Barnoota: Qorumsi kutaa 12ffaa yeroo hin beekamneef darbuu Ministeerri Barnootaa ibse

Madda suuraa, Ministry Of Education Ethiopia
Qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa yeroo hin beekamnetti darbuu Ministeerri Barnootaa ibseera.
Qorumsi kan dabarfameef dhiibbaa haalli nageenyaa biyyattii yeroo ammaa uumeeni jedhan De'eetaan Ministeera Barnootaa Obbo Miiliyoon Maatiwoos.
Obbo Miiliyoon guyyaa Kibxataa ture miidyaa biyyolessaa EBC irratti ibsa kana kan kennan.
Bara darbe sababa weerara koronaavaayirasiin yeroo dhibiitti kan darbe qorumsi kutaa 8ffaa ammoo, ALI Muddee 1 hanga 30 yeroo jiru keessatti ni kennama jedhan qondaalli kun.
Qophiin qormaata kutaa 8ffaa haala naannolee irratti hundaa'uun kan taasifamu ta'uu kan eeran Obbo Miiliyoon, qorumsi garuu yeroo Ministeerri Barnootaa kaa'e keessatti ni kennama jedhan.
Qorumsi kutaa 12ffaa yoom akka kennamu yeroon kan kaa'ame ta'uu baatus, garuu rakkoon naannoo Tigraay fi naannolee biyyattii kaan keessatti dhalate wayita furamuu fi hojiin 'olaantummaa seeraa kabachiisuu' yeroo goolabamu yeroon qorumsaa ni murtaa'a jedhan Obbo Miiliyoon.
Waan kana ta'eef barattoonnis murtee Ministeerri Barnootaa dabarse ilaalcha keessa galchuun, qorumsaaf of qopheessaa akka eeggatan qondaalli kun dhaamaniiru.
Sababa weerara Covid'n manneen barnootaa akka cufamanii fi qorumsi kamuu akka yeroo biraatti dabarfamu kan murteessite Itoophiyaan, qorumsa kutaa 8ffaa ALI Sadaasa 22 fi 23 bara 2013 kennuuf karoorsitee turte.
Dabalataan qorumsa kutaa 12ffaa ammoo Sadaasa 28 hanga Muddee 1'tti akka kennu Ministeerri Barnootaa ibsee ture.
Rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti mudaterraa kan ka'e yuuniversitiiwwan biyyattii simannaa barattootaa yeroo hin beekamneef addaan kutuu, Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo ibsee ture.
Ministeerichi ergaa barattoota yuuniversitii hundaaf dabarseen, barattoonni mooraa seenan achuma akka turanii fi beeksisa mooraan baasu hordofuun akka socho'an ibseera.
Barattoonni qe'eesaaniitti gara yuuniversitii hin imalin ammoo hanga beeksisi haaraan ba'utti bakkuma jiran akka turan ibsee ture.













