Rakkoolee manneen barnootaa Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee

Mana barumsaa Afaan Oromoo
Ibsa waa'ee suuraa, Mana barumsaa Afaan Oromoo janaraal Taaddasaa Birruu Finfinnee Gullalleetti ijaarame

Maatiifi barsiisonni mana barumsaa Afaan Oromootiin Finfinneetti baratanii daree barnootaa ga'aafi meeshaa barnootaa dhabuudhaan ijoolleen boodatti hafuu ykn barnoota qulqullina qabu argachaa hin jiran jechuun dubbatu.

Obbo Mohaammed Gammachuu warra ijoollee isaanii Mana Barumsaa Gaara Guuriitti barsiifatan keessaa tokko.

Akka Mohaammed jedhutti, barattoonni sababii hanqina dareefi dhiyeessii meeshaalee barnootaan barumsa malee erga ji'a tokko barumsa malee turanii booda bifa kochoo ykn dabareen reefuu barachuu jalqabu.

Kochoon barachuun ammoo barumsa gahaafi qulqulliina qabu akka barattoonni hin arganne waan taasisuuf furmaataafillee Biiroo Barnoota Finfinneetti komee isaanii dhiyeeffachaa jirra jedhan Obbo Mohaamed.

Rakkoon gama dhiyeessiin jiru rakkoo waliigalaa manneen barnootaa Finfinnee hunda keessa jiru waan ta'eef waliin kan furamu ta'a jedhu Hogganaan Itti aanaa Biiroo Barnootaa Finfinnee Dr. Takkalaa Kabbadaa.

Rakkoo minjaalaafi meeshaalee biroo oolmaa daa'imanii Mana Barumsaa Gaara Guurii jira jedhame ilaalchisee yeroo deebisan, kan bara dheengaddaa bitamuun irra ture hin bitamiin hafeera garuu karaa biiroo barnootaa akka bitamu taasifamee yeroo ammaa toora qabateera jedhan.

Manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee keessatti yeroo jalqabutti barattoonni manneen barnootaa afranitti galmaa'an 8,000 waan ta'aniif kan duraan qophaa'ee cinaatti daree dabalataa kireeffachuun baruufi barsiisuun akka itti fufamu taasifamee ture jedhan.

Mana barumsaa afur ykn shan ijaaruudhaan rakkoo hir'ina daree ture furuun waan hin danda'amneef manneen barnootaa mootummaa Finfinnee keessa jiran hunda keessatti fedhiin jiru ilaalamee yoo xiqqaate barattoonni 25 jiraannaan barnoonni Afaan Oromoon akka banamuu qabu itti deemaa jirra jedhu Dr. Takkalaan.

Kuni barattoota naannawaa magaalaa Finfinnee jiraatanis carraa akka argatan gargaara jedhu.

"Uummanni keenya kan baruu qabu haarawaa waan banamaniif rakkoowwan ni jiraatu" jedhu.

Afaan Oromoon kan reefuu baname kana haa turuutii, seenaa Itoophiyaa keessatti barnoonni ammayaa jaarraa tokko lakkoofsiseera jedhamu rakkoon barnootaa hin furamne. Kanaaf, kan keenya kun waan adda ta'uu hin qabu," jedhu.

Abbaa ijoollee isaanii qo'achiisan
Ibsa waa'ee suuraa, Abbaa ijoollee isaanii qo'achiisan

"Qabsoodha. Qabsoon ammoo murannoo barbaada. Obsa gaafata. Hawaasa hunda waliin waltumsuu gaafata waan ta'eef hawwasni keenya nu cinaa dhaabbachuu qaba" jedhu.

"Amma irraa sirriitti itti qophoofnaan ammoo bara itti aanuuf hojii gaarii hojjenna," jechuun abdii qaban himan.

Rakkoo hir'ina daree barnootaatiin mannen barnootaa Finfinnee keessaa kochoon baratan ni jiru waan ta'eef kan Afaan Oromoo qofaa miti jedhan Dr. Takkalaan.

"Manneen barnootaa Afaan Oromoo kan jalqabame reefuu waggaa tokko ta'us garuu hojiin foyyaa'aa hojjetameera jennee amanna."

Dr. Takkalaan kan jedhan, akka seeraatti dirqama manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinneetti kan banuu qabuufi dirqama qabu Bulchiisa Magaalaa Finfinnee ture.

Garuu gaaffii kana uummanni Oromoo kaasaa turee deebii waan dhabeef gaaffichis Mootummaa Naannoo Oromiyaa irrattillee dhiibbaa fidaa waan dhufeef Oromiyaan baajata ofii isaarraa hir'isee manneen barnootaa kun akka ijaaraman taasisee jira jedhu.

Manneen barnootaa afran Mootummaan Naannoo Oromiyaa Finfinneetti ijaare barattoota 2,200 fudhate jedhee hin yaadne garuu fedhii hawwasni Oromoo qaburraan manneen barnootaa kunneen yeroo hojii jalqaban barataa 8,000 ol kan galmaa'e, jedhan Dr. Takkalaan.

Bara darbe daree dabalataa kireeffachuun dirqama akka ture yaadatanii, bara kanas barattoonni Afaan Oromoon barachuuf Finfinneetti galmaa'an walumaa galattii 11,100 ol waan ta'aniif hanqinni daree kan duraarraa caalaa mudachuus ibsaniiru.

Hanqina daree kana furuudhaaf kireeffachuun, Finfinnee keessatti manneen barnootaa qullaa taa'an fudhachuun ni furama jedhu.

Rakkoo dhiphina daree furuudhaaf fala lafa kaawamee biraan, manneen barnootaa Finfinnee keessa jiranitti gamoon dabalataa akka ijraamu karoorfamee irratti hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Leecalloowwan barnootaaf barbaachisan ammallee guutuu waan hin ta'iiniif furudhaaf kallattii adda addatiin hojjetamaa jira jedhu Dr. Takkalaan.

'Murannoo siyaasaa'

Manneen barnootaa Afaan Oromoon Finfinnee keessatti banuun barnoota qofaa miti akka Dr. Takkalaatiif dhimichi dhimma seenaafi eenyummaa Oromoo waliin walqabata.

Oromoon yeroo jalqabaa lafa isaarraa akka buqqa'uuf uleen jalqabaa Oromoota Finfinneefi naannoo ishee jiranirrra bu'e.

Kanaaf, Oromoon naannoo sanaa buqqa'eera, seenaan isaa eenyummaan isaa Finfinneedhaa buqqa'eera, jedhu.

"Manneen barnootaa Afaan Oromoo deebisanii Finfinneetti dhaabuu jechuun eenyummaa Oromoo, hundee Oromoo ganama buqqa'e sana iddootti deebisuudhaaf hojechuu waan ta'eef murannoo siyaasaa cimaa barbaada."