Baatiiwwan jahan darban keessa Covid-19n walqabatee Itoophiyaatti maaltu mudate?

Uummata Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti ayyaanaaf gabaa ba'an

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaatti namni Covid-19n qabame jalqabaa erga mirkanaa'ee amma baatii jaha guutuuf kan deemu yoo ta'u, hanga har'aattis namoota 1,018,847 irratti qorannoon gaggeefamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Kanaan walqabatee akkuma biyyoota addunyaa biraa keessatti mudatetti, Itoophiyaattis sababii koronaavaayiraasitiin dhiibbaan dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa kallattii hedduun qaqabutu himama.

Dhiibbaa diinagdee fi hawaasummaa

Fakkeenyaaf gama dinagdeetiin shaqaxa qinxaaboo lammiilee faayidaa guuyyaatiif barbaadanii kaasee baatiiwwan jahan darban keessatti gatii shaqaxaa dachaan dabaluu jiraattota dubbisuun gabaasuun keenya ni yaadatama.

Sadarkaa biyyaattis yoo ta'e dhiibbaan dhukkubni kun sochii daladalaa al ergiifi kanneen gara biyya keessaa galfaman irraan gahe guddaa ta'uu ogeessonni damee kanaa ni dubbatu.

Siyaasa keessatti maal jijjiire?

Akkasumas dhiibbaan sababii Covid-19 kanaatiin siyaasa biyyattii keessatti dhufe olaanaadha.

Fakkeenyaaf, yeroon filannoo biyyaalessaa Hagayya darbe gaggeeffamuuf ture akka yeroo hinbeekamnetti dabarfamu kan taasifame sababiidhuma weerara kanaatiin kan walqabate ta'uu boordiin filannoo biyyaalessaa beeksiseera.

Yeroon filannoo dabarfamuu isaatiin walqabatee ammoo mormiifi komiin paartilee siyaasaa mormitootaafi kanneen akka TPLF fa'irraa dhiyaachuun ni yaadatama.

Kunis walgaarreeffannaan paartiilee kanneeniifi motummaa biyya bulchu jidduu akka hammaatu taasiseera.

Kanumaan walqabatees paartiin naannoo Tigraayi bulchu; TPLF filannoo sadarkaa naannootti gageessuuf murteessuun qophii mumureera.

Kunis motummaa naannichaafi motummaa federaalaa jiduutti qoccollaan akka cimaa adeemu ta'eera.

Barnoota

Gama barnootaanis yoo ilaalmee, sababiidhuma dhukkuba kanaatiin barnoonni adda citee barattoonni sadarkaa tokkoffaatii hanga yunivarsitiitti argaman gara manaatti erga deebii'anii baatiiwwan lakkaa'ameera.

Dhiheenya kana Ministeerri Barnootaa galmee manneen barnootaa akka eegalu beeksiisulleen, barnoonni idilee yoom akka eegaluu ifatti kan beekame hinjiru.

Gama biraatiin ammoo maatiiwwan BBCn dubbise ijoolleesaanii deebiisanii manneen barnootaaf erguuf yaaddoo olaanaa qabaachuu himuunsaanii ni yaadatama.

Damee fayyaa keessatti maal miidhe?

Gama damee fayyaatiinis akkasuma hojjattoota fayyaa kanneen adda durummaan sochii to'annoofi ittisa vaayirasii kanaa keessatti gahee olaanaa bahaa jiran dabalatee dhiibbaan kornaavaayirasiin damee fayyaa irraan gahaa jiru kan laayyoo akka hintaanee biyyoonni addunyaalleen irra deddeebiin ibsu.

Biyya keenyattis hojjattoonni dhaabbilee fayyaa sadarkaa garaa garaa keessa hojjataa jiran vaayirasichaaf saaxilamuu yeroo garaa garaatti himameera.

Sababii hojjattoonni fayyaa vaayirasichaan qabamuunsaanitiin walqabatees tajaajila namoota kaaniif kennamuurratti dhiibbaa qabaachunsaa beekamaadha.

Kana malees sodaadhumaafi yaaddoo mana yaalaa yoo deemne vaayirasichaan qabamuu dandeenya jedhuun, namoonni hordooffii fayyaa dhukkuba gara biraa irraa hafaa jiraachuun illeen dhagahamaa jira.

Akkasumas sababiidhuma vaayirasii kanaatiin talaalliiwwan daa'immanii murteessoon sadarkaa addnuyaatti osoo hin hafne dhiyeessiin isaanii gufachuun yaaddoo umuusaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.

Amma hoo weerarri vaayirasichaa maali irratti argama?

Wayita ammaa kanattis Itoophiyaatti namoonni Covid-19'f qorataman miliyoona tokko caaleera.

Kana keessaayis namoonni 57,466 vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'u gabaasni guyyu kaleessa galagala Ministeera Fayyaa biyyattiin bahee mulliseera.

Gama biraatiin ammoo namoonni 20,776 ta'an dhukkubichaan erga qabamaniin booda dhibee kanarraa fayyuunsaanii mirkanaa'eera.

Haata'u malee baatiiwwan jahan darban kana keessatti sababiidhuma vaayirasii kanaatiin namoonni 897 lubbusaanii dhabuu gabaasichi dabalee ibseera.

Duula weerara vaayirasichaa to'achuuf sadarkaa biyyaatti baatii darbe kana keessatti taasifamuu eegalameen walqabatee lakkoofsi saamuda qoratamuu haalaa dabaleera.

Haaluma walfakkaatunis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii tibbana dabaluunsaa mul'ataa jira.

Fakkeenyaaf guyyaa Sanbata kaleessaa qofatti qorannoo saamuda 24,544 irratti aggeefameen namoonni 950 haaraan vaayirasichaan qabamunsaaniifi kanneen 17 ammoo lubbunsaanii darbuun mirkannaa'eera.

Kana malees namoonni 326 wallaansa namoota ciminaan dhukkubsatanii keessatti kan argaman ta'un ibsameera.

Jiddugalawwan wallaansa namoota Covid-19n qabaman itti yaalamaa jiran keessaa tokko kan ta'e Jiddugalli Barkumee dabalaaaa dhufuu baay'ina namoota vaayirasichaan qabamaniitiin walqabatee, hir'inna eddoo fi meeshaalee namoota ciminaan dhukkubsataniin wallaanan mudachusaa BBC'tti himunsaa ni yaadatama.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa