Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa manneen barnootaa dhuunfaa kaffaltii akka hin daballe qajeelfama dabarse

Baratoonni oso baratanu

Madda suuraa, DEA / C. SAPPA

Manneetiin Barnootaa Dhuunfaa bara 2013tti gatii kaffaltii barnootaa dabaluu akka hin qabne qajeelfamni kennamuu Deetaan Ministeer Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Aadde Hurriyaa Aliii himan.

A.L.Itti bara 2012 keessa weerara koroonaavaayirasii irraa kan ka'e barnootni osoo hin xumuramiin addaan cituunsaa ni yaadatama.

Barattootni ji'oota dheeraaf mana turan amma akka barnootatti deebi'aniif ministeerichi qophii xumuraa jiraachuu himeera.

Kanaanis barattootni bakka gahan irraa gara kutaa itti aanuutti darbuun barnoota isaanii akka itti fufaniifi kanneen qormaata biyyaalessaa fudhatan ammoo qorumsa karaa interneetaa akka fudhatan murtaa'eera.

Rakkoo guddaadha jedhamuun Itoophiyaatti kanneen eeramaa turan keessaa tokko qulqullina barnootaa eegsisuudha. Manneetii barnootaa mootummaan cinatti manneetiin barnootaa dhunfaan abbootii qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaan banaman hedduun jiru.

Garuu qulqullinni barnootaa kennamaa turee bakka hundattuu wal fakkaataa kan hin turreefi bara kana haala kanas furuuf akka hojjechuu eegalan minister Deetaan ministeerichaa Aadde Hurriyaa Alii himaniiru.

Aadde Hurriyaan bara kana gareen manneetii barnootaa dhuunfaa hogganuufi hordofu addatti sadarkaa ministeeratti hundaa'uun hojjechaa jiraachuu himan.

Kanaan dura hojiin qulqullina barnootaafi to'annoon manneetii barnootaa dhuunfaas walitti hojjetamaa waan tureef xiyeeffannoo hin arganne ture jedhan Aadde Hurriyaan.

Amma daariktera mataa isaanii godhachuun sadarkaa ministeeraatti hundeeffamuun akka xiyyeeffannoon hojjetaman tahe jedhan. Kanaan dura gareen kana hordofu jiraatus bu'aa barbaadamu akka hin galmeessine hima.

Manneetii Barnootaa Idl-adunyaa Finfinneetti barnoota kennuu eegaluu

Itoophiyaa keessa manneetiin barnootaa dhuunfaa idil- addunyaa abbootii qabeenyaa dhunfaan saaqaman gara 21 tahan akka jiran himama.

Manneetiin barnootaa kunneenis kan imaammata barnootaa biyya irraa dhufe irraatti hundaa'uun kan banamu.

Aadde Hurriyaan akka jedhanitti, manni barumsichaa kan bane Faransaay irraa dhufee yoo ta'e, akkaataa imaammata barnoota Faransaayitti ulaagaa hunda guutee barnoota kennuu hordofna jechuun hubachiisan.

Isaan kunneenis bakka dippilomaatotni ijoollee isaanii itti barsiifatan waan taheef irra caalaa qulqullinni isaas kan ilaalamu imaammataafi qulqullina biyya sanaa kan madaalu ta'uu eeyyama kennuun dura qulqulleessina jeddha.

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa mirgaafi aangoo hordofuu kan qabu yoo ta'u, madaaluudhaan ulaagaa guutuunsaanii erga mirkanaa'een booda eeyyamni kennanaaf jedhan.

Ammattis manneetiin barnootaa idil-addunyaa 12 ta'an Finfinnee keessaa ulaagaa ittisa koroonaavaayirasiifi qulqullinaa barnootaa guutuun barnoota eegalan jedhan Aadde Hurriyaan.

Torba kan ta'an ammoo ammayyuu qophii barbaachisu waan hinrawwanneef dhorkamuu himan. Dabalataan manneetiin barnootaa lama eeyyama kan hin arganne tahuus himaniiru.

Kaffaltii gama ilaaluun ammoo manneetiin barnootaa kunneen sababa koroonaavaayirasiin barumsa gahaa kennuu waan hin dandeenyeef, mariin maatiifi manneen barnoota jidduutti taasifameen %25- %50n akka hir'atu ta'uu ministirittiin himaniiru.

''Kunis sababii dinagdeen biyyaas ta'e akka maatii Covid-19n miidhameef kana raawwatne'' jedhan. Haata'u malee, manneetiin barnootaa muraasa kana diduun rakkoo uumaa turuus himaniiru.

Baratuu olmaa daa'immanii

Madda suuraa, ullstein bild

Maatiin barattootaa daballii kaffaltii yeroo yerootti manneetiin barnootaa dhunfaa taasisan irratti komii kaasaa turan jedhan.

Aadde Hurriyaan kana ilaalchisee seerafi qajeelfamni jiraachuu himuun, manni barumsaa kamiyyuu barnoota eegalee seemistera irratti daballii kaffaltii taasisuu hindanda'u jedhan.

Kana malees akka qajeelfamaatti bara barnootaa itti aanuuf daballii kanfaltii taasisuu yoo barbaadan, ji'a sadii dursuun maatiitti beeksisuu akka qabu himan.

Kanaan maatiin yoo irratti waliigaluu baate ijoollee isaanii bakka biraatti barsiisuuf yeroo qophii isaaniif kenna jedhan.

Kana dura hanqinni hedduun gama kanaanis akka ture kan himan Aadde Hurriyaan, amma gareen manneetii barnootaa dhuunfaa addatti hordofuufi qulqullina irrattis xiyyeeffachuun akka hojjetu himaniiru.

Covid-19 fi barnoota eegaluu

Barnootni eegaluuf qophii manneen barnootaa qaban Ministeerri Barnootaa, Ministeera Fayyaa waliin tahuun hordofaa jiru.

Kunis qophii barnootaaf barbaachisaaniifi fayyaa barattootaaf barsiisotaa eeguuf wantootni barbaachisan guutamuu waliin tahuun kan hordofaa jiran himan Aadde Huriiyaan.

Ministeerri Barnootaa barnoota eegalsiisuuf gareedhaan qoodamuun gara naannolee biyyattii keessa jiraniitti bobba'uun daawwanaa gochaa jirus jedhan.

Daree barnootaa keessatti barattotni meeqa wal irraa fagaachuun taa'uun barachuu danda'u kan jedhuufi wantoota qulqullinaaf barbaachisan guutamuu ilaalaa jiraachuu himan.

Yoo kun hin guutamne barnoota eegaluu akka hindandeenye himani.

Haa tahu malee manneen barnootaa dhaabbilee amantaan, tajaajila hawwasaafi dhaabbilee miti mootummaan hundaa'an kallattumaan ministeera barnootaan hogganamu jedhan Aadde Hurriyaan.

Biirooleen Barnootaa naannolee qophii gaarii gochaa jiraachuu himanii akka ministera barnootaatti unka madaallii erganii kallatti kennuu himan.

Haa ta'u malees manneen barnootaa unka qophaa'e irratti waan ibsame hinguutne barnootas hin eegalan jedhan.