Itoophiya: Manneen barnootaa deebiisanii banuuf qophiin taasifaman maal?

Baratoonni oso baratanu

Madda suuraa, DEA / C. SAPPA

Manneen barnootaa sababii Covid-19n baatiiwwan torba darbaniif cufamee ture amma akka deebiisanii eegalaniif galmeen gaggeefameera. Ofii manneen barnootaa akka banaman wayita jedhamu qophiileen taasifaman maal fa'i? Ministeera Barnootaa dubbifneerra.

Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa biyyattiitti argaman hundaaf meeshaalee ittisa Covid-19 dhiyeessuuf ta'uu BBC odeeffateera.

Waajjira Ministeerichaatti Daarektarri Daarektoreetii Dhimmota Komunikeeshinii kan ta'an Harag Maamoo BBC'tti akka hianiitti, waajjirrisaanii manneen barnoota guutuu biyyaatti argamaniif maaskii, meeshaa safatuu ho'a qaamaafi kanneen qulqullinni ittiin eegamu dhiyeessuuf qopheessaa jira.

Manneen barnootaa malawwan ittisa Covid-19 kana dura hojiirra olfaman hunda raawwachuuf dirqama qabaatus jedhan.

Akka raga waajjiri Ministeerichaa torban darbe baaseetti, qormaanni biyyaaleessaa kutaa 8ffii ALI Sadaasa 22 fi 23 kennama.

Haluma walfakkaatunis qormaanni kutaa 12 Sadaasa 28 hanga Muddee 1, bara 2-13tti akka kennamu ibsameera.

Qormaannis ta'e galmeen kutaa 12 kan raawwatu karaa onlaayinitiin ta'uu kan ibsame yoo ta'u, biyyattii keessatti bakkeewwan garaa garaatti manneen barnootaa filataman waan jiraniif adda cicituun intarneetii akka hin mudannee hojiiwwan hojatamaa jiraachuu ibsan.

Gama teeknolojiitiin qormaata kutaa 12 kennuurratti rakkinni nu mudata jennee hin yaadnu kan jedhan Daarektarri Daarektoreetii tun, haala konneekshinii intarneetii ilaalatuun Ministeerichi hojii hojjataa jiraachuu dubatti.

Naannoolee tokko tokko keessatti barattoonni qormaata kutaa 12ffaatiif wayita qophaa'aniitti karaawwan adda addaatiin deeggarsa argataa kan turna jiraachusaanii yaadachuun, qormaatichi attamiin barattoota hunda haala walfakkaataan madaaluu danda'a gaaffiin jedhu dhiyaateefiira.

Kanaafis deebii kennaniin, qormaatni wayita baafamu haala hunda hammatuutti qophaa'uu himanii, ''keessattuu haala barattoota baadiyaa jiddu gala taasifateen kan bahu ta'a'' jechuu deebiisaniiru itti gaafatamtuun kun.

Barattoonni akka qophaa'aniif guyyaan 45 jiraachu kan himan ittigaafatamtuun kun, dhimmi dursaa hojii qor-qalbii barattootaa fi mana barnootaa walitti fiduuti jedhan. Haaluma kanaanis barnooti hinhaguugamiin, kanneen keessa hindeebii'amaniifi hojiiwwan bakka hafe gutuu akka hojjataman dubbatu.

Haalli adeemsa baniinsa manneen barnoota bara barnootaa 2013tti marsaa sadiin kan gaggeeffamu yoo ta'u, marsaan jalqabaa manneen barnootaa aanaaleefi gandoota magaalootatti argaman akka eegalamn taasisauudha.

Marsaa lammaffaatti ammo manneen barnootaa magaaloota godinaaleefi naannootti argaman hundi akka eegalan taasisuu yoo ta'u, marsaa sadaffaatti ammo manneen barnootaa Magaalaa Finfinneefi naannawa isheetti argaman hundi akka eegalaniif yaadni dhiyaachu himti ittigaafatamtuun tun.

Sababii manneen barnootaa itti marsaa sadiin akka eegaan taasifamee kanas yoo dubbatan, naannoolee tatamsa'inni vaayirasii itti baayyatee mullatuutti manneen barnootaa kan saaqaman marsaa sadaffaatti jedhaniiru.

Kun haaluma ragaa Ministeera Fayyaa irraa argataniin ta'u dabaluun himan.

Ministeerichis osoo yaada kana hindhiyeessiin dura naannoolee hir'inaafi dhiphinni daree keessatti mul'atu bu'ee erga qorateen booda, akkasumas odeeffannoo naannooleen kennan irratti hundaa'uun bakkeewwan barattoonni walitti baayyachuun barataniitti, barnoonni shiftiin akka ta'u murtaa'u himti.

Kutaa tokko keessatti barattoota 20-25 qofti akkabaratan yaadamuun shiftiin karoorfamu kan dubbatan Harag, shiftii barattoota simachuun alattis haalli kenniinsa barnootaas guyyaan qoodamuun kan kennamu ta'u himan.

Barattoonni 20-25 qofti kutaa tokko keessatti akka baratamn kan karoorfamees dhaabbilee dhiheenya manneen barnootaatti argaman tokko tokko hubannoo keessa galchuun ta'ulleen dambaluun BBCtti himte ittigaafatamtuun tun.

Bakka dhaabbilee biraa dhiheenya manneen barnootaatti hinargamneetti ammo dahannoo yeroo ijaaruun achi keessatti akka barataniif yaadni dhiyaachu dubbatu.

Gama barsiistoota ilaallattuunis bakkeewwan hir'anni barsistootaa jirtuutti tola ooltootaafi barsiistota soorama bahaniitti fayyadamuun, tajaajila akka keennaniif yaadamu ibsaniiru.

Haata'u malee manneen barnootaa tokko tokko keessatti osoo barsiistoota dabalataa hinbarbaachiifnee kanneenuma jiranii haalli itti danda'amurratti Waajirichi raga qabaachus ni himu.

Barsiissaa kamiyyuu kutaa barnootaa qabachu qabu caalaa hin kennamuuf kan jedhan itti gaafatamtuun tun, bakka basiistoota jiraniin barsiisuun hin danda'amneetti tola ooltootaaf waamichi kan taasifamu ta'usaafi barsiiftoonni yeroon eebbaasaanii qaqabee ammoo atattammaan eebbifamuun gara hojiitti akka seenan ni taasifamas jedhan.

Baatiiwwan turban barattoonni sababii Covid-19 barnoota irraa fagaachuun mana keessa turaniittis miidhaawwan akka heeruma umurii malee, miidhaawwan saalaa akkasumas kan qor-qalbiitiif saaxilamaa turusaanii Harag ni himu.

Kanaafuu barattoonni akkasi kunneen bara barnootaa kanatti gara barnootaatti akka deebii'an tasiisuuf waajjiraalee barnoota naannoolee waliin waliigaltee irra gahamu himan.

Tarii erga barnoonni eegalameen bodoa barattoonniifi barsiiftoonni mallattooleen Covid-19 irratti argame yoo jiraatan ammoo, manneen barnootaa waldaalee barsiiftootaa, waajiraalee barnootaa, dhaabbilee fayyaafi gamtaa maatii waliin kan hojjatan ta'u himan.

Haalawwan kana dura Covid-19 ittisuuf raawwatamaa turan hundis hojiirra kan oolfaman ta'uu dubbattee jirti.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa