin ummanni Oromoo Sirna Gadaa tokko jalatti buluuf kan irraa eegamu caasaa Sirna Gadaa jiru haaressuu qofa jedhan.

"Oromoon gaaddisa tokko jalatti Sirna Gadaatti buluuf caasaa mijataa qaba. Gadaan Oromoo shanan kan Ituu Humbannaa, Kan Sabboo Goonaa, kan Maccaa Tuulamaa, kan Raayyaa Aseeboo fi kan Sikkoo Mandoo hundinuu caasaa ifa ta'e qabu.

Giddu galattimmoo qe'ee abbaa muudaa jalatti walga'u. Gadaan shananuu bakka bu'oota ergachuun seera waloo baafatu. Achii booda seera ba'e qabatanii gara Gadaa isaanii deemanii hojiirra oolchu.

Kun hanga balbalaatti gadi bu'a. Oromoon haala kanaan bulaa ture. Caasaan sun ammallee jira. Caasaa kana cimsinaan Oromoon Gadaa jalatti buluuf wanti itti cimu hin jiru."

Gadaan hunduu haala walfakkaatuun caasaa hanga godaatti qaba kan jedhan Dr. Gammachuun, Gadaawwan shananuu of jalaa Dheeda qabu, dheeda jala Reeratu jira, Reera jala Ollaatu jira ,Ollaa jala Shanachatu jira, Shanacha jala Warratu jira. Akka kanaan qindaa'ee bulaa ture Oromoon jechuun ibsu.

"Har'as taanaan fedhiinsaa jiraannaan caasaadhuma kana akka dhaabbataatti cimsanii ijaaruudhaan ammayyeessanii ittiin buluun ni danda'ama."