Itoophiyaan uggura ji'oota torbaa booda manneen barnootaa bante

Madda suuraa, DEA / C. SAPPA
Sababa weerara Covid-19'f jecha ji'oota torbaaf cufamanii kan turan manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa kuma 17 ol har'aa barnoota eegalamaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad har'a Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataarratti gaaffii dhimma kana ilaallatee isaaniif dhiyaate yoo deebisan, of eeggannoo barbaachisaa hunda gochuun barattoota barnootatti deebisuun sirri ta'uu haman.
Kanaafiis qophiin gahaan godhamaa akka jiru dubbatan.
Afrikaa keessatti biyyoota muraasan alatti biyyoota hedduutti barattootni barnootatti deebi'uu ibsanii bu'uurri badhaadhina Itoophiyaa inveestimeentii nama irratti gaggeeffamuudha jedhaniiru.
''Bara kana Koronaa ofirraa ittisaa barattoota barsiisuu itti fufuu qabnaa'' jedhaniiru.
Ministeera Barnootaatti daayireektarri Fooyya'insa Manneen Barnootaa obbo Yohaannis Wagaassoo, manneen barnootaa naannoo baadiyyaa jiran 17, 154 har'a baruufi barsiisuutti deebi'uu miidiyaa biyyaalessaa EBC'tti himan.
Manneen barnootaa har'a eegalan kun ofeeggannoowwan barbaachisoo gochuun kanneen qophii gahaa godhaniifi harki caalaan isaanii naannoo baadiyyaa jiran ta'uus ibsaniiru.
Mootummaan manneen barnootaa ji'oota torba booda deebisee banuuf qophii taasise keessaa daree dabalataa qopheessuun lakkoofsa barattootaa daree tokko keessatti argamanii xiqqeessuu, haguugduu afaaniifi funyaanii raabsuu fi barnoota dabaree sadiin gochuun ni eeramu.
Manneen barnootaa har'a eegalaniifi kanneen qophiitti jiran kaaniifis maaskiin miiliyoona 10.7 ta'u raabsamuus obbo Yohaannis himaniiru.
Itoophiyaan mannee barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaaffaa hanga walakkeessaa ji'a sadaassaatti sadarkaa sadarkaan banuuf jetti.
Mootummaan qophiiwwan ofeeggannoo gochuun barattoota manneen barnootaatti deebisuuf murteessuus lakkoofsi namoota guyyuu vaayirasichaan qabamaa jiranii ammas hedduu gadi bu'aa hin jiru.
Guyyoota shanan darbe qofaa gidduugaleessaan guyyaa tokkotti namoota 659 irratti vaayirasichi argameera.
Sababa kanaattis maatiin daa'imman isaanii mana barnootaatti deebisuuf yaaddoo qabu.
Ministirri muummee ammoo Covi-19'f saaxilamummaa guddaa kan qaban daa'immaniif dargaggoota osoo hin taane kanneen umriin isaanii siqee jiru waan ta'eef barattootni warra isaaniif jecha ofeeggachuu akka qaban dubbatan.
Dhaabbileen baranootaa olaanoos torbanoota dhufan keessatti barattoota eebbifamuuf waggaan tokko isaan hafe jalqaba waamuun dabaree dabareen baruuf barsiisuutti deebi'uuf qophii xumuraa jiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














